'Israa'el silaa baduu waan hin oolle ture'- Tiraamp balaa Iraan niwukilara hidhachuu ibsan

Madda suuraa, AP
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp osoo Iraan meeshaa niwukilaraa qabaattee itti fayyadamti jechuun Israa'elii fi kutaaleen gurguddoon Baha Giddugaleessaa akka barbadaa'an, Ameerikaan ykn Awurooppaan ammoo ''itti aanuu'' akka danda'an dubbatan.
Kunis kan ta'e erga Ameerikaan Dilbata galgala haleellaa qilleensaa iddoowwan misaa'ela Iraan itti darbatan Odoola Larak irratti xiyyeeffate irratti raawwachuu ishee erga beeksiftee booda.
Haleellaan kaleessaa kunis erga xumura baatii Adoolessaa booda haleellaa kallattiin Ameerikaan Iraan irratti raawwatte isa jalqabaa yoo ta'u, Iraan haleellaa haaloo bahuu buufata waraanaa naannichaa irratti xiyyeeffachuun deebii kennite.
Tiraamp gaaffii fi deebii 'Fox News' irratti taasisaniin, " Iraan silaa meeshaa niwukilaraa osoo qabaatanii ni furguggisu turan," jechuun, dhiibbaa egeree Baha Giddugaleessaa irratti qabu eeru.
"Silaa haxaa'amuuf turre jechuun ni danda'ama ture, keessumaa Israa'el haxaa'amuun ishee hin oolu" jedhan
Jalqaba waraanaa irratti Teehiraan biyyoota Galoo Galaanaa irratti xiyyeeffachuun ishee deeggarsi biyyootni ollaa Iraniif qaban akka manca'u kan taasise ta'uu ibsan.
Utuu niwukilara hidhattee, Iraan Israa'eeli fi biyyoota Galoo Galaanaa, itti aanee Ameerikaan ykn Awurooppaan kan itti aanu akka ta'u kan agarsiisu ta'u fi kunis meeshaa niwukilaraa akka hin qabaanne dhorkuu akka barbaachise ibsaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa milkaa'ina uggura buufata doonii Iraan irra kaa'amee fi duula dhiibbaa dinagdee Waashingitan durfamun, Iraan irra kaa'ame humna galaanaa, humna qilleensaa, sirni farra diroonii, akkasumas hoggantoonni isaanii "humna guddaa qaban" dadhabuun amma "mootummaa bulloofte" ta'uu ishee dubbatan.

Madda suuraa, Reuters
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ulaa Hormuz ilaalchisee Ameerikaan fanjii galaanicha keessatti awwaalamee ture hunda buqqisuu akka dandeesse ibsuun, hojiin kun ''gargaarsa biyyoota biroo baayyee muraasaan'' akka raawwatame eeran
Traamp itti dabaluudhaan erga waraanni kun xumuramee booda Ameerikaan " yeroo dhihootti to'annoo ishee guutuu'' Ulaa Hormuz irratti akka qabaattu ibsuun, odola Iraan Kharg jedhamtus "guutumaan guututti barbadaa'ee gara caccabaatti akka gadi bu'e" ibsaniiru.
Wixata ganama Gareen Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) haleellaa qilleensaa buufata waraanaa tokko Qataar keessa jiruu fi buufatawwan waraanaa sadii Yordaanos keessatti argaman irratti xiyyeeffateera.
Haleellaan kun deebii haleellaa Ameerikaan odola Laarik, ulaa Hormuz keessa jiru irratti raawwatteef kennamee yoo ta'u, Gareen Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaan sun ''rukuttaa kallattiin'' galmaan gahuu isaa mirkaneesse.
Haleellaa kana hordofuun waldhabdeen Waashingitan fi Tehran gidduu jiru saffisaan kan hammaate yoo ta'u, waldhabdeen kun iddoowwan Iraan irratti xiyyeeffachuu irraa gara Tehran humnoota Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti haleellaa raawwachuu beeksisuutti ce'eera.


















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)