Afrikaan hagam qabeenyaa fi miidhagina Itoophiyaa beekti?

Duulli Itoophiyaa biyyoota Afrikaa fi addunyaatti beeksisuu tibbana tokko jedhee magaalaa Naayiroobiitti jalqabeera. Sagantaa Itoophiyaa Afrikaatti beeksisuu kana Keeniyaatti Imbaasii Itoophiyaa, Riizoortii Kurriiftuu fi Daandii Qilleensa Itoophiyaatu waliin tahee qopheesse.
Sagantaa guyyaa lamaaf Jimaataa fi Sanbata gaggeeffame kana irratti investeroota, dhiibbaa uumtota miiidyaa fi kaan argamaniiru. Naayiroobiitti jalqabuun biyyoota Afrikaa 10tti sagantaan wal fakkaataan gaggeeffama.
Kaayyoon sagantaa kanaa qabeenya uumamaa, iddoowan seena qabeeyyii, tajaajila riizoortiiwwanii, bu'uuraalee misoomaa fi carraa invarstimantii Itoophiyaa keessaa beeksisuu akka tahe Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Ambaasadar Baacaa Dabalee himaniiru.
''Afrikaa addunyaatti beeksisuu ykn gurguruu keenya dura Afrikaa Afrikaanotatti beeksisuu qabna jedhan abbaan qabeenyaa Kurriiftuu Riizoortii Obbo Taadiyoos Ballaxaa.
Ambasadar Baacaan Itoophiyaa bakka argama dhala namaa, haadha bilisimmaa Afrikaa fi argama bunaa tahuun beekamti jedhan.
Itoophiyaan biyya uummanni amantaa adda addaa Kiristaanaa fi Islaamaa wal danda'uun waggoota kumaatamaaf waliin jiaraachaa turan tahuu himan.
Shoora Itoophiyaan Liig Of Neeshin keessatti taphatte kan kaasan Ambaasadar Baacaan Itoophiyaan hundeeffama Gamtaa Afrikaa fi UN keessatti bakka olaanaa qabdi jedhan.
Itoophiyaan biyya qabeenya bishaaniin badhaatedha kan jedhan ambaasadarichi laggeen torba Itoophiyaatii ka'uun gara boyyoota ollaatti akka ce'an himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lagni tokkollee biyya ollaa irraatii gara Itoophiyaatti yaa'u hin jiru. Itoophiyaan garuu biyyoota akka Jibuutiif bishaan dhugaatii boollaa baasuun tolaan rabsiti jedhan.
Naayil laggeen biyya ollaatti ce'an keessaa tokko tahuu kaasan.
Garuu sababa hidha Abbaayyaan biyyoonni lagichi keessa kutu shiraan misooma Itoophiyaa gufachiisuuf hojjechaa turan jedhan.
Dhooqa Denaakil, lafa gadi bu'aa addunyaa yoo tahu Itoophiyaa keessatti argama. Bineensota Itoophiyaa keessatti argaman akka Waaliyaa Ayibeeksi fa'aa kanneen Itoophiyaa keessatti qofa argamanidha.
Itoophiyaa daawwachuuf qabeenya ishee kana qofa osoo hin taane dhalli namaa gara bakka argama isaatti deemuudha.
Itoophiyaan ambaalee fi iddoowan seena qabeeyyii 18 UNESCOtti galma'a qabaachuus kaasaniiru.
MM Abiy Ahimed biyyattii misoomsuufi addunyaatti beeksiisuuf tarkaanfii guddaa fudhataniin pirojektii akka Gorgoraa, Halaalaa Keellaa, Shaballee faa'an kanneen hojjetamanii daawwattootaaf qophii tahan tahuu ibsaniiru.
Lamamiilee Keeniyaa, investerootaa fi dhaabbilee tuurizimii akka gara Itoophiyaa dhufaniif afeeran.
