Itoophiyaan loltootaa fi konkolaattota Eertiraa dirooniin haleeluu maddeen himan

Madda suuraa, Getty Images
Loltoonni Eritiraa torban kana keessa daangaa Itoophiyaa ce’anii gara Tigraay kaabaatti seenuudhaan naannoo magaalaa Adigraat keessa qubatanii akka jiran maddeen AFP hedduun himaniiru.
Dhaabbanni walitti bu’iinsa hidhannoo hordofu ACLED akka jedhetti, halkan Roobii irraa gara Kamisaatti bari'u naannoo Adigraat keessatti loltoonni Eritiraa fi meeshaaleen waraanaa isaanii haleellaa mootummaan qilleensaarraan diroonii fayyadamee raawwateen rukutamaniiru.
Namni tokko kan Adigraat keessatti argamuufi nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate, mootummaan haleellaa qilleensaa jabaa raawwachuu AFPtti hime.
“Kaleessa mootummaan Itoophiyaa haleellaan qilleensarraa hedduu raawwateera.
Konkolaattotni waraanaa Eritiraa muraasni barbadaa’aniiru. Amma karaa irratti hin mul’atan,” jedhe.
Jiraataan biraa kan maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate immoo, halkan keessa dhohinsa guddaa tokko dhaga’uu isaa dubbateera.
“Halkan keessa dhohinsa guddaa ture. Akkasumas konkolaattota waraanaa Eritiraa dirooniidhaan rukutaman ijaan argeera,” jechuun AFPtti hime.
Maddi sadaffaanis, loltoonni Eritiraa gara kaabaatti deebi’aa akka jiran argeera jechuun ibseera. Akka jiraataan kun jedhutti sochiin isaanii irra caalaan gara daangaa Eritiraatti deebi'uudha.
Mootummaan Eertiraa loltoonni isaa ifatti daangaa darbuu waan hime hin qabu. Biyyoonni lameen bara 1998 hanga 2000 daangaa irratti wal waraanuun lubbuun kumaatamaa darbeera.







