''Haaloo ba'uuf qophaa'u...'' waanti amma lammilee Iraanitti yaaddoo ta'aa jiru maali?

Lammiileen Iraan hedduun mootummaan kun waraana booda duula ukkaamsaa hammeessa jechuun yaaddoo keessa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Iraan hedduun mootummaan kun waraana booda duula ukkaamsaa hammeessa jechuun yaaddoo keessa jiru
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ammayyuu isaanumatu achi jira. Kun haqa qabatamaan jiru. Bakka ummanni deemu hundatti, daandii konkolaataa irratti, televijiinii gubbaatti suuraa hoggantoota du'anii fi hoggantoota haaraa bakka hundatti argita.

Mormii cimaa Iraanitti ka'e, booda waraanatu itti fufe. Sana booda dhukaasa dhaabuun taasifame. Garuu mootummaan Rippabiliika Islaamaa Iraan ammallee aangoo irra jira.

Namoonni Iraan keessa jiran tokko tokko garuu sodaa qabu. Mootummaan amma jabaatee hidda gadi fageeffatera waan ta'eef haaloo bahuu barbaada jedhanii yaadu.

Lammiileen Iraan BBC waliin dubbatan hedduun sirni mootummaa deebi'ee jabaachaa jiraa jedhu. Amma humna guddaa horachuu fi Miira haaloo bahuu keessas jira jedhanii amanu.

Sana fi Diyaakoon (maqaa isaanii isa dhugaa miti) dargaggoota hiriyoottan gaa'elaa Tehran keessa jiraatanidha.

Isaan namoota baratanii fi kanneen jireenya galii giddu galeessaa qabaniidha. Garuu sirni bulchiinsa Iraan kun akka jijjiiramu ykn xumuramu barbaadu.

Gaazexeessaan kun isaan eeguuf waa'ee isaanii bal'inaan qoodurraa of qusateera.

Sababni isaas mootummaan namoota miidiyaa biyya alaa waliin haasa'an hordofuu waan da'anda'uuf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Diyaakoon jireenyi akka fooyya'u abdii qaba. "Wantoonni hedduun ni jijjiirama jedheen yaada, garuu duraayyuu jijjiirameera," jedha.

Waayita akkas jedhu ammoo Sanaan kolfaa turte. itti fuftee ''jijjiramee ?'' jettee gaafatti.

''Biyyattiin amma inumaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa harkatti kufte. Biyyattiin jeequmsa keessa jirti," jetti.

Sanaan erga Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwatanii as miira adda addatu itti dhaga'ame.

Jalqaba irratti waraana hin barbaanne ture. Yeroo waraanaa garuu hoggantoonni olaanoon yommuu ajjeefaman gammachuun itti dhagaʼama ture.

Sababni isaa sirni waggootaf Iraan bulchaa ture kun jijjiramee sirni bulchiinsa haaraan dhufuu danda'a jettee yaadde.

Garuu akkuma waraanichi dheerataa deemeen, Waayit Haawus Hogganaa Olaanaa Ayatollah Ali Kameni fi namoota olaanoo biroo ajjeesullee sirna haaraa Iraan keessatti akka hin fidne hubatte.

Hoggantoonni akka Ali Kameni erga du'anii boodas mootummaan hin kufne. Amma immoo caalaatti hundee gadi fageeffataa jira jetti.

"Kanaaf namoonni isaanii baay'een ammallee aangoo irra jiru. Wanti ani yaade hin dhugoomne. Wanti hundi ni hammaate. Nuti immoo Rippabiliika Islaamaa waliin hafne. Waraana kana injifachuun isaanii baay'ee na gaddisiisa." jetti.

Hogganaan olaanaa Iraan ajjeefame Ayaatollah Ali Kameni ilma isaanii Mojtabaan bakka bu'an

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan olaanaa Iraan ajjeefame Ayaatollah Ali Kameni ilma isaanii Mojtabaan bakka bu'an

Ummata Iraan guutuu keessaa namoonni meeqa sirna mootummaa ammaa akka deeggaru beekuun nama rakkisa. Mootummaan hiriira mootummaa deeggaru gurguddaa qopheessaa jira. Faallaa kanaatiin hiriirri mormitootaa dhorkaadha.