As keessatti gaheen Daandii Qilleensa Itoophiyaa guddaa tahuus himameera. Aadde Giizmaan, hoggantuun Daandii Qilleensa Itoophiyaa naannoo Baha Afrikaa, addunyaa irratti maqaa guddaa kan qabuu fi Afrikaa irraa dursaa jiru Daandiin Qilleensa Itoophiyaa damee turizimii keessatti bakka olaanaa qaba jette.
Daandiin qilleensichaa bakka deeme hundatti alaabaa Itoophiya ofirraa qabuun Itoophiyaa beeksisaa waggoota 80 turuu beeksise.
Keessummoota gara Itoophiyaa deemuun boqochuu barbaadaniif haala mijeessuu, hoteelaa fi bakka turtii akkasumas paakeejii addaa qopheessuun akka deeggarsa godhu himaniiru.
Har'a Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa haaraa waggaatti imaltoota miliyoona 100 ol keessummeessuu danda'u ijaaruu jalqabeera.
Hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Riizoortii Kurriiftuu ObboTaadiyoos Ballaxaa saganticha irratti argamuun Afrikaa Addunyaatti beeksisuun dura walii keenyatti beeksisuu qabna jedhan.
Lammiileen biyyoota Afrikaa daawwannaa fi boqonnaaf gara biyyoota alaa deemanii baasii guddaa baasanii deebi'u. Sanuu tajaajila addaa argachuu dhiisuu malu.
Kan sana caalu garuu Itoophiyaa keessa waan jiruuf biyyoonni Afrikaa gara biyyattii deemuun daawwachuu akka qaban dhaaman.
Obbo Taadiyoos waggaa 25 dura mul'ata guddaan Riizoortii Kurriiftuu banan. Har'a biraandii beekamaa Afrikaa taheera.
Hojjettoota 3000 olii fi Kurriiftuu jalatti kaampaanota 10 horateera. Ganda Afrikaa ykn African Village jechuun riizoortiin hojjetan kutaa 54 qaba.
Biyyoota Afrikaa 54 bakka bu'uun kutaan tokkoon tokkoo isaa akkaataa aadaa biyyoota kanneeniitti hojjetame.
Kurriiftuu Bishooftuu, Enxooxoo, Baahirdaar, Awwaash, Afrika Viileej fi Bishoftu Water Park fa'aa dabalatee damee turizimiin
Obbo Taadiyoos Afrikaa Afrikaatti gurguruun kaayyoo keenya isa guddaadha jedhan.
Hirmaattota keessaa garee dubartootaa waliin invastimantii irratti bobba'an bakka bu''un kan argamte Jeen Kama'uu waa'ee Itoophiyaa dhageenyee deemnee waan ajaa'iba argine. Guyyaa jaha achitti dabarsine. Bara dhufu kana Arbaa Minci deemuuf karoorfanneerra jette.
Itoophiyaatti invasti gochuuf akka fedhii qabanis himaniiru. Gareen dubartootaa kunneen lakkoofsaan saddet yoo tahan hojii adda addaa qabu. Garuu maallaqa walitti fidanii invastimantii jalqabuun amma kaappitaala guddaa horataniiru.
''Bishooftuu, Entootoo turre. Bunni nyaata biraa hin hafu. Baay'ee nutti tole'' jette.
Obbo Suleemaan kan jedhaman namoota abbaa qabeenyaa afeeraman keessaati.
''Finfinneen magaalaa guddoo Afrikaa tahuuf deemti. Itoophiyaan biyya seenaa qabeettiidha.
Bara Islaamummaan ari'atamaa ture Itoophiyaatti baqatanii ture. Madiinaa dura Islaamummaan Itoophiyaa gahe.
Heejiraa, kalaanderiin jedhamu baqannaa gara Itoophiyaatti godhamerraa jalqabe. Booda Madiinaatti jijjiirame malee'' jedhan.
Itoophiyaan miseensa Hawwaasa Baha Afrikaa akka taatu abdiin qabas jedhan.



















