Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitiin atileetiin Itoophiyaa fi Keeniyaa maraatoonii sa'aatii lamaa gadiin akka galan dandeessise maalidha?
Dorgommii Maraatoonii Landan Dilbata Ebla 26, 2026 gaggeeffameen atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa olaantummaa qabatanii ture.
Maraatoonii kan dubartootaan atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa rikkardii ofiin qabattee turte fooyyeessuun Keeniyaanota dursitee mo'atteetti.
Dorgommii dhiirotaan ammoo atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawee fi atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa duraafi duubaan saatii lamaa gadiin galuun addunyaa ajaa'ibsiisaniiru.
Atileetiin Keeniyaa umuriin isaa waggaa 30 ta'e Sabaastiyaan Saawee dorgommicha xumuruuf sa'aatii 1:59:30 qofa itti fudhate.
Kana jechuun Kalviin Kipchoogeen bara 2023 sa'aatii 2:00:35 galmeessuun rikkardii qabate daqiiqaa tokkoon fooyyesseera.
Addunyaa kanarratti maraatoonii saatii lamaa gaditti fiigamuu akka danda'u jalqaba kan agarsise bara 2019 lammii Keeniyaa Iliyuud Kipchoogee ture.
Haata'u malee, rikkardiin kun kan argame bifa ifa ta'ee waan hin turreef hin galmoofne.
Maraatoonii Landan kanarratti wanti ajaa'ibaa biraan atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa lamaffaa ba'ee kan xumure sa'aatii lamaa gadiin galuu isaati.
Yoomiif Qajeelchaa dorgommii kana 1:59:41 galuun xumure.
Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa maraatoonii dubartootaan rikkardii ofumaan qabatte fooyyeessuun 2:15:41 irratti galuun seenaa hojjetteetti.
Dorgommii maraatoonii atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa akkamiin dhuunfatan?
Baha Afrikaatti kopheewwan ammayyaa'oon fiiguu
Akkuma dameewwan ispoortii biroo fiigichi fageenya dheeraas gama leenjii, sirna nyaataa fi meeshaaleetiin jijjiirama keessa jira.
Keessummaa waggoota torban darbe keessaa atileetonni kopheewwan ulfaatina gadi aanaa qabanii fi teeknolojiidhaan deeggaraman irraa haalan fayyadamaniiru.
Fakkeenyaaf, rikardiin fiigichi maraatoonii dhiirotaa waggoota 20 darbanitti daqiiqaa afurii oliin fooyya'eera.
Rikardiiwwan kunneen adda kan godhummoo damee dorgommii walfakkaatuun atileetota biyyoota muraasa irraa dhufaniin ta'uudha.
Olompiikiiwwan darban shan keessatti atileetonni Itoophiyaa fi Keeniyaa fageenya meetira 800 irraa eegaluun dorgommiiwan turan irratti meedaaliyaawwan hedduu argataniiru.
Dorgommii Olompiikii dhiirotaan sa'aatiiwwan fooyya'aa 20 keessaa lama qofatu atileetii Itoophiyaa yookan kan Keeniyaatiin hin galmoofne.
Dorgommii maraatoonii dubartootaatiinis atileetota saffisoo 20 keessaa 18 kanneen Itoophiyaa fi Keeniyaa irraa ta'ani.
Milkaa'ina isaaniitiif gumaacha guddaa qaba kan jedhamu ammoo biyyoota lamaanitti gaarreen Sulula Qinxaamaa gumaacha qabu. Keeniyaas ta'e Itoophiyaa irraa atileetonni milkaa'an hedduun iddoowwan akkasiitiyi.
Qorannoowwan saayinsii akka mul'isanitti, namootni magaalotaa fi iddoowwan olka'iinsa qixa galaanarraa olka'aa qabanitti dhalatan, iddoowwan olka'iinsa olaanaa qabanii fi hamma Oksijiinii gadi aanaa qabanitti yeroo shaakala godhan cimina onnee fi sombaa nidabala.
Kuni garuu milkaa'inaaf wabii hin ta'u. sababni isaas biyyootni akka Neppaalii fi Boliviyaas waan jiraniif.
Atileetonni biyyoota kunneen irraa dhufan damee atileetiksii addunyaa irratti dhiibbaa uumuu hin dandeenye.
Atileetota Itoophiyaa fi Keeniyaa adda kan godhu Fiigichi dhaloota gidduutti qaama jireenyaa ta'uusaati.
