'Akka lammii tokkotti yoo ta'e malee fedhii dhuunfaa hinqabu' - Aadde Adaanech

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa
Godina Arsii Aanaa Asakoo keessatti dhalatanii kan guddatan Aadde Adaanach Abeebee, dubartoota dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti adda durummaan mul'atan keessaa tokko.
Gara gahee kantiibummaa magaalaa Finfinneetti osoo hin dhufin duras Ministeera Haqaa fi Minsteera Galiiwwanii dabalatee dhaabbilee mootummaa sadarkaa garagaraatti waggootaaf hooggananiiru.
Kunneen isaan dinqisiifatan 'Aadde Adaanech nama iddoowwan deemanitti waan baay'ee jijjiiran' jedhanii isaan jaju.
Isaanis "Hamma sammuun kootis, Waaqnis beekutti fedhii yookiin faayidaa dhuunfaa hinqabu, akka lammii tokkootti yoo ta'e malee" jechuun ofitummaa malee ummataaf hojjechuu dubbatu.
Turtii addatti BBC waliin taasisaniin dhimma maatii, misooma, qonnaan bultoota fi rakkoolee magaalaa Finfinnee haasa'aniiru. Dhimmoonni ijoon af-gaafichaa akka itti aanutti qindaa'era.
BBC: Aadde Adaanach dubartii yeroo jalqabaaf kantiibaa magaalaa Finfinnee taatanidha. Garuu yoom gara Finfinnee dhuftan?
Aadde Adaanach: Amma waggaa 30 ga'eera. Gara magaalaa (Finfinnee) jalqaba kanan dhufe yunivarsiitii seeneni. Yunivarsiitii seenee asumaan magaalaa kanatti hojii jalqabe. Naannoo bara 1992 immoo Haadha Alangaa Biiroo Haqaa Oromiyaa ta'ee hojii achitti jalqabe. Gara waggoota torbaa ergan hojjedhee booda gara Paarlaamaa filatamee seene.
Itti gaafatamtuu Waajjira Paarlaamaa ta'ee waggaa tokko fi ji'a torba ergan tajaajilee booda gara waajjiraalee Oromiyaattin deebi'e. Biiroo Hawaasummaa Oromiyaa fi Waajjira Pirezidaantii waggaa lama lama akkas hogganee gara Waldaa Misooma Oromiyaattimmoo deeme. Achi waggaa jahan hojjedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jijjiirama kanammoo qabsoo keessa waan turreef achirratti hojjechaa osoon jiruu jijjiirama sana utubuuf jecha gara magaalaa Adaamaa kantiibummaan deeme. Waggaa tokko fi ji'a torba achitti hojjedheen yeroo jijjiiramni dhugoomu gara manatti nan deebi'e jechuudha...kolfa...
BBC: Magaalli Finfinnee guddoo jijjiiramte. Magaalattiin jijjiiramuuf kantiibaa dubartii eegaa turtee?
Aadde Adaanach: Akkuma jette jijjiirama guddaatu dhufe, dhugaa dubbachuudhaaf. Waaqallee ni galateeffanna kanarratti waan nu gargaareef. Yeroon itti hojjennu kunimmoo haalli keessa dabarre qormaanni hedduudha. Akka barbaaddetti fiigdee hojjechuudhaaf, waan hunda qindeessitee adeemuudhaaf mijataa hin turre.
Haa ta'u malee, haaluma sana keessatti yaadaanis, hojimaatanis, raawwiidhaanis qormaataa ol ka'uudhaan hojjechuun akka danda'amu itti agarsiisnerra jedheen amana.
Uummannillee akkaataa saniin qindaa'ee nu deeggaree nu wajjin hojjetee jira. Pirojektiin magaalaa kana keessatti agartu dhugaa dubbachuuf waan waggaa shanii hin fakkaatu, waan waggaa torbaallee hin fakkaatu. Erga Finfinneen uumamtee jalqabdee waan hin hojjetamne heddutu hojjetame.
