Daqiiqota 13 Maanchister Siitii gatii kaffalchiisanii Arsenaaliif carraa banan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Doku scores late to salvage draw in six-goal thriller
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Daqiiqota 13 Maanchister Siitii gatii kaffalchiisan Arsenaaliif oolmaa guddaa ooleera.

Maanchister Siitiis tahe Arsenaal taphoota isaan hafan keessaa tokkoyyuu mo'amuun waancaa isaan dhabsiisuu danda'a.

Maanchister Siitiin Everteen waliin qixa 3-3 xumuruun isaa Arsenaaliif waggaa 22 booda carraa waancaa injifachuu guddaa kenneera.

Maark Geehi dogoggora guddaa hojjete Maanchister Siitii irratti akka galchiin lakkaa'amu taasiseera.

Galchii sadaffaas akkasuma dogogora taphattoota Siitiin irratti lakkaa'ame.

Peep Gaardiyoolaan waan arge amanuu hin dandeenye. Everteen qabxii lama Maanchister Siitii gachisiisan.

Inumaayyuu Jeremii Dookuun osoo daqiiqaa dhumaatti hin galchine tahe Siitiin mo'amee ture.

Everteen daqiiqaa 13 keessatti galchii sadan lakkoofsisan. Tiirnoo Baarii galchii lama lakkoofsisuun Maanchister Siitii balaarra buuse.

Amma waancaa kan murteessu Arsenaal qofaadha. Kileboonni lameen osoo Maanchister Siitiin mo'atee jiraatee carraa wal qixa qabu ture.

Amma harka Arsenaal jira. Maanchister Siitiin taphoota hafan hunda mo'achuuniyyuu gahaa miti.

Peep Gaardiyoolaan ''mo'amuurra qixa bahuu wayya'' jedhe.

''Kun garee akkamii akka tahan namatti agarsiisa'' kan jedhe Gaaardiyoolaan ''amma waancaan harka keenya keessa miti, duraan harka keenya keessa ture. Taphoonni nu hafan jiru. Mee waan tahu ilaalla,'' jedhe.

Arsenaal bara 2004 as yeroo jalqabaaf waancaa Piriimer Liigii injifachuuf jedha.

Taphoota sadan hafan mo'achuu qofatu irraa eegama.

Taphataan duraanii Arsenaal Teerii Heenerii ''ammaa booda qabxii gatuu qabna jedhee hin yaadu. Amma Arsenaal harka galeera. kun dhugaa jirudha,'' jedhe.

''Ani ammayyuu ejjennookoo qabadheeman callisa. Dursee akka waancaa mo'annetti gammachuu koo hin ibsadhu. Dhumeera jechuu hin dandeenyu'' jedhe Heeneriin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga Everteen waliin qixa bahee qabxii guutuu Maanchister Siitiin argachuu danda'u 83dha.

Arsenaal qabxii 76 qaba. Waliigalaan taphoota isa hafan yoo mo'ate qabxii 85 gaha.

Akkasumas garaagarummaa galchiidhaanis Maanchister Siitii afuriin caalu.

Maanchister Siitiin osoo Bireentfoordiin mo'ame Arsenaal dursee waancaa mo'achuu isaa mirkaneessa.

Peep Gaardiyoolaan taphichaan boodayyuu waan gaarii isatti mu;'atu dubbachaa ture. Siitiin waancaa FA Kaappii Cheelsii waliin erga taphateen booda Barnimooz waliin morkata.

Maanchister Siitiin waancaawwan biyya keessaa sadiif yoo morkatu Arsenaal carraa Piriimer Liigiis Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu qaba.

Arsenaal taphoonni isaan hafe sadii kileboota gara dhumaarra jiran waliinidha.

''Anaan kan na sodaachisu tapha West Haam waliin qabnudha'' jedhe Heeneriin. ''Akkuman har'a Maanchister Siitiif Everteeniins sodaadhe Arsenaaliifis West Haamiin nan sodaadha'' jedhe.

Wayinii Ruunii ammoo Arsenaal taphoota isa hafan sadan ni mo'a, waancaas ni mo'ata jedhe. Ruuniin bara kana itti fufinsaan Arsenaaltu waancaa mo'ata jechaa ture.

Maark Gehii fi Smenyoon taphattoota muuxannoo waancaaf falmachuu qaban miti. Kanaaf dhiibbaa akkasii jalatti dandamachuu hin danda'an kan jedhe Ruuniin kufaatiin amma isaan irraa mul'ate mallattooma kanaati jedhe.

''Akkan yaadutti barri kun kan Arsenaalidha. Baruma Arteettaati jedheen amana. Dhamaatii inni waggaa shanan kana taasisee fi morkiin inni hogganaa isaa duraanii [Gaardiyoolaa] waliin taasise waan guddaadha'' jedhe Ruuniin.

Gahumsi Arsenaal itti fufinsa qaba kan jedhe Ruuniin Siitiin garuu takka gadi bu'ee takka ammoo kileba cimaa Awurooppaa fakkaata jedhe.

''Boqonnaan dura haala gaariin taphanne. Boqonnaan booda Everteen cimaniiru, keenya ammoo dadhabina agarsiisan. Goolii isaaniif kennine. Boqonnaan booda tapha Liigii Ingiliz isa sirrii fakkeessan. Falmii jabaadha. Garuu tapha bareedaa taphanne'' jedhe.

Garuu yoo gareen lamaan mo'achuu itti fufan hanga torban xumuraatti eeguun dirqama taha.