Aadaa fi fedhii
Atileetii beekamaan Itoophiyaa Hayilee Gabrasillaasee, yeroo ijoollee ture fageenya dheeraa miilaan deemuun bara turee asitti magaalummaan haalan guddachaa dhufuu hubata. Garuu Keeniyaa fi Itoophiyaa keessatti fiigichi qaama aadaa ta'ee hafeera.
Atileetii beekamaan biyya Ispeen kan yeroo dheeraaf Keniyaa keessa jiraate, Mark Rooyig, ijoolleen isaa mana barumsaa itti baratan keessatti waa'ee fiigichaa yeroo odeessan maatiin kaan baayyee akka hin raajamne hima.
Rooyig erga keeniyaatti fiigichi aadaa ta'uu baree 'achi deemee ani atileetidha jedhee hin haasa'u' jechuun qoosaan dubbata.
Atileetiin Ispeen kuni yeroo ammaa magaala xiqqoo Itaan jedhamtu kan Naayiroobii irraa kiiloomeetira 260 fagaattee argamtu keessatti pirojektii atileetota lafaa dhufoo leenjisu hooggana.
Magaalli Itan naannichatti "Magaala Moo'attootaa' jedhamuun beekkamti. Sababni isaas bakka argama atileetota waltajjii aaddunyaa irratti injifannoo gurguddaa argatanii waan taateefidha.
Guddattoonni amma leenjii fiigichaa irra jiranis daandiiwwan isaan irratti shaakalan daandii atileetonni milkaa'oon isaan dinqisiifatan irra fiigan waan ta'eef isaaniif hamilee guddaadha.
Keessumaa biyyaa fi ardii hiyyummaan luka qabdee jirtu keessatti fiigichaan milkaa'uun carraa guddaadha.
"Akkuma Biraazilii fi Arjantiinaa keessatti ijoolleen maatii galii gadi aanaa qaban irraa dhalatan taphattoota kubbaa miilaa beekamoo ta'uu hawwan, Keeniyaanotnis jireenya isaanii atileetiksiidhaan jijjiiruuf hawwu. Kanaafimmoo warri fakkeenya ta'an hedduun waan jiraniif daran isaan onnachiisa" jedha Rooyig.
Sabaastiyaan Saween nama jalqabaatii miti kan jedhamuuf maaliifi?
Namni Googilii irratti atileetii maraatoonii sa'aatii lamaa gadi fiige jedhee barbaade seenaa Iluud Kipchoogee argata.
A.L.A bara 2019 fiigicha maraatoonii addaa Viyeenaatti qophaa'e irratti Kipchoogeen sa'aatii tokkoo fi daqiiqaa 59 sekondii 40 fiige. Fiigicha waggaa lamaan dura magaala Xaaliyaanii Monzaatti qophaa'e irrattis Atileetonni Keeniyaa kana milkeessuuf sekondii 26 qofa duubatti hafan.
Haata'u malee, dorgommiiwwan lamaanuu atileetiksii addunyaa irraa beekiamtii hin qaban. Sababni ammoo injifannoowwna kuni kan galmaa'an haala dorgommii idilee irra hin jirre keessatti. Fakkeenyaaf, Kipchoogeen saffisa isaa akka jijjiiruuf fiigsistoota cinaa isaa hiriiranii fiiganiin deeggarameeti.
Waan inni dhugullee kan itti kennan namoota biskileetiin isa hordofaa jirantu harkatti kennaaf. Kuni ammoo dorgommii idilee irratti bishaan minjaala irra kaa'amee jiru fudhatanii dhuguu irraa addummaa qaba.
Ilud Kipchoogee dorgommii kanarraa badhaasa yabbuu waan argateef waa'een rikardii addunyaa ta'ee galmaa'uu dhabuusaa hedduu isa hin cinqine. Isa waliin kan hojjetu saayintistiin ispoortii biyya Biriiteen Andiriiwu Joonsis akkuma isaa waan galmaa'uu dhabuutiif xiyyeeffannaa hin kennine.
"Dhuunfaa kiyyaan bu'aan kuni kan waalta'e ta'uu dhabuun dantaa naaf hin kennine. Namni Ispoortii keessatti hirmaatu hunduu sa'aatii lamaa gadi fiigamuu akka danda'u beekuu barbaadu ture. Kuni akka danda'amu agarsiisneerra," jedhan.
