Waraanni Iraan akkamiin waa'ee duumessa wal jalaa hatuu hammeesse?


Xiyyaara xiqqaa duumessa keessa haara adii gadhiisaa deemu
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni US-Israa'el Iraan irratti gaggeessan oppereeshinii "hanna duumessaa" Baha Giddugaleessaa keessatti ta'uuf ture karaatti hambiseera kan jedhu himanni dharaa miidiyaa hawaasaarra deemaa jira.

Torban tokkoon dura gaaffiifi deebii TV Al-Rasheed irratti taasiseen, miseensi paarlaamaa Iraaq Abdullaah Al-Kaayikaanii, biyyoonni ollaa ta'an Turkiifi Iraan Ameerikaan xiyyaara fayyadamuun "duumessa diiguufi hatuuf" yaalii taasifteetti jechuun "komii galfachuu isaanii" hime.

Ragaa qabatamaa tokko osoo hin dhiheessiin, bokkaan," guyyootaafi ji'oota darban keessa gara Iraaqitti deebi'eera'' jechuun, sababiin isaa ammoo sababa US "waraana Iraan keessatti gaggeessaa jirturratti qabamtee" jirtuufidha jedhe.

Saayintistoonni akka dhalli namaa duumessa "hatu" tekinooloojiin hayyamu beekamaa ta'e hin jiru jedhu.

Dubbi-himaan Abbaa Taayitaa metirooloojii Iraaq Amiir Al-Jaabirii himannaa kana "saayinsaawaa, akkasumas waan sirrii miti" jechuun ibse. Bara darbe Fulbaana keessa - waraanni Iraan keessatti Guraandhala 28 osoo hin jalqabin ji'oota jiran keessa barri 2026 Iraan keessatti bara roobaa akka ta'u raagameera.

BBCtiin kan gaafatame miseensi paarlaamaa Iraaq Abdullaah Al-Kaayikaanii himannaa kana irra deebiyuun, "ta'e jedhamee Iraaq keessatti hongeen/goginsi akka mudatuuf, meeshaan atimoosfara jijjiiru" bobbaafameera jedhe, garuu waan jedhe kanaaf ragaa qabatamaa hin dhiyeessine.

Dargaggeessi huudii cuquliisa uffatee daandii lolaan fudhaterra bishkileetii oofaa jira.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggeessi huudii cuquliisa uffatee daandii lolaan fudhaterra bishkileetii oofaa jira.

Haata'u malee, yaadni inni kenne kun dubbii torbanoota dhiyootiin asitti miidiyaa hawaasaarra deemaa jiru dhugoomse.

Turkii keessatti, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko waraana Iraan keessatti gaggeeffamaa jiruufi bokkaa cimaa walitti fufee biyyattii keessatti mudate walitti qabsiisuu yaalu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka ragaa Ministeera Haala Naannoo, Magaalaa fi Jijjiirama Qilleensaa Turkiitti, Fulbaa keessa ciidhinsi addaa waggoota 66 asitti mul'atee hin beekne mudateera.

Ergaa miidiyaa hawaasaarratti bahe namoonni si'a miliyoona tokkoo ol ilaalan keessatti, fayyadamaan miidiyaa tokko Turkii keessatti "osoo walirraa hin citiin" raabaa jira; kun ammoo daangaan qilleensaa sababa waraanaan waan cufateef US akka duumessa "hatuurraa' dhorkeera jedha.

Fayyadamaan miidiyaa hawaasaa biraa hongeen/goginsi hamaan kan waggoota kurnan keessatti Iraan keessatti mudate keessaa isa baayyee hamaadha jedhame Iraan qabeenya US Baha Giddugaleessaa keessa jiru haleeluu hordofee "guyyaa shan keessatti dhaabbate" jechuun himannaa sobaa dhiyeesse.

"Baay'een isaa sababa wal amantaa dhabuu, hubannoo dhabuu marsaa haayidirooloojii, sirna qilleensaa irraa kan ka'edha," jedhu daayreektarri Yunivarsiitii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Inistiitiyuutii Bishaanii, Naannoo fi Fayyaa Kaaveh Madaanii.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa himannaa bu'uura hin qabne kana qoodan, ka'umsi rakkoo kanaa adeemsi ittiin duumessaa jijjiiran (duumessa dorrobsiisan) "cloud seeding" jedhamuun beekamu akka ta'e dubbatu.

