KALLATTIIN, Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuuf turte misaa'elaan haleeluu miidiyaan biyyattii gabaase

Eegdonni Warraaqsaa Islaamaa Iraan doonii waraanaa US misaa'ela lamaan haleelun Ulaa Hormuuz akka hin seenne duubatti deebisuu ibse, US garuu waakkatte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, UAE'n haleellaa Iraaniif deebii kennuuf 'mirga' akka qabdu beeksiste

    Hogganaa UAE

    Madda suuraa, Getty Images

    Yunaayitid Arab Emireet haleellaa haaraa irratti raawwateen Iraaniin 'itti gaafatamaa'' akka gootu beeksiste.

    Haleellaan Iraaniin raawwate jette dubbii akka hammeessuufi ''fudhatama akka hin qabne'' ibsuun qajeelfama seera idil-addunyaafi chaartarii UN akka cabsu himte.

    UAE'n dabaluun akkaataa seera idil-addunyaan ''haleellaa kanaaf deebii kennuuf mirga guutuu'' akka qabdu hubachiifte.

    Miidiyaan mootummaa Iraan ''qondaala waraanaa olaanaa'' waabeffachuun akka gabaasetti, ''Iraan karoora UAE irratti qiyyaafachuu hin qabdu.''

  2. Amma nu gahe, US bidiruuwwan waraanaa Iraan torba haleelte - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Humni waraanaa US bidiruuwwan waraanaa Iraan torba Ulaa Hormuuz irratti haleeluu Tiraamp beeksise.

    Tiraamp ibsa fuula miidiyaa hawaasaa Truth irratti maxxanseen, humnoonni waraanaa US tattaffii Ulaa Hormuuz bansiisuuf jiraniin bidiruuwwan xixiqqoo Iraan torba haleeluusanii ibse.

    Dabaluunis, Iraan dooniwwan daldalaa biyyoota biroo irratti dhukaasuu ibsuun, isaan keessaa kan Kooriyaa Kibbaa tokko ta'uu beeksise.

    Biyyoonni biroo hojii US Ulaa Hormuuz bansiisuuf gochaa jirtutti akka makamaniif irra deebiin waamicha kan dhiyeesse Tiraamp, "Kooriyaan Kibbaa yeroon isheen itti ergama kanatti makamtu ammaadha" jedhe.

    Ministiirri Ittisaa Piits Hegseet fi Walitti Qabaan Ajaja Humnoota Waraanaa US Jeneral Daan Keen bori ganama ibsa bal'aa gaazexeessitootaaf akka kennanis ibse Tiraamp.

  3. Kataar haleellaa UAE irratti raawwate 'seera idil-addunyaa cabsa' jette

    Gabaasi naannawa Fujaaraah, UAE keessaa dhagahame akka agarsiisutti, dooniin boba'aa dhaabbata boba'aa UAE waliin hidhata qabu Ulaa Hormuuz keessatti haleelamuu agarsiisa.

    Biyyi ollaa UAE, Kataar, haleellaa taankarii UAE irratti raawwate balaaleeffatteetti.

    Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Kataar ibsa baaseen ''seera idil-addunyaafi qajeeltoo karaan nagaa geejjiba galaanaa kan sarbudha,'' jedheera.

    Irra deebiin Ulaan Hormuuz ''ifatti akka banamu'' gaafateera.

    Gama kaaniin, UAE'n immoo Iraan irraa haleellaan misaa'elaa irra gahuu gabaasaa jirti.

    Waa'ee haleellaa kanaa gama Iraanii si'achi dhagahuuf jenna.

  4. Arbaa Miincitti namni beeksisa duula filannoo mallattoo paartii Badhaadhinaa tarsaase hidhaan itti murame

    Burruusa mana murtii

    Madda suuraa, ullstein bild

    Magaalaa Arabaa Miincitti namni beeksisa duula filannoo tarsaase hidhaa ji'a sagaliin adabame.

    Waajjirri Kominikeeshinii magaalaa Arbaa Miinc fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti akka ibsetti, namichi taateen kun kan mudate Kibxata darbe yoo ta'u, namni yakki itti murame kun beeksisa duula filannoo tarsaasuun himanni irratti baname.

