Warseessa waggoota 40 as Itoophiyaa keessa jiraachuunsaa mirkanaan hin beekamne

Warseessi yeroo fiiguu fi samii gara galgalaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Warseessi" bineensa dhaabbii qabeessa, amalli isaa ammoo mufataa fi sodaachisaadha. Bineensota gurguddoo Itoophiyaa keessatti argaman keessaa tokko ture" jedhu ogeessi eegumsaa fi Misooma qabeenya uumamaa Dr. Zalaalam Tafarraa.

Ammaan duratti bineensota bareedinaa fi ittiin beekama Itoophiyaa turan keessaa tokko akka tures himu.

Eegumsa fi qorannoo bineensota Bosonaa irratti waggoota 37 kan hojjetaniifi bara 1982 hanga 1985 hogganaa paarkii Oomoo ta'uun kan tajaajilaa turan Dr. Zalaalam, yeroo ta'etti Warseessi binneensa paarkicha keessatti argamu akka ture dubbatu.

Sanada hundeeffama paarkichaa irratti 'paarkii kana keessatti eegumsi ni taasifamaaf' jedhamanii bineensota bosonaa caqafaman keessaa tokko Warseessa ture.

Akka ogeessii kuni jedhanitti, kutaalee Itoophiyaa kibba bahaatii hanga kibba dhihaatti, magariisummaan kan beekamanii fi qabeenya uumamaatiin kan badhaadhan, barootaaf bosonaan haguugamanii kan turan, fiixee Booranaatii hanga Gambeellaatti Warseessa Dabalatee wiirtuu bineensota bosonaa hedduu ture.

Haa ta'u malee waggoota 40 darbaniif Itoophiyaa keessatti Warseessi mul'atee akka hin beekne himu.

Abbaa taayitaa eegumsa bineensota bosonaa Itoophiyaatti qorataa kan ta'an Dr. Faanu'eel Kabbadaa, yeroo dhumaatiif Warseessi Waggaa 44 dura paarkii oomoo dirree 'Iilbaa' jedhamturratti mul'achuu himu.

"Hogganaa 10ffaa paarkichaa kan turan obbo Awugichoo Tashoomaa warseessi iddoo sanatti argamuu gabaasa godhanii ture" jedhu qorataan kun.

"Eegasiin booda garuu waggoota 40 darbaniif namni Warseessa Itoophiyaa keessatti argeera jedhu hin mul'anne. Mallattoon isaan hin jiru" jedhan.

Barbaacha dhumaa kan taasisan qorataa biyya Zimbaabuwee ta'uu kan ibsan Dr. Faanu'eel, innis Warseessi dhiheenyatti mul'atee akka hin beeknee fi mallattoon homaatuu akka hin argamne ibsuu eeru.

Iddoowwan Warseessi itti argamuu danda'a jedhame hundatti si'a lamaa sadii irra deddeebiin qorannoon barbaachaa taasifamus wanti argame tokkolleen hin jiru.

Dr. Zalaalam gamasaaniin, hogganaa paarkichaa kan turan Dr. Hilmaan kan jedhaman waliin barbaachaa xiyyaaraan deeggarame taasisanis wanti mul'ate tokkolleen akka hin jirre himan.

Suurri isaallee kan hin argamne, Bineensa Warseessaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota 40 darbaniif Itoophiyaa keessaa faanni Warseessaa argamuu baatulleen, bineensi kuni biyya kana keessa akka ture wantoonni mul'isan barreeffamoonni bakka adda addaa jiru.

"ija keenyaan argineerra, adamsineerra" namootni jedhan bakka adda addaa ni jiru.

Hogganaa Paarkii Oomoo kan turan Dr. Zalaalam, manaa jireenyaa hawaasa naannoo Paarkii kanaa jiraatutti meeshaalee mana keessaa gaanfa Warseessaa irraa hojjetaman arguun waan baratamedha jedhu.

Hoggantoonnii fi eegdonni paarkii Omoo turanis yeroo adda addaatti caarraa bineensa kana arguu akka qabaatanii beekan nihimu.

