Barsiisaan Neeppaal barattoota 900 lolaadhan akka nyaatamne godhe jajamaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Balaa lolaa Neppaal mudateen namoonni heddu du'anii kumaatamaan kan lakkaa'aman achi buuteensaanii dhabamee biyyattiin gadda hamaa keessa yeroo jirtutti, barsiisaan barattoota 900 ta'an lolaadhan nyaatamuu oolche 'goota' jedhamuun jajamaa jira.
Raajeendiraa Dawaadii barsiisaa duree mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Tiriibhuvaan Tirishuulii jedhamuu yoo ta'u, akkamitti barattoota mana baruumsichaa lolaadhaan nyaatamuu akka oolche BBCtti himeera.
Lolaan bakka mana baruumsaa osoo hin qaqqabin daqiiqaa 10 dura bilbilli akka bilbilameef kan himu Rejeendiraan, barattoonni gara lafa olka'aatti akka baqatan godhe.
Barattoonni mana baruumsichaa keessa jiran achii bahanii gara lafa olka'aatti akka baqatan gochuu qofa osoo hin taane, konkolaattoonni barattoota deddeebisan barattoota fuudhanii akka ofirra deebi'an gochuun lubbuu heddu baraaruu ibsa.
"Osoo yeroo sana murtee sana fudhachuu baannee, daqiiqaa 10 booda ana dabalatee, hundi keenyaa lubbuun hin jirru ture," jechuun lubbuu barattoota hedduu oolchuusaatti akka gammadu hima.
Balaa lolaa Neeppaal walakkaan mancaasefi lubbuu namoota hedduu nyaate kanaan, manni baruumsichaa barattoonni heddu murtee barsiisaan kun fudhateen keessaa baafaman amma mallattoofuu hin jiru; jijjigiifi biyyoon irra tuulamee hin mul'atu.










