Dhalataan Itoophiyaa odeeffannoo murteessoo US Itoophiyaaf dabarsee kennuu amane

Madda suuraa, Reuters
Dhalataan Itoophiyaa Abrahaam Takluu Lammaa jedhamu yeroo lola Kaaba Itoophiyaa odeeffannoowwan murteessoo Ameerikaa mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kennuudhaan balleessaa raawwachuu amane.
Ministeerri Haqaa Ameerikaa ibsa baaseen, Meerilaand kan jiraatu ga'eessi ganna 53 kuni, A.L.A bara 2021 hanga 2023 gidduutti odeeffannoowwan mootummaa Ameerikaa baayyee iccitii ta'an shiraan mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kennuu keessatti hirmaachuu amaneera jedhe.
Ministeera Haqaa Ameerikaatti waajjirri qunnamtii uummataa Kibxata darbe ibsa baaseen, gargaaraa Abbaa alangaan dhimmoota nageenya biyyaalessaa Joon E. Ayizangarg "Lammaan Ameerikaa irratti badii guddaa raawwateera" jechuun akka ibsan eere.
Abbaan alangaa kuni itti dabaluunis "dhalataan Itoophiyaa kuni bulchiinsa odeeffannoo teeknolojii irratti heeyyama qabu fayyadamuun dhabbata nageenyisaa eegame keessaa odeeffannoowwan iccitii jajjaboo dabalatee dhimma raayyaa ittisaa Ameerikaa karaa hin taaneen baasuun mootummaa Itoophiyaatiif dabarseera" jedhan.
Abrahaam odeeffannoowwan icciitii mootummaa Ameerikaa jalaa baase "humnoota walitti bu'iinsa naannoo tokkoo keessa turan barbaaduu fi ajjeessuuf akka itti fayyadaman abdii godhatee ture" jedhan.
FBI'tti Daayireektara itti aanaan kutaa farra basaasaa fi yakkoota basaasaa Roomaan Roozhaviski "mootummaa Ameerikaatiif eegumsan godha jechuun kakuu raawwatus, Abrahaam Lammaa Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun gocha basaasaa raawwachuun biyya keenya miidheera" jechuu isaanii ibsi ministeera Haqaa ni akeeka.
Iccitiiwwan Abrahaam mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kenne yeroo lola kaaba Itoophiyaa hojiirra oolfamuu isaanii FBI akeekeera.
"Lammaan jecha amantaa fi waakkii isaatiin iccitiiwwan raayyaa ittisaa Ameerikaa mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kennuu amaneera. Isaanis iccitii kana waraana Kaaba Itoophiyaatti deemaa tureen duula gaggeeffamaa turerratti itti fayyadamaniiru" jedhan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Mootummaan Itoophiya himata Abrahaam irratti dhihaate kanarratti hanga ammaa waan jedhe hin qabu.
Abrahaam to'annoo seeraa jala osoo hin oolin dura dhaabbilee Ameerikaa hedduu keessatti ogeessa odeeffannoo teeknolojii ta'uun tajaajilaa ture.
Dhaabbilee inni kanaan dura keessa hojjete keessaa biiroo Basaasaa Ameerikaa fi miniteera dhimma alaa fi miniteerri haqaa ni eeramu.
Waajjirri haqaa akka ibsetti, sanadoota hariiroo inni mootummaa Itoophiyaa waliin taasise dhihaatan keessaa Abarahaam mootummaan Itoophiyaa yeroo hidhattoota waliin waraana keessa ture mootummaa Itoophiyaa jajjabeessaa akka ture mul'isa.
Abrahaam A.L.I Muddee 9, bara 2014 nama isa waliin hojjeteef ergaa dabarseen "Namoota kana yeroo dhumaatiif balleessuu qabna. Saniin ala Itoophiyaatti yoomiyyuu nagaan hin jiraatu" jechuun barreessuu isaa ibsi ministeera haqaa eera.
Guyyuma sana nama waliin ta'ee kana hojjeteef ergaa "maaloo diroonota ergi' jedhu barreessuun isaas beekameera.
