Paartileen mormitootaa mootummaa haaraarraa maal eegu? Dursi kamiif kennamuu qaba?

Madda suuraa, EBC
Filannoo marsaa 7ffaa Waxabajji darbe gaggeeffameen kan mo'ate Paartiin Badhaadhinaa Onkoloolessa 8, 2026 kaabinee mootummaa waggoota shanan itti aanan biyya bulchu ijaarrateera.
Mootummaan haaraan hundeeffame kunis waggoota itti aanaan maal irratti xiyyeefatee akka hojjatu Pirezidaantiin Itoophiyaa, akkasumas Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmed ibsaniiru.
MM Abiy haasaawa taasisan keessatti dhimma ulaa galaanaa, fooyya'iinsa heeraa mootummaa, humna waraanaa jabaa ijaaruu dabalatee dhimmoota mootummaan isaanii xiyyeeffannoon irratti hojjatu ifoomsaniiru.
Garuu waa'ee, walitti bu'iinsa Kaaba Itoophiyaa Tigraay keessatti deebi'ee ka'e, akkasumallee lola naannolee biyyattii bakka adda addaa keessatti itti fufe irratti ibsa bal'aa hin kennine.
Waraanni Tigraay keessatti deebi'ee ka'e torban lamaa ol lakkoofsiseera.
Kamisa Onkoloolessaa 07, 2026 ammoo humnootni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenuun gara giddu gala Tigraayitti sochii tasisaa jiraachuu BBC'n jiraattota irraa mirkaneeffateera.
Itoophiyaan loltootaa fi konkolaattota Eertiraa daangaa seenaan dirooniin haleeluu maddeen himaniiru.
Mootummaan Ertiraan garuu loltootni Ertiraa Itoophiyaa keessa seenuu haaluun, mootummaan Itoophiyaa dhimmaa kanaan qabatee weeraraa banuuf ta'aa jechuun himate.
Waraana haaraa kaaba Itoophiyaatti hammaataa jiruu fi gara walitti bu'iinsa Ertiraa fi Itoophiyaatti babal'achuu danda'a jedhame ilaalchisee biyyoonni fi dhaabbileen idil-addunyaa hedduun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Waraanni kun akka dhaabbatuu fi mariin nagaa akka jalqabamu waamicha dhiyeessan.
Haa ta'u malee, Dooktar Abiy haasaa isaanii keessatti waa'ee walitti bu'iinsa kana bal'inaan hin kaasne.
Humnoonni keessaa fi alaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuu yaalan, walitti dhufanii socho'aa jiru, garuu Itoophiyaa hin danda'an jechuun qeeqan.
Dhimma Nageenya biyyattii yeroo ammaa qormaata ta'ee irratti '' daandii marii fi dhiifamaa hordofna," jechuun bira kutan.
Paartileen mormitootaa maal jedhu?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitootaa addaa addaa, jechuunis KFO, EZEMA, EPRP, ESODP, fi SAWET ejjennoo qaban ibsaniiru.
Dura Taa'aan Itti-aanaa KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu, waanti haaraan rakkoo biyyattii keessatti yeroo dheeraaf yaaddoo ta'e fura jedhamee eegamu omtuu hin jiru jedhu.
''Mootummaa haaraan hundaa'e jedhamus waan haaraa fi fiduu danda'a jennee eegnu omtuu hin jiru.''
Itoophiyaan yeroo ammaa kallattii adda addaatiin walitti bu'iinsa lubbuu namaa galaafataafi qabeenya barbadeessaa jiru keessa jirti.
''Kanatu jireenya lammileetti hammeesse,hundumaa caalaa silaa kan xiyyeeffannoon kennamuu qabu nagaadhafi'' jedhu.
Akka isaan jedhanitti, yoo namni nagaan bahee hin galle, daldalee fi hin oomoshne biyyi gara fulduraatti deemuu hin dandeessu.
''Yeroo ammaa namoonni hedduun hojii isaanii dhiisanii haala waraanaaf qophaa'aa jiru. Dibbeen waraanaa gamaa gamanaa tumamu kun daranuu rakkoo hammeessa.''
Kunis rakkoon siyaasaa biyyattii marii fi karaa nagaa furamuu dhabuu irraa kan madde ta'uu ibsu Obbo Mulaatuun.
Itti aantuun Paartii Dimokraatawaa Hawaasummaa Itoophiyaa (ESDP), Dr. Raahel Baafee, rakkoolee nageenyaa fi walitti bu'iinsa yeroo ammaa biyyattii keessatti mudatan irratti xiyyeeffannoo gahaa hin kennamne jedhu.