    Beeksisi filannoo namni kun tarsaase mallattoo filannoo paartiin Badhaadhinaa ittiin dorgomu bissii kan ofirraa qabu ta'uu waajjirri kominikeeshinii magalatti ibse.

    Abbaan alangaa himata nama beeksisa duula filannoof muka ibsaa irratti maxxanfame tarsaase irratti baneen, manni murtii yakkamaadha jechuun hidhaa ji'a sagaliin adabe.

  5. Haleellaa diroonii Iraan gaggeessiteen buufanni boba'aashee haleeluumuu UAEn ibsite

    Buufata boba'aa UAE haleellan irratti gaggeeffame

    Madda suuraa, Reuters

    UAEn haleellaan Iraan irraa irratti gaggeeffamuu himataa jirti. Haleellaa misa'elaa gaggeeffamu qolattus haleellaan diroonii Iraan buufata boba'aa guddicha Fujaayiraa haleeluu miidiyaaleen UAE gabaasan.

    Buufanni boba'aa Fujaayiraa buufata doonii boba'aa biyyattiin qabdu isa guddaafi boba'aan itti kuufamuudha.

    Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti, sababa haleellaa diroonii Iraaniin abiddi buufata boba'aa kanatti qabatee jira.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu USfi Iraan gidduutti osoo hin taasifamin duras Iraan buufata boba'aa UAE kan irra deddeebiin haleelaa turte.

    Ministeerri Ittisaa Yunaayotid Arab Emireetis ibsa baasee turee, Iraan misaa'ela sadiifi dirooniin haleellaa raawwachuu beeksisee ture.

  6. Amma nu gahe, Iraan haleellaa misaa'elaafi diroonii irratti raawwachuu UAEn himatte

    Sirna ittisaa THAAD

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Iraan haleellaa misaa'elaafi diroonii narratti raawwatte jechuun Yunaayitid Arab Emireetis himatte.

    Ministiirri Ittisaa Yunaayitid Arab Emiretis (UAE) ibsa baaseen Iraan misaa'elaafi dirooniwwan itti dhukaasuu beeksise.

    Iraan misaa'elota sadiifi dirooninwwaniin haleellaa gaggessuu ibsuun misaa'elota lama qolachuun tokko ammoo bishaan keessatti kufe jedhe Ministeerri Ittisaa UAE.

    Sagaleen dhohiinsaa sababa misaa'ela qolatameen uumames dhagahamuu ibse.

    UAEn haleellaa kana himachuu dura akeekkachisi haleellaa misaa'elaa dhufuu akka malu lammiilee biyyattiif karaa bilbilaa ergitee turte.

    Waa'ee haleellaa gaggeeffame jedhamee kana ilaalchisee Iraan homa hin jenne.

  7. Iraan isa US dooniiwwan Ulaa Hormuuz ce'an jette 'kijiba' jette

    Doonii waraanaa US

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa US

    Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan isa Ameerikaan karaa Ulaa Hormuuz dooniiwwan darbuu dubbatte ''soba adii'' jechuun ibse.

    Duratti, Ajajaan Waliigalaa US dooniiwwan US lama karaa Ulaa Hormuuz ''milkaa'inaan qaxxaamuruu'' dubbatee ture.

    Eegasii miidiyaan Iraan ibsa Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraanirraa bahe akka qoodetti, ''dooniin daldalaas ta'e taankarii boba'aa tokkollee ... sa'aatii muraasa darban'' karaa Ulaa Hormuuz hin dabarre.

    Ibsi Humna Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraan ibsi US baaste ''bu'uura kan hin qabneefi guutummaan guututti soba'' jechuun ibse.

    Qajeelfama Humni Eegduu Warraaqsa Islaamummaa Iraanirraa bahe cabsuun ''balaa hamaa'' hordofsiisas jedhe.

  8. Iraan dooniiwwan waraanaa US'tti dhukaasa akeekkachiisa dhukaafamuu himte

    Dooniiwwan

    Madda suuraa, ISNA/WANA/Reuters

    Duratti miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz qaxxaamuruuf yaaletti dhukaasteetti.

    US garuu waan kana waakkatti.

    Humni galaanaa Iraan akka jedhetti ''akeekkachiisa kenneera''. Eegasiimmoo ''doonii diinaa irratti dhukaasni akeekkachiisaa dhukaafameera,'' jedhe.