Bara 1970 keessa hogganaa paarkichaa kan turan namni Leeyikun jedhaman kibba dhiha paarkii Oomoo keessatti Warseessi ni mul'ata ture jechuu isaanii Dr. Zalaalam nihimu.

Kanaan alatti lammiileen biyya alaa Itoophiyaa daawwatan bineensa kana akka argan ragaa nibahu.

"Imalaan biyya alaa isweeyin jedhamu bara 1983 karaa harariin naannoo amma dahoo Arboota Baabbilee jedhamutti Warseessa adamsuu isaa ragaa barreeffamaan kaa'era" jedhu Dr. Faanu'eel.

Warseessi paarkii Oomootiin alatti naannoo Somaalee paarkii Garayilee, Booranatti, Ogaadenitti, Kafaatti, Gaamoo Gofaatti, Gaambeellaa fi sidaamaatti akka argamaa ture ogeessonni nihimu.

Ammalleen iddoowwan Warseessi itti argama jedhamee shakkamuu fi qorannoon barbaachaa akka taasifamuuf eegamaa kan jiru Naannoo Oomoo, Daangaa keeniyaa Booranaa fi paarkii Garayileeti.

Warseessaa fi ilmoo ishee

Madda suuraa, Getty Images

BBC'n gabaasa kana irratti bineensi kuni paarkii Oomoo keessatti argamee turuu waan akeeku ragaa barreeffamaa waajjiraa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Itoophiyaa irraa hin arganne.

Ragaa Warseessi bineensota bosonaa paarkii Oomoo keessatti eegumsi akka tasifaamuuf tarreeffamanii turan keessaa tokko akka ture akeekus hin arganne.

Kanaan alattis 'suura Warseessaa Itoophiyaatti kaafame qaba yookan argeera' namni jedhus hin argamne. BBC'n gabaasa kanaaf suura Warseessaa qaamolee adda addaa irra argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Waggaa 60ffaa hundeeffama isaa kabajaa kan jiru abbaan Taayitaa eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa Warseessa tarree bineensota bosonaa baduuf dhihaatanii jedhu jalatti ramade.

Akka ogeessonni jedhanitti, hireen Itoophiyaa keessaa baduu Warseessa qofatti kan aggaamame miti. Sababoota adda addaatiin bineensonni Itoophiyaa keessaa baduuf dhihaatan hedduudha. Kanneen keessaa ammoo Sareen Bosonaa Afrikaa fi Harree diidoon keessatti argamu.

Abbaan Taayitichaa tarree bineensota bosonaa baduuf dhihaatan jalatti bineensota bosonaa 14 tarreesse. Tarree kana jalatti warra eeramana keessaa sardiida Itoophiyaa, harree diidaa, Niyaalaa fi Waaliyaan keessatti argamu.

Kanaan alattis Leenci, Saatawwaa, Roobii, qeerransi fi bineensonni bosonaa 21 ta'an warra 'kanneen rakkoof saaxilaman' jalatti ramadaman.

Waliigalatti yoo ilaalamu bineensonni bosonaaa 41 ta'an balaa hamaa fi sadarkaa adda addaaa kan itti aggaamamee jiru ta'uu abbaan taayitichaa ifoomseera.

Dr. Faanu'eel Kabbadaa akka jedhanitti, rakkoon kuni baroota keessa kan dhufe yoo ta'u, iddoowwan tokko tokkotti bineensonni kunneen baduun maqaan qofti bakka itti hafe akka jiru himu.

"Fakkeenyaaf naannoo Ciroo, Arba Rakkattee, Arba Guuguu, Gaara Qorkii, Gaara Leencaa iddoowwan jedhaman jiru. iddoowwan kunneen Leencaan, Arbaanii fi Qorkeen kan moggaafamani. Bineensonni kuni har'a achi hin jiran" jedhu.

Paarkii Awaash keessatti Guchiin, Saatawwaa fi Arbi akka ture ragaaleen barreeffamaa ni ibsu. Amma garuu buineensonni kuni hin jiran.

