Gafarsi mataa keelloo 'Donaaldi Tiraamp' jedhame ijoo dubbii tahe

Madda suuraa, Reuters
Gafarsi addaa gogaan addaatu(albaayinoo qabu) fi dabbasaan halluu warqee mataarra yaa'u yeroo ayyaana Iid al-Adahaa Baangilaadishitti ijoo dubbii tahee ture.
Uummata isa ilaaluuf walitti qabame keessaa gariin gafarsi kuni Pireezidantii Ameerikaa Donaaldi Tiraamp fakkaata jechuu Rooyitarsi gabaaseera.
Gafarsi kg 700 ulfaatu kuni qonna bulchiinsa Dhaakaa, iddoo Naarayaangaanj jedhamutti kan guddate yoo tahu sababa rifeensa halluu keelloo addasaarra ciisuun maqaa ''Doonaaldi Tiraamp'' jedhu argateera.
Namoonni kudha baayyeen lakkaa'aman gara qonna kanaatti deemuun, kanneen iddoo fagoorraa dhaqan dabalatee bineensa bifa addaa qabu kana waliin suuraa ofee ka'aa oolu, kunis miidiyaa hawaasaa irratti baay'inaan qoodameera.
''Obboleessa koo quxisuutu maqaa Donaaldi Tiraamp jedhu baaseef, sababuma rifeensi fuudura jiru kan Donaaldi Tiraampiin fakkaatuufi,'' jedhe abbaan qabeenyaa qonna kanaa Zayuuddiin Mariidhaa.
''Gafarsi kuni bifa adda tahe haa qabatuyyuu malee uumama tasgabbaa'aa tahe qaba. Bineensoti albaayinoo qaban yoo itti bu'an malee amala bareedaa qabu,'' jedhe.
Yeroo Iidaa bineensa daawwattoota hawwatu

Madda suuraa, Reuters
Dabaluunis Zayuuddiin gafarsi kuni kunuunsa addaa akka barbaadu dubbate. Guyyaatti al afur dhaqna dhiqachuufi al afur nyaachuu qaba.
Haala kanaan guyyaa Iidaaf haala bareedaafi fayyaa qabeessa taheen isa qopheessina jedhe
''Guyyaa hundumaa xiyyeeffannoofi kunuunsa addaa barbaada. Gafarsi kuni ayyaana Iidaaf qalmaaf maamilaaf geeffameera,'' jedhe.
Gafarsooti albaayinoo qaban Baanglaadesh keessatti badaa hin argaman, warra bifa gurraacha qabutu baay'inaan jira.
Bineensi kuni qaama halluu kireemii, funyaan diimadii fi rifeensi bifa warqee gafarsoota kumaatamaan lakkaa'amaniifi ayyaana Musaliimaa Iid al-Adahaaf qalamuuf qophaa'aniirra adda ture.
Yeroo dhihoon asitti biyyoota amantoota Musliimaa lakkoofsa olaanaa qaban bineensoti gurguddoo Iidiif qalmaaf dhiyaatan daawwataa hawaatan maqaan nama beekamaa kennamaafi.
Gafarsi Tiraamp fakkaatu kuni faarasaa ''maal na dhibdee'' waliin daawwattoota baayyee ofitti waame.












