Arsenaal 2 fi 0n Liids injifata, Liiverpuul fi Siitiin akkaan eegamu- tilmaama taphoota PL

Arsenaal v Liids
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tapha Piriimer Liigii torban ja'affaan Liiverpuul v Maanchester Siitii, Arsenaal v Liids Yunaayitid, Maanchester Yunaayitid v Tootenhaam kan walitti fufu akkaan eegama.

Keessumaa tapha dirree Liiverpuul, Anfiild irratti Dilbata Maanchester Siitii waliin taphatamu akkaan kan eegamudha. Sababiin isaa Maanchester Siitiin erga seerota faayinaansii 115 cabsuun yakkamaa ta'uun isaa itti murtaa'ee miira naasuu keessa wayita jiruttidha.

"Tapha guddaadha," jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.

"Namuu tapha kanarratti taphattoonni Siitii miira akkamiin dhiyaatanii akka morkatan ilaaluu barbaada.

"[Himannaan ittiin yakkamaa ta'e kan baroota darbanii ta'us] bara morkii kana keessattis kilabicharratti dhiibbaa inni qabaachuu danda'u maal ta'u akka danda'u hin beeknu. Bara kana Liigicha dursaa jiru. Haata'u malee, qabxiin irraa hir'ifamee sadarkaa irra jiran kanarraa isaan buusaa laata?"

Kiriis Saatan taphoota Piriimer Liigii 380 bara kanaa hunda eenyu akka mo'atu tilmaameera. Saatan waliin ammoo Artiifishaal Interejensiin (AI) tilmaame.

Sambata

Arsenaal v Liids

Biraayiten osoo boqonnaa torban lamaaf hin deemiin dura Arsenaaliin bareechee mo'ate. Arsenaal tapha sanarratti shaampiyoonaa hin fakkaatu ture; taphni harkaa badde.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Liids garuu akka Biraayiten kana Arsenaal mudduu baatanis qormaata salphaa hin ta'u jedheen yaada. Kanaaf, taphni kun Arsenaal caba Biraayeniin mo'amuurraa dandamatanii eessa akka jiran nutti agarsiisa.

Liids gooliin salphaatti waan itti galu hin fakkaatu, garuu Arsenaal dirree ofiisaarratti waan taphatuuf carraa gaarii qabaata.

Tilmaama Saatan: 2-0

Tilmaama AI: 3-1

Aston Viilaa v Bireentifoord

Lamaan isaanii gahumsa faallaa ta'een bara kana jalqaban. Bireentifoord hanga ammaa hin mo'amiin jira, Aston Viilaan garuu daddaaqamaa jira.

Gahumsa gara garaarra jiraatanillee ani Aston Viilaan akka mo'atun tilmaama.

Tilmaama Saatan: 2-1

Tilmaama AI: 2-2

Chelsii v Bornimaawoz

Bornimaawoz leenjisaa haaraa Maarkoo Rooz jalatti hin mo'atiin jiru. Taphataan isaanii sarara gidduu Aleks Iskootillee tapha biyyaalessaarratti miidhamee hin taphatuuf.

Chelsiin ammoo garee tilmaamuudhaaf rakkisu ta'eera. Sarara ittisaa isaaniirratti rakkoo jabaa qabu, sarara fuula duraarraa ifachuutti garuu taphattoota dandeettii addaa qabu.

Tapha kanarratti waanti hin eegamiin uumamuu danda'a.

Tilmaama Saatan: 3-1

Tilmaama AI: 2-0

Ipsiwiich v Fuulhaam

Ipsiwiich yeroo darbe Everteniin mo'ameera. Garuu tapha walakkaarratti taphataan tokko bahee kudhaniin cimina agarsiisaniiru.

Taphni kun isaanitti cima jedheen yaada, sababiin isaa ammoo Fuulhaam hanga ammaa hin mo'atiin jira. Jarri kun kanaan olitu isaaniif mala.

Garee lamaaniifiyyu qabxiin sadii baayyee barbaachisaadha, haata'u malee taphni kun wal qixaan xumurama.

