
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni Saddeet qubannaa Masjiida Al-Aqsaa balaaleffatanMinistiroonni Dhimma Alaa biyyoota Masrii, Indoneezhiyaa, Joordaan, Paakistaan, Qaaxar, Sa'uudi Arabiyaa, Turkii fi UAE ibsa waliinii baasaniin, jiraattonni Israa’el dhibbaan lakkaa’amani fi qondaaltootni tokko tokko mooraa Masjiida Al-Aqsaa qubachuu isaanii cimsanii balaaleffataniiru.
Ibsi Kamisa galgala ba’e kun, tarkaanfiin kun sadarkaa seenaa fi seeraa Masjiida Al-Aqsaa ifatti kan cabsuu ta’uu isaa, akkasumas carraa nageenya waaraa fi furmaata biyyoota lamaanii kan gufachiisu jedhan.
Qubannaan kun dirqamaan eegumsa poolisii Israa'el jalatti raawwatame. Kun ammoo jibbaa fi fincilaa akka hammeessu ibsichi kan eere.
- Iddoowwan qulqulluu Islaamummaas ta'ee Kiristaanummaa magaalaa Yerusaalem keessa jiran eeguuf itti gaafatamummaa Joordaan qabdu akka kabajamu.
- Haala quubsumaa fi seeraa Masjiida Al-Aqsaa jijjiiruuf yaaliin godhamu kamuu akka ittifamu
- Tarkaanfiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa balaadhaaf saaxiluu danda’an akka dhaabbatu Akkasumas,
- Seera idil-addunyaa fi murtii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Yerusaalem ilaalchisee kenname akka kabajamu gaafatan
Akka qondaaltonni Filisxeem jedhanitti, poolisiin Israa'el yeroo weerarichaa hirmaattota Falasxiin hedduu gara masjiidichaa akka hin seenne dhorkuun, namoota muraasa irraniis miidhaa ga'eera.
Ibsi kun kan ba’e erga Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa’el Itamar Ben Gvir fiItamar lammiilee Israa’el dhibbaan lakkaa’aman geggeessee mooraa Masjiida Al-Aqsaatti qubachiisee booda yoo ta’u, tarkaanfiin kun Falasxiinota, Joordaan fi biyyoota Arabaa fi Islaamaa heddu mufachiisera.
Biyyoonni kunneen ibsa isaani keessatti hawaasni addunyaa Israa'el sarbama seeraa fi tarkaanfii iddoo qulqulluu irratti raawwattuu akka dhaabduuf dhiibbaa cimaa akka godhan waamicha dhiyeessaniiru.
Masjiida Al-Aqsaan Yeerusalem bahaa keessatti argama. Muslimootaaf makka fi Madiinatti aanee akka iddoo qulqulluu sadaffaatti ilaalama.Nanaawa sana Israa'el bara 1967 irraa eegalee to'attus, hawaasni addunyaa baay'een akka lafa Filisxeemitti,bulchiinsi masjiidichaa ammoo dureewwan Amantaa Joordaaniin geggeeffama