Seera Daawwee haquu hanga duula waraanaa - Seenaa Liiban Jaldeessaa ittiin yaadataman shan

Madda suuraa, SM
Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa kan turan Aab Liiban Jaldeessaa Dilbata, Hagayya 30, 2026 umriisaanii waggaa 59tti addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Aab Liiban uummata Oromoo, keessatti, Oromoo Booranaa biratti akka Abbaa Gadaa qofatti osoo hin taane, akka goota gameessaa, abbaa, gameessa siyaasaatti ilaalamu.
Ummanni Booranaa ''Pirezidantii keenya'' jedhaan.
Aab Liiban abbaa maatii hedduu, nama dantaa Oromoof of kenne, goota Oromoo jechuun faarfamu.
Sirna awwaalchaa Kibxata kaleessaa, Hagayya 31, 2026 raawwatamerratti gootummaansaanii akkaan faarfameera.
Waa'ee Abbaa Gadaa duraanii kanaa qabxiilee ijoo shan.
Dhimma lafaa fi daangaa
Abbaan Gadaa duraanii LIiban Jaldeessaa bara gadaasaaniis ta'e ergasii dhimma lafaa fi daangaa Oromiyaa irratti kutannoo agarsiisaa turaniin maqaansaanii ka'a.
Aab Guyyoo Dooyoo Guyyoo qorataa Sirna Gadaa fi barsiisaa Yuniversitii yoo ta'an Aab Liiban Jaldeessaa waliin walitti dhiheenyaan hojjetaa akka turan BBCtti himan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
''Aab Liiban waan tokkoon sirriitti beekama. Dhimma lafaa fi daangaa irratti baayyee beekama,'' jedhan.
Aab Guyyoon dhimma daangaa lafaa fi rifarandamiin walqabatu irratti Mi'eessoo hanga Moyaaleetti waan jiru irratti wayita qorannoo gaggeessaa turan Aab Liiban Jaldeessaa waliin hojjetaa akka turan ibsan.
Lafaa fi daangaan walqabatee yeroo dhibdeen mudatu Aab Liiban Jaldeessaa waliin hirmaataa akka turan kan ibsan Aab Guyyoo Dooyyoo, garuu yeroo sanatti jiraachuun gameessa Gadaa kanaa akkan murteessaa akka ture himan.
Iddoowwan Sirna Gadaaf akkaan murteessoo ta'an wayyoomsuu fi to'achuu keessatti nama qooda guddaa gumaachan ta'uu ibsan Aab Guyyoon.
''Yeroo rakkoon humna Sirna Gadaan ol ta'e turetti iddoowwan akka Fiiltuu, Dhaddacha Suuftoo naannoo Dooloo jiran akka lafa Oromootti nama wayyoomse.''
Akka carraa ta'ee bara Aab Liiban Jaldeessaa Abbaa Gadaa turan yeroo rakkoon siyaasaa fi bulchiinsaa haaraan Itoophiyaatti mudate ta'uu kan eeran Aab Guyyoon, garuu rakkoo kanaaf harka kennuu Gadaa bakkeetti hin ganne jedhan.
''Sababa bulchiinsi haaraan sirna Itoophiyaa seenee maqaa rifarandam jedhuun daangaan addaan haa ba'u jedhameef bulchiinsi isaa yeroo hamaarra bu'e.''
Haala sana keessatti lafa Oromoo dabarsee hin kennu jechuudhaan, inumaa dhaabotaa fi qondaalota mootummaa yeroo sana turan dura dhaabbachuun falmaa ture jedhan.
''Keessattuu dhimma Mooyalee irratti yeroo sana Pirezidantii Naannoo Oromiyaa kan turan Abbaa Duulaa Gammadaafaa duratti ba'uun falmaa ture. Har'allee awwaalcha isaarratti dhimma Mooyaleerratti nama ejjennoo addaatiin beekamu jedhamuun maqaansaa faarfameera.''
Gooroo Gadaa jabeessuu
Aab Liiban Jaldeessaa bara 1991 baallii fudhachuun Abbaa Gadaa ta'uun waggaa saddeet tajaajilan.
Aab Guyyoo Dooyoo Abbaan Gadaa duraanii Liiban Jaldeessaa erga Gooroo Gadaa fudhee gadoomee nama gooroo gadaa jabeesse jedhan. ''Aadaan Gadaa tokkollee osoo hin badin nama cimsedha. Aadaa lallaafte nama jabeesse, aadaa baddellee nama deebise.''
Gumiin Eel Dalloo bara gadaasaa deebite jedhan Aab Guyyoon.
''Gama Liiban, gama Nageellee Booranaatti Gumii Oromoo guddoo kan ta'e Gumii Eel Dalloo bara dheeraaf adda citee ture deebisee dhaabe.''
