Westhaam, Tootanhaam fi Nootinghaam keessaa kamtu Pirimeerliigi keessaa gadi bu'a?

Suura Jaarood Boowen, Zhaavii Siimons fi Moorgaan Giibs

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaarood Boowen- Westhaam, Zhaavii Siimons- Tootenhaam, fi Moorgaan Giibs Nootinghaam Foorest irraa. Sadanuu gareesaniif taphoota dhiyeenya taasisan irratti galii murteessaa lakkoofsisaniiru
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirimeerliigii keessaa kilaboonni lama bu'uunsaanii mirkanaa'era: Wolvis fi Barnilee. Garuu tokkotu. Weesthaam, Tootanhaamifi Nootinghaam Foorast Shaampiyoonshiippitti gadi bu'uu hafuuf taphoonni dhufan murteessodha.

Barnileen Kibxata, Ebla 22, Siitidhaan mo'amuu hordofee Woolvizitti makamee Pirimeerliigii keessaa baheera.

Torbanoota darban keessa eenyutu Piriimeerliigii keessaa gadi bu'uurraa hafuuf falmata kan jedhu kilaboota afur ture: Weesthaam, Tootanhaam, Nootinghaam Foorastifi Liids turan.

Garuu Liids Boornimaaz waliin wal-qixa bahuurraa kan ka'e qabxii 40 sassaabbachuun carraa gadi bu'uu jalaa miliquu bal'ifataa jiru.

"Taphoota hundumaa taphanne keessaa torba hin injifatamne, kanaaf ofitti amanamummaan qaba. Taphoota hafan dhumaa afur maaf injifatamna?" jedha leenjisaan Liids Daa'ieel Faark.

Liids tapha Barnilee waliin qabu yoo injifate Pirimeerliigii keessaa gadi bu'uu hafuuf isa gaha.

Tootenhaam carraan gadi bu'uusaa guddaadha- tilmaama Opta

Akkaa tilmaama Opta Supparkompiitaritti, Westhaamifi Foorast caalaa carraa Shaampiyoonshiippitti gadi bu'uu kan qabu Tootenhaamidha.

Carraan Liids Pirimeerliigii keessaa gadi bu'uu baay'ee xiqqaadha- 0.21%.

Notinghaam Foorast Sambattan irra Barnilee mo'achuusaan qabxii 36 gaheera. Qabxii sadiin Tootenhaam caala. Notingham carraan gadi bu'uusaa 4.27% akka ta'e tilmaame Optan.

Tilmaamni Opta akka agarsiisutti gadi bu'uurraa hafuuf falmiin Tootenhaamfi Weesthaam gidduu jira. Garuummoo harka caalaa carraa gadi bu'uu kan qabu Tootenhaamidha jedha- 56.93%. Warri burruusaa, Weesthaam, Tootenhaamitti aanee carraa gadu bu'uu 38.58% akka qabu Optan tilmaame.

Haalli jiru maal akeeka?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan Tootenhaam Di Zaarbiin Sambata darbe Biraayitan waliin qixa bahuunsaa abjuu gareensaa Pirimeerliigii keessatti hafuuf qabu caalmatti jalaa dukkaneesse.

Tootenhaam taphoota Pirimeerliigii 15 darban mo'achuu hin dandeenye. Seenaa kilabichaa keessatti taaten akkanaa erga mudatee waggaa 91 ta'eera. Bara 1934fi1935 taphota seenaan wal-fakkaataan isa mudate.

Carraa liigicha keessatti hafuu xiqqoo qabu milkeeffachuuf Sambata dhufu Shaampiyoonshiippitti bu'uunsaa dursee kan mirkanaa'e Wolvis mo'achuutu irraa eegama.

Weesthaamifi Nootinghaam faallaa Ispars kaka'uumsa agarsiisaa jiru. Nootinghaam Foorast taphoota sadi darban keessaa lama yoo injifatu, Weesthaam ammoo taphoota shan darban keessaa lama irra aanera. Kanaaf, lamaansaanii Isparsi haala amma irra jiraniin ni caalu jechuudha.

Xiqqoo bal'isnee yoo ilaalle ammoo, Weesthaam taphoota 12 darban irraa qabxii 19 yoo fudhatu, Nootinghaam ammoo taphoota darba 13 irraa qabxii 18 sassaabbateera. Liids ammoo taphoota 15 darban irraa qabxii 19 argate.

Faallaa kilaboota kanneenii Tootenhaam Mudde 28, 2025 Kiristaal Paalas erga mo'atee as taphoota 15 gaggeeffaman irraa qabxii jaha qofaa argachuu danda'e.

Taphoonni hafan shanan Isparsiif baay'ee murteessodha; Wiixata dhufu qe'ee Wolviz deemee injifachuun dirqama itti ta'a.

Caamsaa 11 ammoo qe'ee ofiitti Liids keessummeessa. Warri Liids tapha dhufu injifatanii Pirimeerliigii keessatti hafuu mirkaneeffatu taanan morkiin cimaan Tootenhaam hin eeggatu. Gaafa Caamsaa 3 ammoo Aston Viilaa morkata.

Tpaha dhumaatiin osoo Evartan waliin walii hin bahin dura Cheelsitu isa eeggata. Cheelsifi Astoon Viilaan dorgommii Awurooppaa Liigii irratti hirmaachuuf mo'achuuf jecha falmii cimaatu Tootenhaam eeggata.