'Iraan Ulaa Hormuz akka cuftu hin heyyamnu' - Pentaagon

Madda suuraa, Reuters
- Ministirri ittisaa US Piit Heegseetii fi qondaalli waraanaa olaanaan Daan Keen Peentagonirraa miidiyaaf ibsa kennan.
- Hegseet Ameerikaan "waraana hin feetu" garuu Iraan "oomisha biyyoota fayyaaleyyii addunyaatti ulaa bishaanii idil-addunyaa akka cuftu hin heeyyamnu" jedhan.
- Oppireeshiniin waraanaa "Project Freedom" Guraandhala 28 eegalame kan addaati. Oppireeshiniin kun ergama "ulaa daldalaa fayyaalessa weerara Iraan irraa tiksuu dha," jedhan.
- Piit Hegseet, waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan "hin xumuramne", jedhan. Haa ta'uu malee, Wixata US fi Iraan Ulaa Hormuz keessatti haleellaa raawwachaa jiru.
- Hegseet, Iraan ulaa sana keessatti "saamicha idil-addunyaa" raawwachaa jirti, sun garuu oppireeshinii "Project Freedom" jedhamuun ni dhaabbata jedhan.
- Ameerikaan ulaa kana mallattoolee "diimaa, adii fi cuquliisa" kaayuu ibsan. Dooniiwwan daldalaa US lama Wixata ulaa kanarra cehuu fi kunis Ulaan kun "yaaddoo irraa bilisa ta'uu" agarsiiftuu dha jedhan.
- Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Gaalibaaf "US nageenya imala doonii fi geejjiba galaanarraa balaarra buusuu ibsanii turan.
- Iraan yoo oppireeshinii ''Project Freedom'' danqite waraana ishee muddutu ishee eeggata jedhan.
- US olaantummaa waraana keessatti qabdu cimsitee itti fufteerti jedhan.