Maddoonni keenya amanamoo ta'an Iraan keessatti argaman, aktivistoota mormitootaa, abukaatota mirga namoomaa fi gaazexeessitoota walaba ta'an waliin dubbtaniiru. Baayyeen isaanii sodaatu ​​itti dhagahama. Mootummaan erga waraanni xumuramee booda duula ukkaamsaa biyya keessaa ni dabala jedhanii yaadu.

Dhaabbanni Oduu Aktiivistoota Mirga Namoomaa (HRANA), kan teessoo isaa Waashingitan, DC godhate akka jedhutti, waraanni dura baatii Amajjii keessa mormii geggeeffameen namoonni 53,000 ol to'annoo jala ooluu isaanii ibsa. Erga waraanni kun jalqabees kumaatamaan kan lakkaa'aman ukkaamfamaniiru.

Akkasumas ajjeechaan rikaardii ta'e namoota siyaasaa hidhaman irratti galmaa'ee jira - namoonni 21 yeroo waraanaa fannifamaniiru.

Kun waggoota 30 oliif yeroo gabaabaa akkasii keessatti lakkoofsa olaanaadha.

Namoota fannifaman keessaa sagal mormii baatii Amajjii waliin kan walqabatu yoo ta'u, 10 miseensota garee mormitootaa ta'uu isaaniitiin, lama ammoo basaasaan himataman.

Suuzaan (maqaan ishee dhugaa miti) ogeettii seeraa namoota hidhaman gargaartudha. Haalli mana hidhaa amma baayyee hammaateera jetti.

''Waraana dura, irra caalaa hooggantoota mormii ykn namoota mormii gaggeessa tiran irratti gochi hamaan raawwatama ture, Yeroo waraanaa sanatti, ammoo gochii gara jabummaan sun baayʼee cimaa dhufe."jetti.

Warri ishee ifatti sirna kan deeggaran yoo ta'u, Mootummaan yoo kufe haleellaan irra gahuu mala jettee sodaa qabdi. Obboleessa ishee farra mootummaa ta'etti yommuu himtu.

Suuzaan waraanni akka xumuramu barbaaddi garuu namoonni akka ishee dhiibbaa kana caalu akka jala galan mirkanaa'aa dha. Hiree hidhamtootaaf immoo sodaa qabdi. "Yoo waraanni kun xumurame sirnichi aarii isaa hidhamtoota irratti ni ba'a jedheen yaada. Yeroo liqeeffanneen jiraachaa jirra."

Dhugaa qabatamaa waa'ee waraana gabaasuun basaasummaan si himachiisu malaa jedhu gaazexeessitootni

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhugaa qabatamaa waa'ee waraana gabaasuun basaasummaan si himachiisu malaa jedhu gaazexeessitootni

Falmitoonni mirga namoomaa akka jedhanitti, namoonni afur Moosaad waliin hidhata qaban jedhamanii himataman bara kana ajjeefamaniiru.

Gaazexeessitoonnis ni sodaatu. Gariin isaanii miidiyaalee biyya alaa waliin odeeffannoo qooduun ykn Ameerikaa ykn Israa'el gargaaruu jedhamuun to'annoo jala oolaniiru .

Gaazexeessaan tokko (Armin jedhamu) kan michuu keenya Tehran waliin haasa'e, akkamitti dhugaa waraanaa gabaasuun qofti hidhamuudhaaf gahaa akka ta'e fi hanga lubbuu galaafachutti miidhaa kan sirraan gahu ta'uu hima.

"Kana dura yakka siyaasaatiin himatamuu dandeenya. Garuu haala yeroo waraanaa amma jiruun yoo waa'ee waraanaa gabaasne basaasaan himatamuu dandeenya." Himannaan basaasaa ammoo adabbii du'aa fiduu danda'a.'' jedha

''Kanaan dura namoota meeqa miidhamuu fi mormiin maal jechuu akka ta'e hubachuuf yaalii gochaa turre. Amma lubbuun jiraachuu qofa yaalaa jirra,'' jedha.

Kanaaf amma akka duraa mormitoonni daandii irraa baduun isaanii nama hin ajaa'ibu. Sirnichi gooftaa jireenyaa fi du'aa ti jedha.