Walgahiiwwan TPLF tibbanaa waa'ee muddama siyaasaa Tigraay maal akeeku?

Namoonni yeroo wal-gahiirratti yaada kennan

Madda suuraa, Dimtsi Weyane/fb

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tibbana naannoo Tigraay maagaalota garaa garaa keessatti mariin itti fufiinsaan gaggeeffamaa jiruufi ibsi TPLF baasu muddama mootummaa federaalaa wajjin jiru hammeessufi gara waraanatti geessuu mala sodaaa jedhu jiraattota biratti uumeera.

TPLF marii uummataa magaalotaa garaa garaa keessatti gaggeessaa jiru kana mata duree "dhumaatii uummataa haa dinnu" jedhuun gaggeessaa jira.

Wal-gahicha kan gaggeessu ammoo qondaalota olaanoo TPLFti.

Ibsi TPLF yeroo dhiyoo as baasaa jiruufi mariin gaggeessu mootummaa federaalaa wajjin hariiroo duraanuu muddama keessa gale caalmaatti hammeessun waraanatti oofuu akka malu himu kanneen sochii dhaabichi Tigraayitti gochaa jiru taajjaban.

Kaan ammoo TPLF uummata waliin marii gaggeessuun bu'aa gaarii argamsiisuun gara furmaataatti geessuu akka malu kanneen abdatanis jiru.

Kanaadaatti Pirofeesara Yuunivarsiitii Kaalgarii kan ta'an Prof. Getaachoo Asaffaa kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee eegaluun waan hin oolle ta'uu sodaa qaban ibsu.

"Bifa nama gaddisiisuun waraanatti dhiyaataa akka jirrutu natti dhagahamaa jira," jedhan turtii BBC waliin taasisaniin.

Qondaalonni Tigraay haasaa taasisaniifi ibsa baasan keessatti "awwaala sirna duguuggaa sanyii sanyii raawwatee irratti..." gaalee jedhu irra deddeebiin fayyadamaa jiru. Mootummaa federaalaan "sirna duguuggaa sanyii raawwate" akka jedhan ifaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalonni naannichaa [TPLF] jecha akkanaa fayyadamuunsaanii uummanni ijoolleesaa akka waraanaf kennu qalbii hawwachuufi onnachiisuuf akka ta'e himu Prof. Getaachoon.

Gama biraan ammoo guyyoota lamaan sadan darban keessa mootummaa federaalaa irraa duulli piroppaagaandaa cimaan gaggeeffamaa jiraachuus himu.

"Kanaaf waan dhumarra gahe kan fakkaatu argaa jirra; garuummoo carraan itti waraanni hafuu danda'u hin jiru jedhee afaan guutee dubbachuu hin barbaadu," jechuun muddama TPLFfi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru ibsu.

Sochii Tigraay keessatti taasifamu itti dhiyeenyaan kan hordofan Prof. Getaachoon, nagaan akka bu'uuf Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaarraa dhiibbaan godhamaa jiru carraa gaarii ta'uu akka malu abdii qabanis himu.

Itoophiyaatti ambasaaddara Ameerikaa kan ta'an Ervin Masiingaa torban darbe gara Maqaleetti imaluun qondaalota olaanoo TPLF wajjin mariyatanii turan. Ambaasaaddarichi yeroo dhiyootti Maqaleetti ni deebi'u jedhamee eegama.

Kuni carraa gaarii ta'uu kan himan Prof. Getaachoon, TPLF garuu ergaa hin taane kennaa akka jiru ibsu.

"Kuni bifa lamaan ilaalamuu danda'a; gama tokkoon gara waraanatti dhiyaachuu agarsiisa. Lammaffaa ammoo wal-gahiiwwan gaggeeffamaa jiran irraa akka hubannutti ammoo, 'mana maree waraana dura ture deefachuufi humna keenya agarsiisuun keenya akka deddeebi'anii nu dubbisan taasiseera piroppaagaandaa jedhu fayyadamaa jiru," jechuun kuni TPLF dogoggora keessa akka galchuu malu akeeku.

Gama biraan ammoo TPLF humnoota mootummaa Itoophiyaa 'akka diinatti ilaalalan' waliin hidhata tolfachuusaaa jalqaba torban kanaa beeksisee ture.

Yuunivarsiitii Addigiraatitti barsiisaa kan ta'aniif TPLF deeggaruun yaada kennuun kan beekaman Obbo Abrahaa Takluu, wal-gahiiwwan Tigraayitti gaggeeffaman "hunda kan hammatee" ta'uu ibsuun kaayyonsaa haala siyaasafi waraanaa amma Itoophiyaa keessa jiru uummata qabsiisuu akka ta'es dubbatu.

"Kaayon wal-gahichaa haala yeroo naannoo Tigraayifi Itoophiyaa keessa jiru uummata hubachiisufi tarkaanfiwwan siyaasaafi waraanaa gara fuulduraaf qophaa'uufi," jedhan.

Waliigaltee Piritooriyaa boodas "waraanni hin dhaabbanne" jedhanii kan falman Obbo Abrahaan, dhorkaan boba'aa, bajataafi mindaa naannicharra kaa'ame akkasumas lafa lafa Tigraay naannoo Amaaratiin qabamee hafe jedhan akka ragaatti dhiyeessu.

Walgahiiwwan magaalota Tigraay keessatti gaggeeffaman irratti irra jireessan hirmaataa kan turan deeggartootuma TPLF akka ta'an maddeen BBC Tigriffaatti himan.

Warraanni bifa haaraan deebi'ee eegaluu mala sodaa jedhu Obbo Abrahaan itti waliigalu.

Naannichatti leenjii waraanaa gaggeeffamaa jiruufi, dargaggoota waraanaaf guuruu ilaalchisee yoo gaafataman, "Kuni dhimma bu'uurati," jechuun marii miilana naannichatti bal'inaan gaggeeffama jiru ammoo "hubannoo waloo uumuf" akka ta'es dubbatu.