"Rippoortar waggoota 31 kan gahe dantaa biyyaalessaa eeguni"- Gulaalaa Muummee

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan maxxansaatiin Itoophiyaa keessatti waggaa 30 ol kan lakkoofsise gaazexaan Ripportar Wiixata kaleessaa ugguramuu isaa hordofee, hoggantoonni miidiyichaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa waliin marii gochuuf gaaffii dhiheessuu isaanii gulaalaan muummee gaazeetichaa Taammiruu Tsiggee BBCtti himan.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Sadaasa 02, 2026 dhaabbata Media and Communication Center ittigaafatamummaan isaa murtaa'e jalatti kan maxxanfaman Ripportara Amaariffaa, Ze Ripportar (gaazeexaa Ingiliffaa) fi miidiyaaleen dijiitaalaa isaa “maxxansuu fi raabsuu irraa guutummaatti ugguramuu” isaanii beeksiseera.
Abbaan taayitichaa murtee kana dura “waggaa tokkoo ol hordoffii qabiyyee” gochaa akka ture ibseera. Hordoffii taasifameen “irra deddeebi'anii sarbamsi seeraa fi naamusaa ogummaa miidiyichaan raawwatamuu isaa mirkanaa'eera” jechuun beeksiseera.
Ibsa kaleessa ba’een gochaaleen miidiyaalee irratti raawwataman jedhaman kanneen “sarbiinsa seeraa fi naamusaa ogummaa” jedhaman keessaa, “qabiyyee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin walfaallessan babal’isuun” keessatti argamu.
“Faayidaa fi hawwii dhuunfaa irraa ka’uun ragaa hin mirkanoofneen maqaa fi bifa dhaabbilee xureessuu” akkasumas “dhimmoota haala siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee irratti dhibbaa guddaa qaban” kaasuu jedhanis dhiyaatanii jiru.
Gulaalaan Muummeen Gaazexaa Ripportar Taammiruun, “Xalayaan Dhorkaa” miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame kun miidiyaaleef xalayaadhaan dhaabbaticha kan qaqqabe har’a Kibxata, Sadaasa 03 ta'uu ibsan.
Gulaalaan Olaanaan kun, gabaasni “faayidaa biyyaalessaa biyyattii waliin walfaallessu gonkumaa” akka hin maxxanfamne ibsuun, himannaa abbaa taayitichaan dhiyaate mormanii jiru.
“Ripportar kaayyoo itti hundaa’ee fi kanaan dura hojjachaa tureen, hundi keenya ogummicha beekneeti kan hojjachaa jirru. Gonkumaa, tasumaa waan faayidaa biyyaalessaa waliin walfaallessu [hin tamsaasnu]” jedhaniiru.
Obbo Taammiruun “ Ripportar waggoota 31 dabraniif qorannoo isaa kan itti fufe faayidaa biyyaalessa kabajsiisuu fi waliin hiriiruudhaani” jedhaniiru.
Kanaan dura abbaa taayitichaa waliin mariin taasifamuu isaa kan yaadachiisan Obbo Taammiruun, “Marii sadarkaa kanaan gahu akka hin turredha kan ani beeku” jechuun BBC'f ibsaniiru.
“Wanti sirraawuu qabu muraasni ni jira. Nutis waan irratti walii galle; kan sirrii hin taane immoo achumatti deebii itti kennine.''
''Sana booda ani akka gulaalaa olaanaatti waantin beeku homtuu hin jiru” jechuun murteen uggurrii dhaabbata isaanii irratti darbe waan tasa hin yaadin ta'uu ibsaniiru.
Amma hoggantoota Abbaa Taayitaa Miidiyaalee waliin marii gochuuf yaalii gochaa akka jiran kan ibsan Obbo Taammiruun, “Marii goonee dhimmoota jiran mariidhaan hiiknee maxxansaalee Sanbata fi Dilbata dhufu jiran ni itti fufsiisna jedheen amana” jechuun ibsaniiru.






