Qondaalli waraanaa Ameerikaa aangoo gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaan humna Waraanaa Ameerikaa Daan Diriskool gara ji'oota 18 aangoo irra turee, waldhabdee ji'ootaaf ture booda aangoo gadhiise.
Miidiyaa Ameerikaa michuu BBC ta'e akka gabaasetti, Diriskool fi Ministira Ittisaa Ameerikaa Pete Hegset gidduutti ji'oota hedduuf walitti bu'iinsi akka ture gabaase.
Waliigaltee dhabuun qondaalota waraanaa Ameerikaa gidduu jiru kallattii gara fuula duraa humni waraanaa Ameerikaa fi ajajoota olaanoo hedduu aangoo irraa kaasissa jira.
Diriskool ga'eessa waggaa 41 yoo ta'u nama umuriin isaa xiqqaan barreessaa Raayyaa Waraanaa Ameerikaa ta'eedha. Pireezidaantii Donald Tiraamp biraatti nama "nama teeknooloojii diroonii (drone guy) jedhamuun beekama.
Mana Maree Pireezidaantii Ameerikaa irraa CBS'f kennameen, Diriskool ajandaa Tiraamp ''Ameerikaa deebisanii jabessuu'' jedhu tarkaanfachiisuu keessatti ''hojii bu'a qabeessa hojjateera jedhamuun jajama.
Kana malees, yeroo Ameerikaan hojii waraanaa keessa seentetti hoggansa gaarii agarsiisuu isaanii ibsa Waayit Haawus CBSf kennee ni mul'isa.
Waayit Haawus raawwii hojii Diriskool faarsuun karoora ittisa Tiraamp hojiirra oolchuu, qophii fi dandeettii waraanaa waraanaa guddisuu, akkasumas marii Raashiyaa fi Yukireen gidduutti taasifamu keessatti gahee bu'a qabeessa taphan jechuun ibse.
BBC'n dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf Waayit Haawus, Peentaagoon fi Raayyaa Ittisa Biyyaa US qunnamee jira. Ammaaf deebii hin arganne.
Daan Diriskool aangoo gadhiisuun isaa yeroo hoggantoonni waraanaa olaanoon hedduun hojii isaanii irraa kaafamaa jiranitti kan ta'edha. Isaan keessaa Barreessaan Humna Galaanaa Ameerikaa John Phelan fi hoggantoonni waraanaa biroo ni argamu.
Erga Pete Hegset Ministeera Ittisaa ta'anii booda, qondaalota waraanaa olaanoo kurnootan lakaa'aman hojii irraa ari'amaniiru jedhame. Isaan keessaa hogganaan humna Galaanaa fi itti-aanaan hogganaa Humna Qilleensaa Ameerikaa ni argamu.

Madda suuraa, AFP
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sababni walitti bu'iinsa Daan Diriskirool fi Ministira Ittisaa Pete Hegseth gidduu ture ifa miti. Haa ta'u malee, CBS akka gabaasetti, Driscoll Hogganaa Raayyaa Waraanaa Randy George waliin michuu cimaa ture. George'n Hegseth aangoo isaa akka gadhiisu gaafatee ture jedhame.
Gitni barreessaa waraanaa kun hogganaa olaanaa siiviilii waraana Ameerikaa yoo ta'u, loltoota dirqama sochiirra jiran kan qajeelchu yoo ta'u, loltoota Eegdota Biyyaalessaa fi loltoota bakka bu'ootaaf itti gaafatama.
Daan Diriskirool duraanis loltuu Ameerikaa ture. Bara 2007tti miseensaa raayyaa waraanaa ta'ee tajaajile. Booda kutaa loltoota hogganuun, bara 2009tti gara Iraaqitti ergame.
Innis yeroo Barreessaa Raayyaa Waraanaa turetti, teeknooloojiiwwan waraanaa haaraa, keessumaa diroonii jajjabeessuu isaatiin "nama diroonii Tiraamp" jedhamee beekama.
Bara darbe, waraana Raashiyaa fi Yuukireenii xumuruuf marii taasifame keessatti gahee olaanaa qaba ture.
Gara biyyoota adda addaatti imalee, Pireezidaantii Yuukireen Volodymiir Zelenskii waliin mari'ataa ture.
Daan Diriskirool itti-aanaa Pireezidaantii Ameerikaa JD Vance waliinis michuu siyaasaa dhihoo dha.
Yeroo itti gaafatamaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa turanitti, Tiraamp Eegdota Biyyaalessaa gara magaalota Ameerikaatti bobbaasuu keessatti nama ijoo turan.
Akkasumas, yeroo muraasaaf Biiroo dhimma Alkoolii, Tamboo, Meeshaa Dhukaasaa fi Dhoo'aa (ATF) kan Ameerikaa bakka bu'ee hoogganaa ta'ee tajaajilera.



















