Waraanni Ameerikaa haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Iraan misaa'ela bilaastikaan humnoota US Baha Giddugalaa jiran irratti haleellaa gaggeessuu hordofee waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise.
US haleellaa kan gaggeessite Roobii halkan yoo ta'u, haleellaa Iraan raawwattee turte haaloo bahuuf akka ta'e ibsite.
Iraan Kibxata darbe buufata waraanaa US Yordaanositti argamuufi dooniwwan Ulaa Hormuuz irratti haleellaa gaggeessuunshee ni yaadatama.
Ajaji Giddugaleessaa US (CENTCOM) ibsa baaseen, haleellaa Iraan Kibxata darbe raawwatte haaloo bahuuf jecha, buufataalee waraanaa Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) heddurratti haleellaa "cimaa" gaggeesse jedhe.
Biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu kan eegalan, mariitti deebi'uu ibsanii guyyoota muraasaaf walitti dhukaasuun erga dhaabbatee boodadha.
USfi Saawudiinis waliin ta'uun hidhattoota Iraanin deeggaramaniifi Iraaq keessa socho'an irratti haleellaa gaggeessanii turan.
Haa ta'u garuu, Saawudii Arabiyaan dubbiin akka tasgabbaa'u barbaaddi jechuun Axios gabaase.
Haleellaa Roobii halkan Iraanirratti gaggeeffame ilaalchisee Ajaji Giddugalaa US ibsa baase keessatti, haleellichi sa'aatii tokkoof kan ture yoo ta'u, yaalii haleellaa Iraan taasiftee "deebii cimaa" taasifame ta'uu beeksise.
