Ameerikaan ajjeechaa Arsiitti raawwatame balaaleffatte

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan Naannoo Oromiyaa, Arsii keessatti ajjeechaa lammilee nagaa irratti raawwatame balaaleffachuun sirnaan qoratamee kanneen yakka kana raawwatan murtiitti akka dhiyaataniif mootummaa Itoophiyaa gaafate.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimmoota Afrikaa barreeffama Onkoloolessa 30, 2026 fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Arsii keessatti ajjeechaan xiyyeeffannaa addaatiin raawwatama jedhe ilaalchisee gabaasaaleen dhiyeenya kana dhufaa jiran mootummaa Ameerikaa akka yaachiseeru ibseera.
Torban tokko dura akka caaseffama duraan turetti naannoo Oromiyaa, godina Arsii, akka caaseffama haraatti ammoo godina Baha-kibba jala bakkeewwan gara garaatti ajjeechaa jiraattota irratti raawwatajeen namoonni 60 ol ajjeefamuu Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa beeksiftee ture.
Bataskaanni kun haleellaan kun waggootaa kan itti fufe ta'uuf adda durummaan kan irratti xiyyeeffatame hordoftootashee ta'uu eeruun, mootummaan ajjeechaa namoota nagaa akka dhaabsisuu fi mirga lubbuun jiraachuu fi bilisummaan waaqeffachuu isaanii akka kabachiisuuf gaafatteetti.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimmoota Afrikaa ibsa baaseen, "Yunaayitid Isteetis haleellaawwan sababa ilaalcha amantaan, sabaan ykn siyaasaan kaka'uun raawwataman cimsitee balaaleffatti," jechuun kan akka Arsii keessatti raawwatame "haleellaan hamaa garee kamiiniyyu raawwatamuun isaanii dhaabbachuu qaba," jechuun hubachiiseera.
Itti dabaluun, Ameerikaan mootummaan Itoophiyaa taatee gaddisiisaa kana sirnaan akka qulqulleeffatuu fi warra yakka kana raawwatan murtiitti akka dhiyeessuuf waamicha dhiyeessiti jedheera.
Torbanoota darban keessa Arsii keessatti bakkawwan argamanitti haleellaawwan walitti aansuun raawwatamaniin daa'immanii fi dubartoota dabalatee namoonni baayyeen kan ajjeefaman yoo ta'u, kanneen biroo ammoo miidhaan irra gaheera.
Ajjeechaa ijoo dubbii ta'ee ture kana ilaalchisee mootummaan federaalaa hanga ammaa ifatti wanti jedhe jiraachuu baatullee, itti gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa torban darbe ibse kenneen haleellaa raawwatameef garee tokkummaa finciltootaa [Tsimdo] itti gaafatamaa godheera.
Aanga'aan naannoo Oromiyaa kun gareen kun "kasaaraa guddaa kaaba Itoophiyaatti isa mudate kallattii jijjiirsisuuf walitti bu'iinsa sabaa fi amantaa uumuudhaaf schoon taasise fashalaa'eera " jechuun naannichi qaamolee haleellaa kana raawwatan irratti "tarkaanfii fudhachuu eegale" itti fufa jedheera.
Naannoo Oromiyaa, akka caaseffama duraan tureetti godina Arsii, akka caaseffama haaraatti ammoo godina Baha Kibba Oromiyaa keessatti humnoonni eenyummaan isaanii fi kaayyoon isaanii ifatti maala akka ta'e hin beekamiin jiraattota, keessumaa hordoftoota Kiristaanaa Ortodoksii irratti yeroo xiyyeeffatan waggoonni lakkaa'amaniiru.
Haleellaawwan yeroo gara garaatti raawwatamaniin namoonni baayyeen yoo ajjeefaman, manneenii fi bataskaan irrattis miidhaan gahuun gabaafamuun isaa ni yaadatama.

