    Akka waraana Iraanitti, dooniiwwan waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuu isaanii dura raadaarii isaanii balleessuufi akkuma raadaaraa isaanii bananiin baraman.

    ''Balaa waliigaltee dhukaasa dhaabuun qabu'' irratti humna galaanaa Iraanirraa dooniiwwan Ameerikaaf karaa raadiyoon akeekkachiisi kennamuu ibse.

    Akeekkachiisni biraallee kennamuu kan ibse waraanni Iraan, erga dooniiwwan US akeekkachiisa kenname ''didan'' booda dhukaasni akeekkachiisaa dhukaafamuu ibse.

  9. Duulli haaraa US Hormuuz ilaalchisee eegalte 'Project Freedom' maali?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Adeemsi dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman baasuu, 'Project Freedom' [Pirojektii Bilisummaa] jechuun Tiraamp waame Wixata hojiirra ooluu jalqabe.

  10. Waraanni US dooniiwwan Ameerikaa lama Hormuuz qaxxaamuran jedhe

    Ulaan Hormuuz cufamuun dhiibbaa guddaa daldala boba'aa addunyaarratti uumeera

    Madda suuraa, Reuters

    Ajajaan giddugalaa waraana Ameerikaa dooniiwwan daldalaa lama Ulaa Hormuuz keessa ''milkaa'inaan'' qaxxaamuruu beeksise.

    Dabaluunis, Humni Galaanaa US misaa'ela mancaasu erga Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamuranii booda naannicha keessa sosso'aa akka jiru ibse.

    Waraanni Ameerikaa dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa akka bahan cimsee tumsaa akka jiru ibsi bahe agarsiisa.

    Ajaji giddugala Ameerikaa ibsa isaa keessatti maqaawwan doonii daldalaa Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamuran jedhe hin ibsine.

  11. Amma nu gahe, UAE'n taankariin ishee Ulaa Hormuuz keessatti haleelamuu dubbatte

    Doonii Ulaa Hormuuz irratti

    Madda suuraa, Reuters

    Yunaayitid Arab Emireet taankariin boba'aa dhaabbata boba'aa biyyattii Adnoc waliin hidhata qabu Ulaa Hormuuz keessatti haleelamuu beeksiste.

    Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibsa baaseen namni miidhame hin jiru jedhe.

    UAE'n ibsa baasteen adeemsa Iraan kan balaaleffatteetti.

    Haleellaan Iraan raawwatte Murtee Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii ni cabsa jechuun ibsite.

    Murteen kuni bilisummaa imala dooniiwwan daldalaa kabachiisu sarba akkasumas, akka itti hin qiyyaafannes deeggarsa seeraa kenna jedha.

    UAE'n Iraan Ulaa Hormuuz biyyootarraan dhiibbaa dinagdee dhaqqabsiisuuf akka meeshaatti fayyadamaa jirti jechuun himatteetti.

    Yunaayitid Arab Emireet Iraan haleellaashee akka dhaabdu akkasumas ulaa Hormuuz akka bantu gaafatteetti.

  12. Amma nu gahe, 'Akeekkachiisa jabaa' - Iraan dooniiwwan eeyyama malee Hormuuz seenan nan haleela jette

    Humna Warraaqsa Islaamummaa Iraan

    Madda suuraa, EPA

    Miidiyaan Fars Plus, kan miidiyaa Iraan Eejansii Oduu Faarsiitti hidhata qabu dhaamsawwan Humna Warraaqsa Islaamummaa Iraan baaseera.

    Akeekkachiisi Afaan Ingilizii fi Pershiyaan bahe Ulaan Hormuz ''ammallee cufaa'' ta'uu isaa ibsa.

    Gaazexeessituun BBC Afaan Pershiyaa Ghoncheh Habibiazad akka gabaasteetti dhaamsi darbe akkana jedha:

    ''Kuni akeekkachiisa jabaa humna galaanaa Humna Warraaqsa Islaamummaa Iraanirraa darbedha. Ulaan Hormuuz ammallee cufaadha, eeyyama Rippablika Islaamaa Iraan malee qaxxaamuruun hin eeyyamamu.''

