Dubartiin marfee ajjeesu si'a lama waraanamte du'uu diduun waa'ee adabbii du'aa US maal hima?

Madda suuraa, Reuters/Getty Images/BBC
Lammiin Ameerikaa yaaliin adabbii du'aa hin milkoofne irratti raawwatame 'ofbeektuu fi dubbachuu akka dandeessu' abukaatoonshee himan.
Torbee darbe Tenesitti adabbiin du'aa irratti raawwatamuuf turee osoo hin milkaa'in kan hafe, dubartiin ganna 50 Kiristaa Paayik, amma Hospitaala keessatti harki hidhamee sireerra ciistee akka jirtu gareen abukaatotashee ibsa Kibxata baasaniin ifoomsan.
Paayik murtiin du'aa kan irratti darbee ture bara 1996 yoo ta'u, ajjeechaa nama ganna 19 Kolen Islemer irratti bara 1995 raawwatteeni.
Adabbiin du'aa kuni akka irratti raawwatamuuf lilmoo nama ajjeesu Roobii darbe kennameef lama irraa osoo hin du'in oolteetti.
Eegasiin booda gara dhaabbata fayyaatti geeffamuun guyyootaaf osoo of hin beekin kan turte yoo ta'u, ogeessonni fayyaa summii kana sirna qaamaashee keessaa dhabamsiisaniiru.
Ogeessonni fayyaa fi ogeeyyiin seeraashee akkaataan dubartiin kuni itti bayyanatte waan nama raaju jedhu.
Adabbiin ajjeechaashee kuni akkamitti milkaa'uu dhabe kan jedhu odeeffannoon gahaan hanga ammaa hin ifoomne.
Paayik lilmoo murtiin du'aa ittiin hojiirra oolu kanarraa nama dandamatte kan jalqabaati.
Akka ogeessonni seeraashee jedhanitti, rakkoon fayyaa fulla'aan isheerraan gahuu malu ammatti kan hin beekamne ta'ulleen adeemsi dandamannaashee yeroo dheeraa fudhachuu akka malu himu.
Murtiin du'aa kuni kan raawwatamuuf ture falmii dheeraan booda yoo ta'u, bara kana keessa Tenesi keessatti adabbii du'aa osoo hin milkaa'in hafe lammaffaa ta'eera.
Ji'a Caamsaa darbe angaa'onni murtii du'aa Toonii Karuter irratti hojiirra ooluuf ture gidduu seenuun hambisan.
Namni kuni nama ukkaamsuu bara 1994 raawwatameen namoota sadii ajjeessuun ture kan duuti itti murtaa'e.
Adabbiin du'aa kuni osoo hin raawwatamin akka hafuuf ka'umsa kan ta'e ammoo ogeessonni fayyaa ujummoo dhiigaa qaama nama kanaa kan lilmoon summii nama ajjeesu kuni itti kennamu dhabuu isaanii hordofeeti.
Adabbiiwwan du'aa akkamiin raawwatamu?

Madda suuraa, Getty Images
Lilmoo summaa'aa nama ajjeesu kan 'Litaal' jedhamuun diruun ajjeessuun maloota ittiin adabbiin du'aa raawwatamu keessaa harka 89 qabata.
Ragaaleen akka mul'isanitti, erga bara 1976 manni murtii qajeelfama murtii du'aa akka hin raawwatamne dhorku erga kaasee eegaluun Ameerikaa keessatti namoota 1,683 irratti adabbiin du'aa raawwatameera.
Adabbiiwwan du'aa raawwataman kana keessaa dubartoonni namoota 18 yoo ta'an dhibbeentaan yoo ilaalamu harka tokko qofa.
Baraan yoo ilaalamu ammoo barri 2025 adabbiin du'aa 47 raawwatamuun isa olaanaa yoo ta'u bara 2024 namoota 25 irratti raawwatame ture.
Haa ta'u malee adabbiin du'aa raawwatamu kuni waggoota 50 keessatti deeggarsa uummataa isa xiqqaa jedhamu kan keessummeesse. Qorannoon taasifame akka mul'isutti bara 2025 lammiileen Ameerikaa harka 52 ta'an hojiirra ooluu adabbii du'aa nideeggaru.
Harka 44 kan ta'an ammoo murtiin adabbii du'aa hojiirra ooluu nimorman. Mormiin harka hagana gahu erga bara 1966 asitti isa olaanaadha.
Erga bara 1976 asitti kutaaleen bulchiinsaa US maloota adabbii du'aa ittiin raawwatan shan hojiirra oolchan.
