Gaalli Affaar ho'a hammaate dandamachuu dadhabuun du'aa jiru

Madda suuraa, Reuters
Gaalonnillee dandamachuu hin danda'an. Hoo'insi dabalaa jiru 'Dooniiwwan Gammoojjii' jedhamuun kan beekaman, gaalota miidhaa jira.
Gaalli beellada Gammoojjii keessatti dandamannaa jabaa qabu waan ta'eef bakka hedduutti maqaa masoo 'Doonii Gammoojjii' jedhamun waamamu.
Amma garuu Afrikaatti hoo'ina akkaan dabalaa jiruun guddoo rakkachaa jiru.
Itoophiyaatti kan argamu Naannoon Affaar addunyaarraa bakka hoo'ina olaanaa qabuu fi gogaa ta'edha. Gammoojjii kana keessatti soogidda fe'anii kan geejjiban garuu gaalota.
Naannoo Affaar Samaraa irraa BBCtti kan dubbate Ali Umar,"Gaalonni kiyya hoo'ina olaadhaadhaan yoo rakkatan argaan jira" jedhu.
"Koomeen isaanii dhodhohee, iji isaanii bishaana'a. hoo'inni kuni qaama isaanii gubee yeroo ciisan rifeensa gogaasaaniirraa luqqisaa jira" jedha Aliin Ga'eessi ganna 40 fi namni gaalota 500 qabu.
Ji'a tokko darbe kanatti qofa gaalotni saddeet sababa hoo'a olaanaa kanaatiin akka jalaa du'anii fi haalli jiru daran ulfaataa akka deeme hima.
"Qilleensi inni yeroo kaan qabbana fidulleen amma hoo'a qaba" jedha qilleensi naannoo hangam akka jijjiirame yoo ibsu.
Haala rakkisaa sababa hoo'aatiin gaalotni argaa jiran kuni waan horsiisee bultoonni qofti kaasan miti. Saaayintistoonnii fi ogeessonni beelladaaas sababa hoo'ina olaanaa kanaatiin gaalonni dhiphina, dhukkubaa fi madinummaan isaanii miidhamaa jiraachuu eeru.
Kaabnii fi Gaanfi Afrikaa qabeenya gaalaa addunyaarra jiru keessaa harka 80 bakka itti argamu. Kutaaalee Afrikaa kanneenitti waggoota dhihoo asitti sababa hoo'inisi qilleensaa dabalaa dhufeen horsiisee bultoonni beelladoota kaanirraa gara Gaala horsiisuutti jijjiiraa turan.

Madda suuraa, Corbis via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon bara 2025 Haala horsiise gaalaa Itoophiyaa irratti taasifame akka mul'isutti, jijjiiramni qilleensaa horsiisa gaalaa irratti dhiibbaa fidaa jira.
"Kanneen qorannoo kanarratti hirmaatan jijjiiramni qilleensaa fayyaa, walhormaataa fi omisha isaanii irratti dhiibbaa akka fide himu" jedha.
Biyya ollaa kan taate Somaaliyaatti ammoo haalichi daranuu hammaataadha. Qorannoon ji'a Waxabajjii darbe bahe akka mul'isutti, sababa gogiinsaatiin du'aatiin gaalaa haalan dabaluu fi horsiisee bultoota harka 46 ta'e akka miidhe mul'isa.
Ogeessonni fayyaa beelladaa gaalota dhukkubsatan hedduuf yaala kennnaa akka jiranii fi hedduun isaanii sababa olka'iinsa hoo'aatiin akka du'aa jiran himu.
Kaaba Keeniyaa naannoo daangaa Itoophiyaa irraa kan dubbsine Hasan Guyyoo, gaalotni hedduun sababa infeekshiniitiiin miidhamaa akka jiran himu.
"Waggoota lamaan darbe kanatti duuti gaalaa sababa Hoo'aa Kanaan harka 15 guddateera" jedhu.
Kaaba Afrikaattis gaalota irratti wan walfakkaataatu mudachaa jira. Qorannoon Aljeeriyaatti adeemsifame akka mul'isutti, waqtii gannaatti hoo'a olka'een du'aatiin gaalotaa dabaleera.
Dhaabbanni Metiriyoolojii Addunyaa akka jedhetti, erga bara 1981 asitti olka'iinsi hoo'aa Afrikaa Kaabaa keessatti haalaan dabaleera. Kutaalee tokko tokko keessatti hoo'insi kuni hanga 50C gaheera.
Ogeessonni akka jedhaniti, gaalonni uumamaan hoo'ina keessoo qaama isaanii fayyadamuun qilleensa naannoo hanga 40C gahuutti dandamatanii nagaan jiraachuu danda'u.

Madda suuraa, Hassan Nuya Guyo
Yeroo akkasitti gaalonni dafqaa fi fincaan dhiisuuun jiidhinsa keessoo isaanii jiru qusatu. Gogaan isaanii furdaa ta'e ammoo ifa aduu qaama keessatti salphaaatti akka gadi hin dabarreef isaan gargaara.
Garuu hoo'insi qilleensa naannoo sadarkaa isaan dandamachuu danda'an kana bira yoo kute, Gaalonni dhiphina keessa seenu jedhu saayintistiin FAO, Dr. Mohaammed Bengumii.
"Kutaalee sahaaraa keessatti qilleensi naannoo yeroo hedduu 50C bira darba. Kunimmoo dhiphina gaalotaa haalan olkaasa, hanqina waan sooratanii, kan bishaanii fi Gaadiisa dhabuu waliin yoo dabalamu ammoo ulfaataadha" jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Yunvarsiitii Biyya Aljeeriyaa irraa Piroofeesar Abdulmejid Chema, hoo'onsi 41 hanga 45C ta'ee fi halkanii fi guyyaa itti fufiinsa qabu seelota Gaalaa kallattiin miidha jedhu.
"Madinummaan isaanii sababa hoo'a kanaatiin miidhama. Seelonni dhiiga adii isaanii miidhama. Yeroo seelonni kuni bakkatti ofdeebisuuf dhama'anitti seelotichi ofumaan of ajjeesu" jedhan.
Hoo'inni olaanaan kuni omisha aannannii isaan kennanii fi adeemsa walhormaata isanii irrattis miidhaa geessisa.
Yeroo hoo'inni qilleensa naannoo kuni akka malee dabalu horsiisee bultoonni bakkaa bakkatti beelladoota isanii godaansisuu filatu.

Madda suuraa, Ali Umer
Horsiisee bultoonni Itoophiyaas belladoota isaanii Kaaba irraa gara kibbaatti bakka soorata gaalota isaaniif argatanitti godaansisu.
Itoophiyaa irraa piroofeesarri guddina horsiisee Bultootaa Piroofeesar Daani'eel Galaan, horsiisee bultoonni kaaba biyyattii irraa gara kibbaa kan godaanaa jiraniif achitti waan tiksan dhabuu fi hoo'inaa fi gogiinsa jiru jalaa baqachuuf ta'uu himu.
Akka dhaabbanni tola ooltummaa Oksifaam jedhutti, Gaanfi Afrikaa hongee cimaa bara 2020 hanga 2023 ture irraa dandamachaa jiraatulleen ammas haala qilleensaa haamaa keessummeessuutti jira.
Akka dhaabbatichi jedhutti, sababa gogiinsa amma jiru kanaatiin kutaalee Somaaliyaa tokko tokko keessatti gatiin bishaanii hanga harka 2,0000tti dabaleera.



