Kana keessatti, silaa bajanni hanqachuu malaayyu. Bajata galii magaalaarraa argannu qofaani kan hojjennu. San biratti garuu walakkaa kan ta'ummoo qaamuma adda addaa walitti gurmeessina jechuudha, asuma biyya keessaa.
Abbootiin qabeenyaa, dargaggoonni humnaan, ummanni naannoo waan xixiqqaa, waan sasalphaa waliin gurmaa'ee waan wajjin hojjetachuu danda'u humnaanis yaadaanis maallaqa isaallee walitti kuufatee waliin ta'ee akka hojjetu gochuudhaan tiraanisformeeshiniin kun dhufe. Kanaafuu baay'een itti gammada.

BBC: Pirojektii qarqara lagaa fi misooma kooridaraa daawwannee ture. Bakkeewwan sana hunda namatu jiraachaa ture jedhan. Pirojektiiwwan jijjiirama yookiin haaromsa magaalaa deemaa jiruun namoonni buqqa'an lakkoofsaan hagam ta'u?
Aadde Adaanach: Nuti jechaanillee 'namoota buqqa'an' jennee fayyadamuu hin dandeenyu. Mana bareedaa, kan mana fincaanii qabu, mana bishaan mana keessaa qabu, mana bakka waa itti bilcheeffatan qabu, naannoonsaas qulqulluu, qilleensisaas fooyyee kan ta'etti oggaa galchinu jireenya namaa 'transform' goone (ceesisne).
Waliigala waggaa shanan kana keessatti namoota mana ciccitaa keessaa baasnee mana gamoorratti ijaarramerratti kan galchine mana kuma 40 ol ni ta'a. Maatiidhaan immoo manni tokko hanga nama sadi fi afurii ni qabaata jechuudha.
Yoo kaasnu immoo jireenyi hawaasummaa isaanii osoo adda hin diigamin, hin faca'in akkuma afooshaa, iqqubii fi maahibara adda addaa qabatanitti toora tokko galan. Bakkee isaan irraa kaasnes faayidaa waliiniitif oolchine, isaanillee bakkuma tokko galchinee iddoo fooyyee kennineef.
BBC: Aadde Adaanach, guyyaatti sa'aatii hagamii boqottu? Fakkeenyaaf, har'i Dilbatadha. Akkuma addunyaattuu yoo biyyoota Arabaa ta'e malee Sanbata Duraa fi Dilbata hin hojjetu. Kuni hojimaata magaalaa keessaniitimoo fedhii dhuunfaa keessani?
Aadde Adaanach: Dhugaa dubbachuuf Sanbata qofaa miti, halkaniyyuu nan hojjedha. Fakkeenyaaf, kaleessa yoo fudhatte walakkeessa halkanii ture gara manaatti kan galle. Maatiinillee kana ni beeka. Akkaataa kanaan hojjechuudhaaf yoo maatiin sideeggare malee kophaatti kutannoo qabaachuun hin danda'amu.
Akka hooggansaattis Ministira Mummee keenyarraa jalqabee akkaataa kanaan hojjechuutti jirra. Kanaafuu, akkaataa kanaan kutannee akka hojjennuuf seera tumame osoo hin taanee yaadaan waliigaltee jira.
BBC: Magaalli Finfinnee hundeeffamasheerraa kaasee qonnaan bultoota dhiibuun buqqisuun beekama. Magaalichi namoota alaa dhufan diplomaatota yookiin jiraattota magaalaa qofa osoo hin taanee qonnaan bultootafillee akka mijatuuf maaltu hojjetamaa jira?
Aadde Adaanach: Tokkoffaa, giddugaleessa (gabaa) bal'aa iddoo itti gurmaa'anii hojjetan ni qabu. Omishnisaa guutuu magaalatiitti ni raabsama. Fakkeenyaaf, ayyaana Hiikaarratti gaafa buuphaa fi hin daaqqoon rakkoo ta'u gabaa kana sirriitti ittiin to'achuuf isaanirraayi gabaatti akka dhiyaatu kan goone.