Nama hooggansa mootummaan sodaatamuu fi dantaa Oromoo dabarsee hin kennine ta'uunsaallee ka'eera jedhan.
''Fakkeenyaaf walga'ii dhimma Baadimmee fi Shiraaroo irratti qondaala mootummaa Tsaadiqaan Tinsaayee jedhamuun gageeffamaa ture tokkorratti 'lafti wal hin caalu adda lafaatu walcaala malee' jechuun kan inni waa'ee Mooyalee falme har'allee akka haaraatti yaadatameera.''
Abbaan Gadaa duraanii Liiban Jaldeessaa kun nama naatoo fi ija jabina qondaala mootummaa tokkoo gadi hin taane qabaachaa tureedha jedhan Aab Guyyoo Dooyoo.
''Akkuma isin Baadimmee fi Shiraaroo jaallattanitti nulleen lafa keenya jaallanna jechuun qondaala mootummaa sanatti hime.''
Kanaaf har'allee akka goota Oromoo lafaa fi daangaa Oromiyaa tiksuutti, akka goota aadaa tiksuutti , akka nama cimaa Oromoo tokkootti maqaansaa faarfameera jechuun sirna awwaalchaa irratti taatee ture ibsan.
Haadha warraa 6 fi ijoollee 50
Abbaa Gadaa duraanii Liiban Jaldeessaa bara 1959 Boorana bakka Ardaa Burbusitti dhalatan.
Akka ilmaan kormaatti dabballummaarraa eegaluun sadarkaalee Sirna Gadaa- Gaammee, Kuusa- Raabaa hanga Doorii jiran keessatti hirmaannaa guddaa taasisuun keessa darban.
Jireenya dhuunfaa isaanii yoo ilaallu nama namaaf yaadan, arjaa fi gootummaa kan qaban ta'uu seenaan isaanii ni mul'isa.
Akkasumas abbaa maatii bal'aa fi Oromoo hunda biratti akka abbaatti ilaalamaniidha.
Aab Liiban Jaldeessaa haada manootii ja'arraa ijoollee 50 akka godhataniiran seenaan isaanii ni mul'isa.
Seera Daawwee hambisuu
Aadaa Oromoo Booranaa keessatti Seera Daawwee kan jedhamu akka Oromoon gamaa gamanaa walitti hin adeemne danqaa ture.
Abbaan Gadaa duraanii Liiban Jaldeessaa nama seera kana kaasuun namuu akka walitti deemu haala mijeesse ta'uu hawaasi Booranaa ni himu.
Seera Daawwee kana Daawweetu kaa'e jedhan. Akka seera kanaatti Booranni Itoophiyaa fi Keeniyaa wal hin argan ture.
Garuu Aab Liiban bara Gadaa isaa seera kana kaasuun Booranni Itoophiyaa, Oromiyaa keessaa fi Keeniyaa akka tokkummaa'u taasisan jedhan.
Amma Booranni hundi Keeniyaa fi Itoophiyaa keessatti akka fedhe waliin socho'uu danda'a. Gadaallee tokkoon bula jedhu jaarroleen Booranaa.
Seera mootummoota lamaanii [Itoophiyaa fi Keeniyaatu] adda adda malee Sirna Gadaa tokkumaan buluutti jira.
Aab Liiban Gadoomaan haala kana hunda mijeessee, daangaa tolchee erga gadooma keessaa ba'eellee jaarrummaan daangaa ganamaa Oromoo tiksuurratti hojjetaa ture.
Waraana
Abbaan Gadaa duraanii Liiban Jaldeessaa wayituma gadoomatti seenuuf jedhurraa eegalee weerara daangaa, waraanaa fi dhiibbaa mootummaa jala ture.
Jaarroleen Booranaa akka jedhanitti wayita inni gadooma jala ga'u namni 70 ga'u Areeroo keessaa qabamuun hidhaman.
Yeroo sana baallii fuudhuuf qophiirra kan turan Aab Liiban mootummaan namoonni kunneen akka hidhaman kaan ammoo akka fannifaman wayita murteessu ofiisaatii dura bu'ee dubbachuun namoota baasuu jalqabe.
Dhumarratti Aab Liiban sodaa tokko malee ba'uun qabsoo gaggeesseen namoonni hidhaman hunduu nagaan ba'an jedhu namoonni yeroo sana argan.
Aab Liiban qabsoo diddaa fi waraana fakkaatu jala bultii gadooma isaarraa haala kanaan jalqabee dantaa Oromoo Booranaa kabachiisuuf tattaaffii isaa itti fufe.
Ergasii duula, adamoo akkasumas lola daangaa hunda keessaa hafee hin beeku jechuun waa'ee isaa ibsan jaarroleen.
Daangaa hundarratti dhibdee ka'u fuuldura bu'ee faccisuun kan kabachiise isa jedhan.



















