Biyyoota addunyaa bal'ina lafaa fi baayyina uummataan gurguddoo ta'an 7 kunneen beektuu?

Baasil Kateederal Mooskoo jiru

Madda suuraa, St Basil's Cathedral in Moscow, Russia. Photo by Mark Kolbe/Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bilbila keessan irratti Google map irraa ykn ammoo kaartaa ilaaltanii addunyaarraa biyyi guddoon kam akka taate ilaaltanii beektuu?

Kaartaa irratti yeroo baay'ee biyyi ykn bakki tokko handhuura lafaa irraa gara bantii kaabatti hanguma fagaataa deemu guddaa fakkaata. Kana jechuun kaartaa irratti Giriinlaand Aljeeriyaa caaltee mul'atti. lafarratti dhugaansaa akkas ta'uu baatus.

Ofii addunyaarratti biyyoonni bal'ina lafaan gurguddoo ta'an 10 eenyu fa'i. Ardii Afrikaa keessaa biyyoota gurguddoo addunyaa keessa biyyi jirtu kami? kanneen jedhan haa ilaallu.

1. Raashiyaa

Addunyaarraa guddinaan Raashiyaatti kan qixxaatu hin jiru. Guddinni lafa Raashiyaa biyya guddinaan itti aantee lammaffarraa jirtuyyuu dachaadha.

Bal'ina lafaa iskuweer kiilomeetirii 17,098,246 qabaachuudhaan addunyaarraa biyya lafa bal'oo qabduudha.

Lafa bishaaniin hin haguugamne kan addunyaa keessaa harka 11 Raashiyaatu qabatee jira.

Addunyaarraa biyya guddoo ta'uun sadarkaa tokkoffaarra jiraattus baay'ina uummataa lafa ishee madaalu hin qabdu.

Uummata miliyeena 147.1 qabaachuun baay'ina uummataan addunyaarraa sadarkaa 9ffaarratti argamti.

Magaalaa guddoonshee Mooskoo yoo ta'u, dachee bal'aa qabdu keessaa harki caalaan sababa cabbiifi haala qilleensaa qorraan uummannni irra hin jiraatu.

Sirni Sooviyeet Yuuniyeenii kufee biyyoonni heddu Raashiyaarraa of danda'anii osoo hin bahin ammoo bal'inni ishee dachaa ture.

Kufaatii Sooviyeetii booda diinagadeen Raashiyaa daddaaqamus, Vilaadmiir Puutiin erga aangoo qabatanii as biyyattiin diinagdeen bayyanachuun biyyoota diinagdee jabaa qaban addunyaa keessaa tokkoodha.

Gama humna waraanaan ammoo UStti aanuun, addunyaarraa biyya humna waraanaa jabaa qabduudha.

2. Kanaadaa

Kanaadaan biyya ardii Ameerikaa Kaabatti argamtu yoo taatu, guddinaan Raashiyaatti aantee sadarkaa 2ffaarratti argamti.

Kanaadanis akkuma Raashiyaa lafa bal'aa qabaattus uummata xiqqaa lafa qabduun wal-hin gitne qabdi.

Bal'ina lafaatiin walakkaan Raashiyaa gadi yoo taatu, iskuweer kiilomeetirii 9,984,670 qabaachuun addunyaarraa guddinaan kan ishee caalu Raashiyaa qofa.

Uummata miliyeena 41.2 qofa qabdi. Kanaadaan federeeshinii naannolee kolonii Biriitiish turanii yoo taatu, sirna bulchiinsa paarlaamaa kan Biriitiish fakkaatu hordofti.

Afaan Ingiliffaafi Faransaayiffaa afaan biyyattii keessatti heddumminaan dubbatamu yoo ta'u, naannoo Kanaadaa irraa fottoquu barbaaddu Kuubeek keessatti ammoo irra jireessan afaan Faransaayiffaatu dubbatama.

Uummata Kanaadaa keessaa hawaasi ganamaa %4 qofaadha.

Paarkii biyyaalessaa US

Madda suuraa, Grand Canyon National Park in northern Arizona, USA. Photo by Wolfgang Kaehler/LightRocket via Getty Images

3. USA

Ameerikaan guddina diinagdeefi cimina humna waraanaan addunyaa dursitus guddina lafa qabduun garuu sadarkaa 3ffaarratti argamti. Guddina lafaan qofa osoo hin taane baay'ina uummataatinis sadarkaa 3ffaarratti argamti- Hindiifi Chaayinaatti aantee.

Omishi waliigalaa Ameerikaa nuusa addunyaan omishtuu kan gahu yoo ta'u, bajanni waraanaa ishee ammoo ida'ama bajata waraanaa biyyoota addunyaatti dhiyata.

Ragaan bara 2023 bahe akka agarsiisutti, US diinagdee adduntaa keessaa %15 to'atti.

Bal'ina lafaa iskuweer kiilomeetirii 9,833,520 qabaachuun Kanaadatti aantee sadarkaa 3ffarratti argamti.

Akkasumas uummata miliyeena 340 qabachuun akkuma guddinashee sadarkaa 3ffaarratti argamti.