Rakkoo nageenyaa fi tasgabbii biyya keessaa, akkasumas waraana naannolee garaagaraa keessatti itti fufaa jiru ilaalchisee mootummaan haaraan maal gochuuf akka jiru ifatti ibsuu dhabuun haalli kun ammas furmaata malee akka itti fufu akeekaa jechuun ibsan.
''Rakkoolee siyaasaa fi gaaffilee hawaasaa karaa amansiisaa ta'een deebisuuf mootummaanis gareewwan hidhatanii mootummaa morman marii araaraa gaggeessuuf qophii dhugaa agarsiisuu qabu'' jechuun dubbataniiru.
"Osoo seerri kabajamee waldhabdeen har'a Itoophiyaa keessa jiru hin uumamu ture jedheen amana. Anga'ootni mootummaa seera olitti of lakaa'utu rakkoo hammeesses jedhu.
Ministirri Muummee Abiy Ahmed "Isin Itoophiyaanonni bosona keessa jirtan gara karaa nagaa koottaa" jechuun waamicha dhiyeessanillee Dr Raaheel mootummaa irraa kan eegamu waamicha qofa mitii jedhu.
''Gara tarkaanfii qabatamaatti ce'uun marii dhugaa taasisuuf murannoo qabu agarsiisuu qaba.''
Obbo Mulaatuunis, waamicha taasisuu qofti hidhattootni akka qawwee lafa kaa'anii dhufan hin godhuu jedhu.
''Mootummaan haala mariin itti gaggeeffamu uumuu, namoota sababoota siyaasaan hidhaman hiikuu fi qaamolee garaagaraa waliin marii haqa qabeessa taasisuuf haal-duree mijataa uumuu qaba'' jechuun ibsan.
"Anarraa haa baatuuf" waamicha dhiyeessuun qofti furmaata hin fidu. Akka isaan jedhanitti,keessumaa, waraanni Kaaba Itoophiyaa keessatti deebi'ee ka'e yoo hammaate, miidhaan isaa guddaa ta'uu akka danda'u akeekkachiisan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Gama biraan barreessituu Olaanaa Paartii Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (EPRP), addee Misxirasillasee Taammiraat, "akkuma barame haala yeroo irratti kan xiyyeeffate miti, tarii "jireenya lammiileetiif omaa dhimmaa akka hin qabne kan agarsiisuudha.'' jechuun qeeqan.
Hunda caalaa dursi "lubbuu namoota qulqulluu fi nageenya biyyaaf ta'uu qaba, karoora mootummaa dhiyaate keessatti kana argaahin jirruus jedhan.
Gama biraatiin, itti aanaan paartii EZEMA obbo Nigaatu Waldee ilaalcha kanneen irraa adda ta'e qabu.
Haasaan Ministira Muummee Abiy Ahmed dhimmoota siyaasaa, nageenyaa, hawaasummaa fi dinagdee biyyattii bal'inaan kan ilaale dha. Kun ammoo dhimmoota baay'ee barbaachisaa ta'aniif furmaata kennuuf xiyyeeffachuu mul'isaas jedhan.
Dhimma walitti bu'iinsa tokkoon tokkoon isaa irratti ibsa bal'aa kennuun dirqama mitis jedhu. Akka isaan jedhanitti furmaataaf hojjachuutu irra wayya.
Haa ta'uu malee waamichi hidhattootaaf taasifame, gara hojiitti jijjiiramuuf karoora ifaa fi marii bal'aa barbaada jechuun ibsaniiru.
Itti-gaafatamaan qunnamtii Paartii uummataa Salsaa Tigraay (SAWET), obbo Biraahanee Atsibahaa, mootummaa haaraa filannoo Tigraay hin hirmaachifne irratti hundaa'e ilaalchisee yaada kennuu akka hin barbaanne dubbatan.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa lola Tigraay keessatti deebi'ee ka'e ilaalchisuun Mana Maree Nageenyaa UN'f xalayaa barreessera.
Akka Xalayichi jedhutti Eertiraan ''daangaa Itoophiyaa cabsitee seenuun weerara raawwatteetti''.
Kanaaf ''Ertiraan walabummaa Itoophiyaa waan cabsiteef ofirraa qolachuu malee filannoo biraa hin qabuu'' jetterti.
Walitti bu'iinsi Tigraay keessatti erga Waliigaltee Piriitooriyaa bara 2022n dhaabbatee booda, yeroo ammaa deebi'ee ka'uun yaaddoo haaraa uumeera.
Keessumaa hirmaannaa Ertiraa gabaafamuu fi hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru hammaachaa dhufuun, walitti bu'iinsi kun daangaa Itoophiyaa keessaa ba'ee gara naannolee birootti babal'achuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.



