    Dabaluunis, yoo darbe ni ''haleelama'' jedha.

  13. Iraan doonii waraanaa US haleele jechuu hordofee gatiin boba'aa addunyaa dabale

    Nama boba'aa waraabuuf jedhu

    Madda suuraa, Getty Images

    Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan doonii waraanaa US Ulaa Hormuuz seenuuf turte misaa'ela lamaan haleele jechuu hordofee gatiin boba'aa addunyaa baay'ee dabale.

    Gatiin boba'aa jikitaa Brent Iraan doonii waraanaa US haleele jechuushee hordofee daqiiqaa muraasa keessatti barmeela tokkotti dolaara 4 daballii agarsiise.

    Haleellaa Iraan jettu kana hordofee gatiin boba'aa barmeelli tokko giddu galeessa dolaara 114 galeera.

    Iraan haleellaa gaggeessuu ibsitus, US garuu soba ta'uu ibse.

    Ajaji Giddugalaa US (CENTCOM) ibsa fuula X gubbaatti baaseen, dooniin waraanaa US haleelame akka hin jirreefi humnoonni waraanaa US uggura galaa buufataalee doonii Iraanirra kaa'ame hojiirra oolchaa akka jiran beeksise.

  14. Waa'ee Ulaa Hormuuz qabxiilee ijoo

    Ulaa Hormuuz karaa daangaa Omaan, Caamsaa 1

    Madda suuraa, reuters

    • Ulaan Hormuuz biyyoota Galoo Galaanaa ta'aniif akkasumas addunyaa maraaf akkaan murteessaadha.
    • Boba'aa fi gaaziin uumamaa qulqulluun addunyaa 1/5ffaan karaa kana geejjibsiifama.
    • Xaa'oon addunyaarra jiru harki 1/3ffaan karaa kanaan darba
    • Kana malees oomishaaleen dhala namaaf murteessoo ta'an kanneen akka midhaan nyaataa, qorichaa fi teeknooloojii asiin gara biyyoota Galoo Galaanaa seenu.
    • Ulaan akkaan murteessaa ta'e kun erga ji'a lama dura waraanni Iraan eegalee uggura jala jira.
    • Iraan dantaashee kabachiifachuuf, Ameerikaan ammoo Iraan irratti dhiibbaa uumuuf ulaa kana ugguranii jiru.
    • Erga waraanni eegalee dooniiwwan 2,000 ta'an, hojjettoota kuma 20 waliin galaana kanarratti ittifamanii jiru.
    • US amma dooniiwwan qabamanii ji'ootaaf turan gadhiisisuuf humna waraanaa akka fayyadamtu ibsite.
    • Iraan tarkaanfii eegalteetti, qaamni kamuu Ulaa Hormuuz humnaan seenuu hin danda'u jechuun akeekkachiiste.
    • Iraan qaamni ulaa kana fayyadamuu barbaadu karaa ishee qofa deemuu akka qabuu fi ulaa kana yoomuu olaantummaan akka to'attu ibsiteetti.
  15. Iraan misaa'elonni lama doonii waraanaa US Hormuz seenuuf turan haleele jette

    -

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Misaa’eloonni lama doonii humna galaanaa Ameerikaa naannoo naannoo ulaa Hormuz seente haleelee jette Iran.

    Akika gabaasa miidiyaalee mootummaa Iraanitti doonin kun akeekkachiisa Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) irraa kenname erga dideee darbee boodadha.

    Xiinxalaan tokko akka jedhutti dhukaasa dhaabuun Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru kan booda waan cabe fakkata.

    Iraan dooniin waraanaa Ameerikaa gara ulaa Hormuz akka hin seenne akeekkachiiftee turte

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ''doorsisa Ameerikaa'' gara ulaa bishaanii seenan ittisuuf qophii ta'uu ibse ture

    Gabaasni kun kan dhufe erga Doonaald Tiraamp waraanni Ameerikaa dooniiwwan daandii galaanaa Hormuuz kana keessatti qabaman gargaaruu akka jalqaban erga dubbatanii booda .

    Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom) akkaataa hojii kana deeggaruuf karoorfachuu fi dooniiwwan naannoo sana keessa nagaan akka ba'an gargaaruus ibseera.