Lilmoo summii waraanuudhaan
Mala Elektiriikiitiin
Garee dhukaasee ajjeestotaan
Gaaziidhaan
Fannisuudhaan
Maloota kanneen keessaa limoo sumaa'aa waraanuun ajjeesuun mala baayinaan hojiirra ooledha. Akka ragaaleen mul'isanitti kutaaleen bulchiinsaa hedduun Maluma kana fayyadamu. Maloota kaan kanneen fayyadaman jiraatanis.
Fannisanii ajjeesuun garuu erga bara 1996 yeroo Delawer, Biilii Beelii ajjeesee asitti hojiirra oolee hin beeku.
Kutaan bulchiinsaa Hamshaayer erga bara 2019 murtii du'aa dhorkiteetti. Garuu nama tokko irratti murtiin du'aa darbee kan jiru yoo ta'u, hanga ammaa hojiirra hin oolle. Hamshaayer erga bara 1939 adabbii du'aa hojiirra oolchitee hin beektu.
Kutaalee bulchiinsaa Ameerikaa 27 akkasumas seera federaalaa fi waraanaa irratti murtiin adabbii du'aa ammayyuu seera qabeessa.
Kutaaleen Ameerikaa afur: Kaalifoorniyaa, Ohaayoo, Origonii fi Penislivaaniyaan adabbii du'aa hojiirra oolchuu yeroof dhaabaniiru. Kana malees kutaalee US hedduu bakka adabbii du'aa hojiirra oolchuun seeran tumamee jiruttis waggootaaf adabbiin kuni hojiirra oolee hin beeku.
Kutaan Bulchiinsa Filooriidaa bara 2025 adabbii du'aa 19 hojiirra oolchuun adabbiiwwan du'aa Ameerikaa keessatti raawwataman waliigalaa kessaa harka 40 qabachuun dursite.
Qorichoota akkamiitti fayyadamu?
Kutaaleen bulchiinsaa hedduun qorichoota gosa sadii fayyadamu
Anasteetik yookan Sedaativii (yeroo hedduu soodiyeem tiyoopeental, boodammoo Midazolam)
Paaralaytikii (Vikurooniyeem Biroomaayidii)
Potaashiyeem Kilooyaayidii (Onnee dhaabuuf)
Waggootaaf soodiyeem Tiyoopeentaliin lilmoodhaan kennuun hojiirra oolaa ture. Garuu boodarra dhaabbileen qoricha omishan hedduun omishni isaanii lubbuu namaa baasuuf hojiirra ooluu morman.
Kanaaf jecha hojii kanaaf qoricha dhiheessuu dhaaban. Uggurri alergii qoricha kanaarra kaa'ame ammoo dhiheessii isaa hanqise.
Boodarra kutaaleen bulchiinsaa hedduun gara qoricha tokkicha kan sammuu namaa dadhabsiisuu fi hargansuu dhorkuun lubbuu baasu hojiirra oolchan.
Qorichi kuni kutaalee Ameerikaa hedduu keessattis haala salphaan argama. Mootummaan federaalaas erga seera qoricha tokko qofaan ajjeessuu bara 2019 hojiirra oolchee booda akka qoricha nama ajjeesuuf gargaaruutti tajaajila.
Garuu hanqinni dhiheessii qoricha adabbii du'aa raawwachuuf ooluu kuni kutaaleen bulchiinsaa tokko tokko qorichoota haaraa akka yaalaniif dirqamsiiseera.
Hanqinni dhiheessii kuni gatiin qorichoota kanaa haalan akka dabaluufis ka'umsa ta'eera.
Bulchaan Okilahomaa bara 2014 adabbii du'aa lilmoo waraanuun raawwatamu dhaabsisan. Lowusiyaanaan ammoo sababa qoricha kana argachuu dadhabdeef waggooat 25'f adabbii du'aa hojiirra oolchuu hin dandeenye. Adabbiin kuni irra deebiin hojiirra kan oole bara 2025 Jeesii Hofmaan Gaazii fayyadamuuni.
Maaltu jijjiirame?

Madda suuraa, Tennessee Department of Corrections
Ji'a Eeblaa darbe dameen Haqaa Ameerikaa qajeelfama manneen hidhaa Fedraalaaf dabarseen malli adabbiin du'aa ittiin raawwatamu garee dhukaasee ajjeestotaa, gaazii fi mala elektiriikii akka dabalatu kan jedhu.
Akka dameen kuni jedhutti maloonni kuni akka dabalaman kan ta'e adabbiin murtii du'aa hojiirra oolchuu akka cimuu fi namootni yakkoota sukaneessoo raawwatan haqni akka irratti dhugoomuufi.