Ogummaa ofii beekan saniin akka sirriitti hojjechuu danda'aniif carraan mijaa'efii jira.
Lammaffaa, dhugaan hin haalamne lafa harkaa fudhachuun inuma jira keessattu induustirii gurguddaa yemmuu babal'isnu lafa harkaa ni fuuna. Garuu akka durii sanitti harkaa hin fuunu.
Tokkoffaa, beenyaa jireenya ammaa madaaludha kan kaffalamuuf. Lammaffaammoo mana jireenyaa ijaarree ni kennina. Kana malees, qonnaan bulaan dhibbeentaa 100 lafasaarraa hin ka'u. Lafa qotu sana oggaa irraa fudhannu beenyaa saniin waan jiruu isaa ittiin jijjiiruu danda'u, waan dhaabbii akka hojjetu goona.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Ijoollee meeqa qabdu? Isiniif akka hooggantuu fi haadhaatti garaagarummaan jiru maali?
Addee Adaanach: Ijoollee sadi nan qaba; dubartoota lama fi dhiira tokkon qaba. Akkoollee ta'een jira. Mucaan durbaa tiyya isheen jalqabaa ijoollee dhiiraa babbareedduu lama deessee jirti.
Ilmi dhiiraa kiyya baratee amma digirii lammaffaasaa xummuree gara hojii dhuunfaasaatti sosocho'aa jira. Ijoolleen baratanii fixan lachuu baay'ee qaxaleedha. Amma ana gargaaru.
Kitaaba ani dubbisuu hin dandeenye [yeroo dhabuurraan kan ka'e] dubbisanii cuunfaasaa barreessanii 'odeeffannoon kun akka hooggantuutti sifayyada dubbisi' naan jedhu. Maatii akkasiin qaba. Abaan manaa koos baay'ee nama gaarii nama na deeggarudha. Mucaan sadaffaa waggaa shani. Ishiinis amma Waaqa wajjin ni dhaqaabdi jechuudha... kolfa...
BBC: Garaagarummaan haadhummaafi hooggantummaa gidduu jiruhoo?
Aadde Adaanach: Akka haadhaatti haadhummaakoo yoomiyyuu hin dagadhu. Akka haadha biraatti yeroo bal'aa kennuufii hin danda'u malee wanta haadha tokkorraa barbaachisu jaalalakoo fi waan yeroo qaburraa kennuun narra jiraatu jireenyakoo keessatti 'balance' gochuuf nan yaala.
Amma torban guutuu gaafan ko'ommadhu Sanbata ganama kan maatii goona. Sanbata sana hojiitti bobba'uun dirqama oggaa natti ta'u naannoo laaqanaa fayyadamna yookiin galgala wajjin turra. Akka maatiitti maatiin koo akkan ani ummataaf of kennee hojjechuu qabuufi isaanis immoo mijaa'ina kiyya qofa osoo hin taanee kan maatii kiyyaas ta'uusaa waanin argeef yeroon kiyya irra caalaan hojiirradha. Yeroon xiqqoo qabu sanatti garuu isaan hin dagadhu.
BBC: Bakka hedduutti hojjettaniirtu. Bakkeewwan deemtanitii 'nama waan hedduu jijjiiran' jedhanii namoonni haasa'u. Maaltu isin kakaasa?
Aadde Adaanach: Silaa akka qajeeltootti namni hundumtuu erga itti gaafatamummaan itti kennamee, amanamee bakka tokko akka hojjetu carraa argatee, gammadeefi hojiisaa jaalatee jijjiirama fiduutu isarra jiraata jedheen amana.
Bakka haaraa tokko carraa oggaa argattu 'maali wanti haaraan ani dabalu' yoo jette malee waan namni ana dura ture hojjechaa ture sanirra teessee isuma itti fufsiisuu qofaaf yoo ta'e maaliif namumti duraa sun hin hojjetu?