Maashaa qaamaa barsiifachuu
Atileetota beekamoo waliin maraatoonii fiiguun hamma namni tilmaamuun olitti ulfaataadha. Bara 2023 Kelviin Kiptum kiiloomeetira tokko daqiiqaa 2 fi sekondii 51 fiige. Garuu raga atileetiksiin addunyaa bara 2019 baaseen atileetiin dhiiraa tokko kiiloomeetira tokko kana fiiguuf daqiiqaa 6 fi sekondii 43 itti fudhata jedha.
Akka Piroofeesar Joons jedhanitti qabxii akkanaa fiduun irree qaamaa irratti murtii fi tarkaanfii cimaa fudhachuurraa dhufa.
"Saffisa olaanaan fiiguuf fageenya dheeraadha. Atileetiin maraatoonii bakka kamittis ta'u dhiibbaa irree qaamaa isa mudachuun waan hin oolle. Dhiibbaan xiinsammuus nijiraata," jedhan.
Atileetonni maraatoonii torbee tokko keessatti fageenya kiiloomeetira 160 ta'u shaakalaaf fiigu. Fiigicha kana keessatti irree , lafee fi bakka qunnamtii qaamaa iratti dhiibbaan uumamu laayyoo miti.
Kanaaf jecha atileetonni maqaa gaarii qaban waggaa tokko keessatti dorgommii lama caalaarratti hin hirmaatan.
Atileetonni Sululawwan Qinxaamaa keessaa bahu
Iluud Kipchoogeen atileetii filataaa maraatoonii sa'aatii lamaa gaditti fiigee xumure ta'ulleen, ogeessonni garuu atileetiin baayyee hin beekamne sulula qinxaamaa keessaa dhufee addunyaa ajab jechisiisa jedhanii tilmaamanii ture.
Ogeessonni kunneen Kelviin Kiptum kan bara 2023 maraatoonii yeroo sadaffaaf qofa fiigee rikardii addunyaa qabachuun waan ajaa'ibaa galmeesse akka agarsiistuutti kaasu.
Atileetiin duraanii Keeniyaa Martiin Keeyinoo, "Sulula qinxaamaa keessaa atileetiin nuti hin arginee fi raajii hojjetu bahuu mala. Atileetota kennaa fi dandeettii addaa qabantu jira," jedhee ture.
Saweenis kanuma godhe. Sulula qinxaamaa keessatti kan dhalate atileetiin ganna 31 kuni, dorgommiin maraatoonii Landan Kan inni irratti Rikardii addunyaa haaraa galmeesse isaaf dorgommii maraatoonii afraffaa ture.
Garuu agarsiistuuwwan bu'aa kanaa jalqabumaa mul'achaa ture. Saween dorgommiiwwan maraatoonii sadan amma dura irratti hirmaate moo'ateera.
Garuu injifannoon amma duraa sa'aatii lamaa gaditti hin turre.
Dubartoonni daangaa 'hin danda'amu' jedhame cabsaniiru
Bara 1970 keessa ture dubartoonni dorgommiiwwan maraatoonii daandiirraa akka Niwu Yoork irratti akka hirmaataniif kan heeyyamame.
Bara 1980 keessa ammoo dorgommiiwwan akka Olompiikii fi Shaampiyoonaa irratti akka hirmaatan heeyyamame.
Idoon hin kennamneef ture. Sa'aatii saffisaan bara 1971 hanga 2002 gidduutti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 55 irraa gara sa'aatii lamaa fi daqiiqaa 17tti gadi bu'eera.
Bara 2019 atileetiin keeniyaa Biriijdii Koseey fageenyicha sa'aatii lamaa fi daqiiqaa 14 fi sekondii 04 xumuruun rikardii addunyaa qabatte.
Rikardiin kuni bara 2023 atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa Barliin irratti sa'aatii lamaa fi daqiiqaa 11 fi sekondii 53 xumuruun rikardicha ofharkatti galfatte.
Saayintistoonni Ameerikaa bara 2015 qorannoo taasisaniin rikardiin atileetiin Biriitaaniyaa Paawulaa Radikliif bara 2003 Maraatoonii Landan irratti sa'aatii lamaa fi Daqiiqaa 15 fi sekondii 25 xumurte 'Waan hin danda'amne' jechuun ibsanii ture.