Bulchiinsi Bayiden aangoo gadhiisuu isaanitiin dura manneen hidhaa federaalaa hedduun adabbii du'aa akka hin raawwanne ittisa kaa'ee kan ture yoo ta', namoota murtiin du'aa akka irratti raawwatamu jedhame 40 keessaa 37 murtii kana hambisaniifii ture.
Adabbii du'aa hojiirra oolchuu akka deeggaran kan himammuuf Doonaald Tiraamp ammoo bara 2025 akkuma aangoo qabataniin manneen hidhaa federaalaa adabbii du'aa raawwachiisuu akka itti fufan kallattii kennan.
Teessoo Elektiriikii
Teessoo elektiriikii fayyadamuudhaan adabbii du'aa hojiirra oolchuun mala ajjeessuu baratamaa ture ta'ulleen amma hafaa jira.
Kutaaleen Bulchiinsaa Ameerikaa sagal mala yakkamaa ittiin ajeessuu kana seerarraa qabu. Kibbi Karolaayinaa ammoo mala kana akka mala idileetti fayyadamu. Kutaaleen kaan garuu akka filannootti qabatan.
Erga bara 1976 asitti adabbiiwwan du'aa 163 teessoo Elektiriikiitiin raawwatamaniiru. Erga bara 2000 asitti garuu adabbiiwwan 19 qofatu mala Kanaan hojiirra oole. Inni dhumaa bara 2000 Tenesi keessatti.
Garee dhukaasee ajjeestotaa
Garee dhukaasee ajjeestotaatiin adabbii du'aa raawwachiisuun yeroo wayii akka mala boodatti hafaatti ilaalamaa ture.
Haa ta'u malee kutaan Kibba Karolaayinaa bara 2025 mala Kanaan adabbii du'aa hojiirra oolchiteetti. Kutaan Bulchiinsa Idaahoo ammoo garee dhukaasee ajjeestotaan adabbii du'aa raawwachiisuu akka filannoo jalqabaatti bara 2026 hojiirra oolchite. Kunis sababa qoricha lilmoon kennamee ajjeesu argachuun rakkisaa ta'eeni.
Gaazii Naayitiroojiinii
Kutaan Bulchiinsa Alaabaamaa adabbii du'aa Naayitiroojiinidhaanii bara 2024 hojiirra oolchuun kutaa bulchiinsa jalqabaati. Lowusiyaanaan ammoo bara 2025 hojiirra oolchuun itti aante.
Malli kuni adabamaa sana Oksijiinii dhorkachuun Guutumatti Naayitiroojiinii akka harganu gochuu ofkeessaa qaba. Namootni kaan malli kuni mala lilmoo bakka bu'u yoo jedhan kaan ammoo hanqina naamusaa qaba jechuun qeequ.
Qeeqxonni maal jedhu?
Qeeqxonni akka jedhanitti, qorichoota lilmoon kennaman argachuun rakkisaa ta'uun adeemsi adabbii du'aa raawwachiisuu kuni namooma qabaachuu isaarratti yaaddoo qabu.
Yaaddoon biraan ammoo qorichoonni tokko tokko adabamtoota irratti dhukkubbii fi dararama hin barbaachisne geessisu kan jedhudha. Kanaanis gochi kuni ittisa Heera mootummaa US irratti adabbii hamaa fi dararama dhorku cabsa kan jedhu kaasu.
Kana malees dhiheessitoota qoricha kanaa irratti iftoominni waan hin jirreef qulqullina qorichoota adabbii du'aa raawwachiisuuf oolanii kana mirkaneessuun rakkisaadha.
Qeeqxonni qabxiin biraa kaasan ammoo adabbiin du'aa kuni miidhaan isaa adabamaa fi maatii isaarratti qofa kan dhaabbatu miti kan jedhudha.
Bara 2014 BBC waliin afgaaffii kan taasie Alen Aluut, kan bara 1990 keessa manneen hidhaa Joorjiyaa keesaa hogganaa turan adabbiin du'aa raawwatamu eegdota mana hidhaa, angaa'otaa fi ogeessota fayyaa taatee sana argan irratti dhiibbaa xiinsammuu fulla'aa akka geessisu himu.
"Hanga ammaa waan halkan hirriiba keessaa najeequtu jira. mala ajjeechaa hamma eegduun olitti sukaneessaa fi yeroo hunda sammuu keessaa sinbanne" jedhan.





