Kun ammoo dhimma akka meeshaa siyaasaa ta'uun gargaafraa jira jedhu.

Duumessa dorrobsiisuun [Cloud seeding] kun tooftaa haala qilleensaa fooyyeessuu yoo ta'u, duumessa jiru too'achuudhaan rooba ykn cabbii dabalataa akka oomishaniif gargaara.

Xiyyaara fayyadamuun paartikiloota xixiqqoo akka Siilver ayoodaayidii duumessatti gadhiisuun akka roobu taasisuun ni danda'ama.

Bara darbe Iraan rooba dhabuun rikardii takkaa galmeesitee hin beekne argite. Rooba baay'ee xiqqaa ture, kuusaan bishaanii isaanii qullaa ture jechuun ni danda'ama.

Qondaalonni biyyattii duumessa dorrobsuun naannoo haroo Urmiyaatti roobsisuuf murteessan. Haroon sun irra caalaan isaa gogee ture.

Tooftaan rooba ittiin roobsisan kun biyyoota hedduu keessatti hojiirra ooleera. Biyyoonni warri akka Ameerikaa, Chaayinaa, Yunaayitid Arab Emireetis kanneen maqaa dhahaman keessaati.

Saayinitistoonni akka jedhanitti duumessa jiru %15 oliin akka dabalu waan hin taasifneef dhiibbaan isaa xiqqaadha.

"Kana akka duumessa duraan jiru xiqqoo gabbisuutti yaadaa malee haala qilleensaa to'achuu miti," jetti Yunivarsiitii Kaaliifaa Abu Daabii keessatti qorannoo Saayinsii Naannoo i Ji'oofiiziksii kan hooggantu Prof Diyaanaa Firaansis.

Wanti leelliftoonni yaada "hanna duumessa" tarkaanfachiisan tokko tokko jedhanitti, yeroo duumessi naannoo tokko keessatti akka dorrobu taasifamutti, naannoleen ollaa jiran rooba dhaba dhabu. Haata'u malee, qorannoon ogeeyyii ammoo waan biraa agarsiisa jedhu.

"Ragaaleen muraasni kanaaf bahan haala nama ajaa'ibuun dhiibbaan isaa xiqqaa ta'uu agarsiisa, jijjiirama idilee roobaatiin ala ta'uun isaa baayyee kan hin mul'annedha ," jedha Yunivarsiitii Waayooming keessatti piroofeesara saayinsii hawaa Dr Jeef Firaans.

Dhugumatti, saayintistoonni akka jedhanitti salphaatti teknooloojiin daandii ykn cimina sirna qilleensaa kallattiin to'atu hin jiru. Yoo ta'ellee, jijjiiramni haala qilleensaa haalli qilleensaa hamaa ta'e Baha Giddugaleessaa keessatti akka mul'atuufi akka cimu taasisaa akka jiru akeeku.


Dubartoonni wayita Teehraan keessatti kadhannaarra jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Gochi dhala namaa, keessattuu boba'aa uumamaa kan akka dhagaa cilee, gaaziifi boba'aa gubuun tempireechariin addunyaa akka ol ka'u taasisaa jira.

Baha Giddugaleessaa keessatti jijjiiramni haala qilleensaa giddu galeessa kan addunyaa waggoota kurnan darban mullatu dachaa lamaan dabalaa akka jiru Dhaabbanni Meetirooloojii Addunyaa ibseera.

Jijjiiramni haala qilleensaa nam-tolchee ho'i yeroo dheeraa turuufi cimaa ta'e akka mudatu kan godhu yoo ta'u, kun ammoo qabeenya bishaanii naannicha keessatti duraanuu xiqqaa ta'erratti dhiibbaan akka dabalu taasisa jedha Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Paaneliin Gamtaa Mootummootaa Dhimma Jijjiirama Qilleensaa (IPCC).

Sababa kanaan roobni jijjiiramaa dhufeera. Yeroo baayyee akka waliigalaatti baay'ee xiqqaachaa dhufeera, garuu darbee darbee ammoo roobni cimaa mudatee lolaa cimaa hordofsiisuu danda'a.

"Haalli kun yaaddoo ummanni wabii bishaaniirratti qabu akka dabalu taasisa," jedha Yunivarsiitii Mutaah, Joordaan keessatti gargaaraan piroofeesara bishaaniifi injinariingii naannoo Dr Esraa Tarawneeh.