  16. Hojjattootni doonii Iraan waraana Ameerikaan qabaman Iraanif kennamufi

    Xiyyaarri US yeroo doonii Iraanitti marsee to'atetti

    Madda suuraa, CENTCOM

    Hojjetoonni doonii Iraan 22 ji’a darbe Ameerikaatiin to’atamanii Paakistaanitti dabarfamanii kennamuu ibsameera.

    Mootummaan Paakistaan “har’a aanga’oota Iraanitti dabarfamu” jechuun beeksiseera.

    Hojjetoonni doonii Iraan kun gara biyya isaaniitti deebisuun “tarkaanfii wal amantaa cimsuu Ameerikaan fudhate” akka ta’e Paakistaan ibsiteetti.

    Doonittiin ammoo “suphaan barbaachisaa ta’e erga taasifameefiin booda gara abbootii qabeenyaatti deebisuuf gara qama bishaanii Paakistaanitti ni deebiti” jedhameera.

    Dooniin kun Ebla 20 wayita Galoo Galaanaa Omaan keessa jirtu “akka dhaabbattuuf akeekkachiifni sirrii” kennameefiif garuu waan diddeef, humni galaanaa Ameerikaa “faana bu’ee dhaabsisuun qabuu” danda’eera.

  17. Waraanni Iraan yoo Ameerikaan gara Ulaa Hormuuzitti kan seentu ta’e akka haleelu akeekkachiise

    Doonii Ulaa Hormuuz keessa socho'aa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp dooniiwwan akka itti socho’an dhabanii Ulaa Hormuuz keessa dhaabatan gaggeessuun baasuuf murteessuu isaa ifa godheera.

    Tiraamp adeemsa dooniiwwan kanneen baasuu gufachiisuuf kan yaalu yoo jiraate “tarkaanfii humnaa” akka fudhatan akeekkachiiseera.

    Ajajaan Giddugaleessaa Iraan ammoo ibsa baaseen “humni waraanaa alaa kamiyyu” gara Ulaa Hormuuzitti seenuus ta’e socho’uuf yaallaan “keessumaa waraanni Ameerikaa dubbi barbaadu” kana goonaan haleellaa raawwanna jedheera.

    Ajajaa Eegduu Warraaqsa Iraan kan tureefi amma miseensa Paarlaamaa kan ta’e Ibiraahim Aziiz miidiyaa hawaasaa isaarratti “giddu seentummaan Ameerikaa kamiyyu dhukaasa dhaabuu cabsuu” akka ta'etti ilaalama jedheera.

  18. Tiraamp Ameerikaan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman “eegumsaan” baasuuf akka jirtu dubbate

    Doonii US xiyyaarota waraanaa baatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Tiraamp Dilbata biyyoota dooniiwwan isaanii Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii dhaabbatan akka gargaaru dubbate.

    “Nageenya Iraan, Baha Giddugaleessaa fi Yunaayitid Isteetiif jecha dooniiwwan isaanii gaggeessaa qama bishaanii uggurri irra kaa’ame keessaa akka baafnuuf itti himneerra. Kanaaf, bilisummaadhaan gara dhimma isaanii itti aanutti deemuu danda’u,” jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.

    Tiraamp Ulaa Hormuuz keessa dhaabbatanii kanneen jiraniifi Ameerikaan gargaarsa akka taasisuuf jirtu kan itti himte dooniiwwan biyyoota kami akka ta’an hin beeksifne.

    Adeemsi dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu Project Freedom [Pirojektii Bilisummaa] jechuun Tiraamp waame kun Wixata har’aa jalqabama.

    Tiraamp adeemsa dooniiwwan kanneen baasuu gufachiisuuf kan yaalu yoo jiraate “tarkaanfii humnaa” akka fudhatan akeekkachiiseera.

    Iraan Bitootessa jalqabaarraa kaastee sochii Ulaa Hormuuzirra taasifamu guutummaan guutuutti dhorkiteetti.

    Akkuma kana ammoo Yunaayitid Isteetis dooniiwwan Iraan akka hin seenneefi hin bane dhorkaa irra keesseetti.

    Ajajaa Eegduu Warraaqsa Iraan kan tureefi amma miseensa Paarlaamaa kan ta’e Ibiraahim Aziiz miidiyaa hawaasaa isaarratti “giddu seentummaan Ameerikaa kamiyyu dhukaasa dhaabuu cabsuu” akka ta’etti ilaalama jedheera.