Tilmaama Saatan: 1-1

Tilmaama AI: 1-1

Sanderlaand v Biraayiten

Ani yeroo baayyee yeroo dirree isaaniirratti taphatan Sanderlaandin deeggara. Haata'u malee Biraayiten kubbaa ajaa'ibaa taphachaa jiru.

Sanderlaandis ofitti amanamummaan taphachaa jiru.

Kanaaf, kunis tapha qabxii wal qixaan xumurama.

Tilmaama Saatan: 1-1

Tilmaama AI: 1-2

Maan Yunaayitid v Tootenhaam

Mo'achuun leenjisaa Maanchester Yunaayitid, Mikaa'el Kaarikiif mo'achuun baayyee barbaachisaadha. Sababiin isaas bara kana jalqabiin isaa bareedaa hin turre.

Kaariik tapha kanarraa qabxii sadii fudhachuun dirqama fakkaata, garuu mirkanaa'aa miti.

Tootenhaam ammoo dhuma Liigichaarra jira. Hanga tokko Maan Yunaayitid wayya. Yoo xiqqaate torban lama dura boqonnaaf osoo hin ba'iin Fuulhaam waliin wal qixa bahe.

Taphni kun lamaaniifiyyu barbaachisaadha, garuu lamaaniifuu salphaa miti.

Haata'u malee, Buruunoo Fernaadeez waan ta'e uumee Maanchester Yunaayitidiin oolchuu mala.

Tilmaama Saatan: 2-1

Tilmaama AI: 2-1

Dilbata

Kirstaal Paalaas v Nootinghaam

Kiristaal Palaas Piyeeree Seej jalatti tirannaatiin jalqabe. Garuu manaajeriin haaraan dafee itti baruu rakkate isa qofaa miti.

Nootingiihaam Forest ammoo yeroo darbe Koventarii waliin taphatanii dirreesaaniirratti mo'amaniiru. Kilabni kun Oliiver Gilaasinar jalatti bu'ee bahaa jira.

Gilaasinar gara kilaba isaa duraaniitti yeroo deebiyu simannaa kabajaa argatee qabxii sadan barbaadu fudhatee deebiya jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 0-1

Tilmaama AI: 1-1

Haal Siitii v Everten

Haal Siitiin osoo hin mo'amiin imalli jalqabe Niikasiliin addaan cite.

Taphni kun goolii 1-1n xumurama jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 1-1

Tilmaama AI: 1-1

Liiveruul v Maanchester Siitii

Namoonni yeroo taphattoonni Siitii sababa dhimma kilabicha ilaallatu irratti ka'aa jiruun miira gaariirra hin jiran jedhan dhaga'aan jira. Dhimmi dirreen alaa kunis tapha irratti qalbii isaanii miidhuu akka danda'u dubbatu.

Taphattoonnis sababa amma irratti odeeffamaa jiruun namni hunduu nu jibba jedhanii yaadu ta'a. Haata'u malee, deeggartoonni ballisanii yaadan ammoo ni jiru.

Dirree Liiverpuul irrattis simannaan hamilee isaan buusu taphattoota Siitii mudachuu danda'a. Haata'u malee, isaan mo'achuu ni danda'u.

Liiverpuul ammoo leenjisaa haaraa Andoonii Irraa'olaa jalatti ammallee of qaqqajeelchuurra jiru.

Liiverpuul taphoota hanga ammaatti taphatan bara kanaatiin anaan hedduu na hin amansiisiin jiru.

Waan kana hunda ilaalcha keessa galchuun ani Maanchester Siitiin ni mo'ata jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 1-2

Tilmaama AI: 2-2

Wixata

Koventarii Siitii v Niiwukasil

Niiwukasil tapha daawwachuuf nama hawwatu agarsiisaa jiru. Haata'u malee, tapha t'achuurratti ammallee qaawwa qabu.

Qaawwa Niiwukasil qabu kana fayyadamanii Koventariin tarii injifannoo bara kana jalqabaa yeroo darbe argatan itti fufsiisuuf yaaluu malu.

Garuu miillana kana ni milkeessu jedhee hin yaadu. Anaaf wal qixa ba'uun qabxii sirriidha jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 1-1

Tilmaama AI:1-2