Waggoota 60 darban bineensonni paarkii keessa jiru jedhamanii tarreeffaman amma garuu qabatamaan hin jirre hedduu akka ta'e himu Dr. Faanu'eel.

Itoophiyaatti Warseessi akkamiin baduuf dhihaate?

Ogeessonni Warseessi adamoon itti hammaatee dhumuu akka hin oolle himu. Akka Dr. Zalaalam jedhanitti, hafteen qaamaa bineensa kanaa kutaalee addunyaa keessatti waan qorichummaaf akkaan barbaadamudha.

Keessumaa Hindii fi Chaayinaa keessatti qorichummaaf hedduu barbaadama. "Qunnamtii saalaatiif kakaasa' jedhamee waan amanamuuf Afrikaatti Warseessi rakkoorra bu'e.

Sababa kanaanis Warseessi amma Afrikaa keessa jiru warra loltuudhaan eegaman qofa.

Yamaan keessatti Goraadee qabannaan isaa gaanfa Warseessaa irraa hojjetame qabachuun akka kabaja olaanaatti ilaalama. yaman Itoophiyaaatti dhiheenya waan qabduuf warseessi asii adamfamee kanaaf ooluu hin oollle jedhu ogeessonni.

Baroota darban keessaa ilkaan Arbaa, Gaaffi Warseessaa, gogaan Leencaa fi Qeerransaa irraa omishaaleen hojjetaman daldala alaatiif oolaa turuu kan himana Dr. Zalaalam, waggaatti Ilkaan arbaa Kiiloogiraama kuma 45 gara alaatti ergamaa akka ture ragaaleen mul'isan jiraachuu eeru.

Rakkoon biraa bineensota bosonaa adamsanii ajjeessuun akka mallattoo gootummaatti ilaalamuudha. Kuni lakkoofsi bineensota bosonaa akka hir'atuu fi baduuf sababa tokko ta'uu eeru ogeessonni.

Ciramuu bosonaatiin bineensonni bosonaa dahoo dhabuunis sababa biraati.

"Paarkiin Baalee yeroo Dargii irra agara ADWUI'tti cehamu Niyaalaan lakkoofsaan hedduuttu ajjeefame. Niyaalaan bineensa Itoophiyaa keessatti qofa argamu yoo ta'u yeroo sana miidhaa guddaatu irra gahe"

"Ajjeechaan suni kan dhaabbate hirmaannaa uummataatiini. Sanqalleettis Qorkii irra miidhaa walfaakkaataatu gahe" jedhan Dr. Zalaalam.

Hidhannoon meeshaalee waraanaa babal'achuu, pirojektiiwwan gurguddoon dhufuu, qubannaan uummaataa dabaluun, babal'ifannaan lafa qonnaa hir'achuu bineensota bosonaatiif warra shoora olaanaa gumaachani.

Akka ogeessi eegumsaa fi misooma Bineensota Bosonaa Dr. Faanu'eel jedhanitti, bineensi bosonaa tokko 'Badeera' jedhamee labsamuuf adeemsaa saayinsawaa mataasaa danda'e qaba.

Aammatti Itoophiyaa keessaa Warseessi badeera jedhamee xumurarra hin gaahamne. Isaan duratti qorannoon barbaachaa jabaatee akka itti fufu himu.

"Bineensi tokko badeera jedhamee labsamuuf akka saayinsiitti ulaagaalee guutamuu qabantu jira. Bineensi kuni hanga ammaa hin mul'anne jechuun biyyattii keessa hin jiru jechuu miti" jedhan.

Ogeessonni ogummaa Kanaan gahumsa olaanaa qaban qorannoo addaa erga taasisaniin booda jiraachuu fi baduun isaa kan mirkanaa'u.

Warseessi Itoophiyaa keessaa baduun qorannoo akkanaatiin yoo mirkanaa'e, Itoophiyaan sanyii bineensa Bosonaa tokko dhabdeetti jedhamee bal'inaan ibsama.

Yeros maqaan 'Warseessa' jedhu 'Ture' jedhamee yaadannoo qofatti hafa.