USAn warraaqsan sirna Gonfoo Biriitiisha jalaa kan baate yoo taatu, bara 1787tti heera tumate..

Goommoo Chaayinaa

Madda suuraa, The Jinshanling Great Wall in Luanping County, China. Photo by Yang Dong/VCG via Getty Images

4. Chaayinaa

Chaayinaan addunyaarraa biyya diinagdeenis ta'ee humna waraanaan US morkataa jirtuudha. Guddina diinagdeen UStti aanuun lammaffarra jirti. Baay'ina uummataanis ammoo Hindiitti aanuun sadarlaa lammaffaarratti argamti.

Baayina uummataa biliyeena 1.4 qabaachuun addunyaarraa lammaffaa taatus guddinaan ykn bal'ina lafaatiin addunyaarraa 4ffarratti argamti.

Lafa Iskuweer kiloomeetirii 9,596,961 qabaachuun UStti aantee jirti.

Chaayinaan biyya seenaa waggaa 4,000 ta'u akka qabdutu himama; akkasumas addunyaa ammaayyaf qaroominnishee gumaata heddu qaba jedhama.

Magaalaa gudoonshee Beejing yoo ta'u, afaanota akka Mandariinii, Mongooliyaan, Yugur fi Zuyaanga jedhaman fa'aatu baay'inaan dubbatama.

Mootummaan Rippaabilika Uummata Chaayinaa bara 1949tti kan hundaa'e yoo ta'u, mootummaan Komunistii biyyattii diinagdeenis ta'ee humna waraanafi guddina kallattii hundaan addunyaarratti beekamtuu akka taatu godheera.

5. Biraaziil

Biyyi ba'ina lafaa guddaa qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 5ffaa taate biyya Laatiin Ameerikaa kan taate Biraaziilidha.

Biraaziil Kibba Ameerikaatii biyya guddoo qofa osoo hin taane, dimokiraasiifi diinagdee cimaa qabaachunis fakkeenyummaa guddaa qabduudha.

Kolonii Porchugaal jala kan turte yoo ta'u, hawaasa gosa garaa garaa qabaachuun beekamti. Hawaasa ganamaa Ameerikaa dabalatee gurraachota Afrikaa garbummaan garas geeffamaniifi qubattoonni Eshiyaarraa dhaqan heddumminaan keessa jiraatu.

Biraazila bal'ina lafaa iskuweer kiilomeetirii qabaachuun Chaayinaatti aantee addunyaarraa sadarkaa 5ffarratti argamti.

Baayi'ina uummataa Miliyeena 217.2 kan qabdu yoo ta'u, afaan Poorchugaal guutummaa biyyattiitti heddumminaan dubbatama.

6. Awustiraaliyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Awustiraaliyaan addunyaarraa biyyoota bal'ina lafaa guddaa qaban keessa tokko qofa osoo hin taane, ulaagaa barnootaa, qabeenyaa, fayyaafi haala jireenyaan biyyoota keessa jiraachuuf addunyaarraa mijatoo ta'an keessati.

Bal'ina lafaa iskuweer kiilomeetirii 7,692,024 qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 6ffarratti kan argamtu taatus, baay'ina uummataa xiqqaa qabdi.

Awustiraaliyaan uummata miliyeena 26 qofa kan qabdu yoo ta'u, hedduunsaanii naannoo bahaafi kibba bahaa qarqara bishaanii jiraatu.

Qubattoonni Biriitish bara 1788tti achi buufachuu osoo hin eegalin dura, hawaasi ganamaa 'aborijinaal' jedhaman waggoota kuma kudhan dura Eshiyaarraa garas kan godaanantu himama.

Yeroo ammaa haawasi ganamaa baay'ina uummata Awustiraaliyaa keessaa %3 hin caalani. Keessumaa Waraana Addunyaa Lammaffaa booda godaansi guddaan garasitti godhamuurraa kan ka'e, Awustiraaliyaan amma addunyaarra biyya hawaasifi aadaan garaa garaa guddaan keessa jiraatu taatee jirti.

7. Indiyaa

Indiyaan addunyarraa biyya dimikoriraasii jabaa qabaachuun beekamtuudha. Akkasuma ammoo baay'ina uummataan addunnyaa dursiti.

Uummata biliyeena 1.44 qabaachuun addunyaarraa tokkoffadha. Inumaayyuu tilmaamni dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti, bara 2038tti baay'inni uummata Hindii biliyeena 1.48 ni ta'a.

Haa ta'u garuu Hindiin bal'ina lafaa iskuweer kiilomeetirii 3,287,263 qabaachuun addunyaarraa sadarkaa 7ffaarratti argamti.

Indiyaan biyya diinagdee cimaa qabdu yoo taatu, Eshiyaa keessatti kanneen humna jabaa ijaarrataa jiran keessati.

Biyyoota Afrikaa keessaa guddina lafaan sadarkaa 1 hanga 10 keessa kan seene Aljeeriyaa qofaadha. Aljeeriyaan guddinaan addunyaarraa 10ffaarratti argamti- Afrikaadhaa ammoo 1ffaadha.