Ani hojiikoo baay'een jaaladha, kamiyyuu yaa ta'u. Jaaladhee waanan hojjedhuuf warra na wajjinis hojjetan hunda kakaasuu fi hamilee itti horuudhaaf nan dirqama jechuudha.
BBC: Wanti hojjechuu barbaaddaniifi 'ammallee hin hojjenne' jettanii halkan hirriiba isin dhorku jiraa?
Aadde Adaanach: Wanti hojjetame hedduudha. Namni yeroodhaan daanga'a. Waggaa shan keessatti Waaqa wajjin hammana erga deemnee yeroo itti aanu keessatti ummanni filannoo kanaan carraa yoo nuuf kenne jijjiiramni bu'uuraa ani fiduu barbaadu tokko karaa bishaan dhugaatiitinidha.
Amma kan durii irratti (dhiyeessii bishaanii) harka 70 daballe, garuu ni hafa. Pirojektii gurguddaa qorannee nu harka jira, isa hojiirra oolchuudha. Inni lammaffaan mana jireenyaati.
Kana malees, geejiba kana caalaa ammayyeessuurratti jijjiirama fiduudha. Wantoota sadeen kanarratti jijjiirama guddaa (break through) fiduun magaalaa kana guddisuufis, misoomsuufis, jiruuf jireenya ummataa olkaasuuf baay'ee fayyada. Asirratti lapheen koo xiyyeeffannoo guddaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Gaafa isin iddoo kana caalutti ceetan yookiin soorama baatan hojiin kantiibummaa magaalaa Finfinnee hooggansa dubartiif ni mala jettanii yaadduu?
Aadde Adaanach: Eeyyen, ni mala. Ijoollee cimtuutu na jala jira, seektaroota ijoo ta'an kan gaggeessan. Ciminni Finfinneerratti akkanatti haasa'amu kun nama baay'ee ciccimootu na jala jira. Achi keessaammoo walakkaan dubartoota jechuu dandeessa.
Amma damee ijaarsaa Finfinneen 'transform' ta'e jedhamu kana kan hoggantu dubartiidha, nageenya bu'uuraafi itti fufiinsa qabu Finfinnee keessatti mul'atu kan hooggantu dubartiidha, dhimma manneenii kan hooggantu dubartiidha, to'annoo ijaarsaa kan hooggantu dubartiidha, daldala kan hooggantu dubartiidha, kutaa magaalaa dubartoota gara jahaatu hoggana ergan ani dhufee hanga ammaa.
BBC: Magaalli Finfinnee gara fulduraatti maal fakkaatti jettanii abdattu?
Aadde Adaanach: Dhugaa dubbachuuf maqaan Addis Ababaa jedhamu kuni maqaa magaalaa kanaatiif hawwii gaariidha, akkas abaaboo hin turre malee. Finfinneen akka maqaashee abaaboo ta'uu ni dandeessi, guutummaatti. Amma walakkaatu (abaaboo) ta'e, guutuun hin taane. Amma iddoo 'shanty area' jedhamu harka 74 irraa gara 30'tti gadi buusnee jirra. Magaalaa mijooftuu, magaalaa namni keessa jiraachuuf hawwu oggaa taatu akka addunyaatti dorgomtuu akka taatu nan amana, akkasitti arguus nan hawwa.
BBC: Akka kantiibaa magaalaa Finfinneetti ummanni akkamiin akka isin yaadatu barbaaddu?
Aadde Adaanach: Dhugaa dubbachuuf bifa ofitummaan ala ta'een of kenninee hojii hojjenne. Hamma sammuun kootis Waaqnis beekutti fedhii yookiin faayidaa dhuunfaa hin qabu, akka lammii tokkootti yoo ta'e malee. Kanaafuu, tajaajiluun of kennuu akka ta'e, isaan yoo na yaadatan ittin gammada... kolfa...