    Tiraamp ammoo miidiyaa hawaasaa isaarratti ergaa maxxanseen bakka buutonni Ameerikaa Iraan waliin marii “baayyee qajeelaa ta’e” akka taasisan eeruun “hunda keenya gara waan qajeelaa ta’eetti nu geessa” jedheera.

    Duulli dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu “tarkaanfii namoomaa” ta’ee himuun, maqaa Ameerikaa, Iraan fi biyyoota Baha Giddugaleessaatiin kan taasifamu ta’uu dubbateera.

    Tiraamp ergaa isaa kanaan tumsi Iraan waliin taasifamu bifa kamiin akka keessummeeffamu ilaalchisee waan jedhe hin qabu.

    Tiraamp “… sochiin doonii, namoota, kampaaniiwwan fi biyyoota balleessaa tokkollee hin raawwanne gadhiisisuudha” jedheera.

    Erga waraanni Galoo Galaanaa jalqabee kaasee namoonni galaanarra hojjetan 20,000 ta’an gara itti socho’an dhabanii dhaabbataniiru.

    Odeeffannoo biroof:

  19. Vaayirasiin doonii Garba Atileetikii irratti namoota ajjeese Hantavirus maali?

    Doonii namoonni keessatti du'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Imaltoota doonii Garba Atilaantikiirra yabalaa turte keessa turan keessaa namoonni sadi dhibee weerara Hantavirus ta'a jedhamee shakkamuun du'uu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibse.

    Kana malees namni tokko qabamuu fi namoonni shan shakkamuun ibsameera.

    Lammiin Biriteen umrii waggaa 69 tokko guddoo dhibamee Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti yaalarra jira jedhame.

    Hantavirus qabaachuun kan barame nama kana qofa. Kanarraa ka'uun weerarri vaayirasii kanaa doonii kana keessatti ka'uun shakkameera.

    Dooniin kun MV Hondius jedhamti, kan kubbaaniyyaa Oceanwide Expeditions jedhamuuti. Arjentiinaa irraa namoota 150 feetee kan kaate yoo ta'u, yeroo ammaa handaara galaanaa magaalaa Keep Verdee jiru dhaabbatteetti.

    Hantavirus hantuutaan kan baatamu yoo ta'u, wantoota gogaa ta'an qaama hantuutaa keessaa ba'anirraa foolii ka'uun qilleensarra faca'a.

    Vaayirasiin kun fincaan, bobbaa ykn gorora hantuutaa irraa ka'uun qilleensa keessa wayita tamsa'u nama qaba.

    Carraan isaa dhiphaa ta'us, wayita hantuuti nama ciniintu ykn nama madeessitu namatti darbuu danda'a.

    Vaayirasii kanaaf wal'aansa addatti barame hin jiru.

  20. Karoora nagaa Iraan dhiyeessiteef Ameerikaan deebii kennite

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan karoora nagaa dhiyeessiteef Ameerikaarraa deebii argachuu sabaa-himaaleen biyyaalessaa biyyattii gabaasan.

    Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Iraan deebiin Ameerikaan kennite karaa Paakistaaniin akka isaan qaqqabeefi ilaalaa jiraachuu dubbachuusaa maddi oduu Taasniim gabaaseera.

    Ameerikaan garuu karoora nagaa Teehiraaniif deebii kennuushee hanga ammaa ifatti hin beeksifine.

    Haata’u malee, Pirezidant Tiraamp Dilbata Kaan Niiwus Israa’eliif karoorichi fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbateera.

    Sabaa-himaaleen Iraan karoorri nagaa Teehiraan abbaa qabxii 14 Waashigiten waraanashee naannoo daangaasheerraa akka fageessitu, uggura ulaawwan galaanaa Iraan irra keesse akka kaastu, akkasumas kan Israa'el Libaanosirratti gaggeessaa jirtu dabalatee walitti bu'iinsi kamiyyu akka dhaabbatuuf kan gaafatudha.

    Karoorri kun biyyoota lamaan gidduutti guyyoota 30 keessatti waiigalteerra akka ga'amu gaafata.

    Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan: