Loltuun US to'atamuu Maduroo irratti doolaara 400,000 qabsiise himatame

Maduroo

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Loltuun Humna addaa Ameerikaa oppireeshinii waraanaa hogganaa duraanii Veenizuweelaa Nikoolaas Maduroo to'annoo jala oolche irratti hirmaate to'annoo jala ooleera.

Waajirri Haqaa Ameerikaa DOJ nama Keen Vaan Daayik jedhamu gabaa kiriptoo Pooliimaarkeet jedhamu irratti odeeffannoo icciitii fayyadamee qarshii qabsiisuun daldala raaawwate jechuun himannaa irratti bane.

''Kuni daldala keessoo ifa taheefi seeraan ala,'' jedhan qondaaloti waajirichaa.

Vaan Daayiik loltuu Waraana Ameerikaa keessatti hojiirra jiru yoo tahu qotinyaa qabsiisee doolaara 409,000 mo'ateera.

Waraanni Ameerikaa Maduroo fi haadha warraasaa Siiliyaa Filooras mana jireenyaa isaanii magaalaa guddoo Veenzuweelaa, Kaaraakaas keessatti to'annoo jala oolche.

Erga qabamanii gara Niiw Yoork geeffamaniin booda meeshaa waraanaafi qoricha sammuu namaa hadoochuu daddabarsuun himatamaniiru.

Vaan Daayiik sa'aatiifi bu'aa oppireeshinii kana irratti ''bu'aa argachuuf'' jecha qotinyaa qabsiisee jedha ibsi waajirichaa Kamisa bahe.

Akka waajirri DOJ jedhutti Vaan Daayik gaafa Mudde 26, 2025 akkaawuuntii Pooliimaarkeet jedhamu kanaa bane.

Gabaa Maduroon hin qabama moo, hin qabamu jedhurratti gurgurtaa eegale.

Odeeffannoo icciitii oppireeshinii kanaa otoo beekuu doolaara 33,000 fa'an qabsiisaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Pooliimaarkeet jedhamu ''fayyadamaa odeeffannoo mootummaa icciitii taheen daldalu gaafa arginu dhimmicha gara waajira haqaa qajeelchinee, qorannoo isaanii irratti deeggaraa turre,'' jedhe.

Dhaabbatichi ''daldalli odeeffannoo keessoo fayyadamuun taasifamu hin hojjetu. Namni kuni qabamuun akka caasaan keenya hojjetu agarsiisa,'' jedhe.

Vaan Daayiik odeeffannoo icciitii mootummaan seeraan ala faayidaa dhuunfaaf fayyadamuu, waliidhahuu, geeddaraa mallaaqaa seeraan ala tahe raawwachuu fi kaaniin himannaan akka irratti banamu ibisi mootummaa Kamisa bahe agarsiisa.

''Dhiiraafi dubartoonni keenya uffata dambii waraanaa keewwatan odeeffannoo icciitii ergama isaanii nageenyaafi si'oominaan akka raawwataniif kennameef faayidaa dhuunfaaf fayyadamuun dhorkaa dha,'' jedhan Abbaan Alangaa Tood Bilaank.

''Gabaa tilmaamaa keessatti loltuu hirmaachuun waan haaraa tahus seerri federaalaa nageenya biyyattii eeguu hojiirra oola,'' jedhan.

Himatamuu loltuu kanaarrtti kan gaafataman Donaaldi Tiraamp dhimmicha akka hin dhageenyeefi booda akka ilaalan himan.

Daldalli qootinyaa qabachuun waa tilmaamuun odeeffannoo icciitii mootummaa saaxiluu danda'a jedhamnaanis ''waan akkasii kanatti ani gammadaa miti,'' jedhe.

''Addunyaa marti lafa qumaaraa kan taate fakkaata Awurooppaa dabalatee iddoowwan kaan yoo ilaaltu namoonni qotinyaaf qabsiisaa oolu,'' jechuun ''ani kana badaa hin deeggaru,'' jedhe.