Abbaan alangaa akka jedhutti, iddoo odeeffannoowwan iccitii mootummaa Ameerikaa jiru namni seenuuf heeyyama darbiinsaa argatu amanamumma guutuu qabaachuu isaanitiif waadaa niseenu.
Kana malees odeeffannoowwan iccitii mootummaa kana eeguuf dirqama seeraa fi ogummaa qabu. namootni kana cabsan seeraan nigaafatamu jedhe.
Odeeffannoowwan yeroo sana namni kuni mootummaa Itoophiyaatiif dabarse waraana yeroo sana Itoophiyaa keessatti deemaa ture waliin kallattiin kan walqabatan akka ta'e abbaan alangaa himeera.
Kana malees odeeffannoowwan Iccitii mootummaa Itoophiyaatiif dabarfamanii kennaman kuni nageenya biyyaalessaa Ameerikaa miidhuu akka danda'an abbaan alangaa ibse.
Akka Abbaan alangaa jedhutti, Abrahaam mootummaa Ameerikaa keessatti nama heeyyama darbiinsaa olaanaa ta'e qabu yoo ta'u, heeyyama kana fayyadamuun sanadoota iccitii hedduu, yaadanoowwan, suurawwanii fi ragaalee ofeeggannoo addaa barbaadan hedduu namoota siyaasaa olaanoo fi raayyaa ittisaa akkasumas Tika Itoophiyaatiif dabarsee kenneera.
Distiriiktii Kolombiyaatti Abbaan Aalanga Ameerikaa jaaniin Feeriis "lammaan waggoota lamaa oliif ittigaafatamummaa itti kenname fayyadamuun ragaalee icciitii olaanoo mootummaa Ameerikaa mootummaa alaatiif dabarsaa ture" jedhan.
"Kana gochuu isaatiin kakuu seeneef, miiltoowwna hojiisaa fi biyya isaa irratti gantummaa raawwateera. Kana malees nageenya biyyaalessa biyya keenyaa balaarra buuseera.
Gocha kana raawwachuu amanuunsaa ammoo ergaa ifa ta'e dabarsa. Iccitiiwwan murteessoo Ameerikaa kanneen dabarsani kennan niqoratamu ,nihimatamu, gaafatamoos ta'u" jedhan
FBI'tti Daayireektara itti aanaan kutaa farra basaasaa fi yakkoota basaasaa Roomaan Roozhaviski gamasaaniin "Balleessaa isaa amanuun yaadachiisa ifa ta'e ta'uu qaba.
FBI fi dhaabbileen waliin hojjennu tajaajiloota basaasaa alaa fi isaan waliin ta'uun kanneen faayidaa Ameerikaa faallaa dhaabbatan kamuu dhaabsisuuf boqonnaa malee akka hojjetan agarsiisa" jedhan.
Abarahaam hojii basaasaa kana yeroo raawwatuu fi yeroo angaa'ota mootummaa Itoophiyaa waliin walqunnamu gochi isaa kuni akka hin baramneef tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa turuunis himameera.
Kanneen keessaas dhaabbilee sanadoota inni barbaadu qaban keessaa ragaalee mala elektirooniksiitiin fudhachuu, sanadoota iccitii olaanaa qaban ammoo harkaan barreessuun akka fudhatee fi baase eerameera.
Abrahaam odeeffannoowwan iccitii olaanoo ta'an kana harkaan barreessuunii fi dhaabbilee Ameerikaa ngummaan isaanii eegame keessaa baasuun mootummaa Itoophiyaatiif dabarsee kennuun eerameera.
Kana malees odeeffannoowwan mootummaa biyyaalessaa mootummaa alaatiif dabarsuun kennuu himata irratti dhihaate kana amanuusaatiin hidhaan waggaa 10 hanga 22 gahu akka itti murtaa'uu malus ibsameera.
Manni murtii himatamaa kanarratti murtii adabbii dabarsuuf A.L.A Eebla 14 bara 2027tti beellama qabateera.























