KALLATTIIN , Sudaan Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himatte

Sudaan dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Gamtaa Afrikaa AU) irratti Itoophiyaa himatte. Itoophiyaan humni addaa RSF daangaasheerraa diroonii akka darbatu eeyyamteetti jette Sudaan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Akeekkachiisni sobaa haleellaan nikularaa raawwata jedhu bahe

    Akeekkachiisan akkanaa lammiileen haleellaa dhufanirraa akka of eeggatan ergaa dhaama
    Ibsa waa'ee suuraa, Akeekkachiisan akkanaa lammiileen haleellaa dhufanirraa akka of eeggatan ergaa dhaama (suuraa faayilii)

    Gaafa Dilbataa galgala appilikeeshiniin haleellaan qilleensaa raawwatuu malurraa akka of eeggatan itti qoodamuurratti haleellaan nikularaa raawwatuu mala jedhaman erga qoodaman booda Yukireeniifi Raashiyaan aappichi butamuu dubbatan.

    Appilikeeshiniin Yukireen bal'inaan lammiileen biyyattii itti fayyadaman akeekkachiisa haleellaa qilleensaa sadarkaa diimaa erge.

    Akkasumas, haleellaan raadiyeeshinii, haleellaa kemikaalaa, akkasumas naannawa Kiivitti lolli daandiirraa akka jiru akeekkachiisu qoodame.

    Sa'aatii muraasa booda aangawoonni Raashiyaallee aappiin isaanii butamuu dubbatan.

    Haleellaa kana booda eenyu akka jiruus ta'e taateewwan lamaan yoo walqabatu ta'e ifa miti.

  2. Miidiyaan Chaayinaa sababa Imbaappen tapha Laa Liigaa osoo hin dabarsiin hafe

    Kiiliyaan Imbaappee
    Ibsa waa'ee suuraa, Imbaappeen dhiifama gaafatee ture

    Miidiyaan mootummaa Chaayinaa CCTV jedhamu gaafa Dilbataa taphata Riyaal Maadridii hin dabarsine.

    Kuni eega jifataan kilabichaa Kiiliyaan Imbaappee qoosaa qooseef dhiifama erga jedhee boodadha.

    Imbaappeen hogganaa duraanii Chaayinaa Maa'o Zedoong irratti wanti qoose Chaayinaa mufachiiseera.

    Qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa ''baay'ee isa kofalchiisan'' keessaa tokko suuraan isaa ''abbaa irree Chaayinaa'' irratti maxxanfame akka ta'e dubbatee ture.

    Sababa kanaan komiin cimaa irratti ka'e.

    Dhaabbileen biraandii Chaayinaa baay'ees beeksisa inni hojjeturraa haqaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa dhiifama Imbaappeen dhiheesse 'akka fudhatu' ibseera.

    Kilabiin isaa Riyaal Maadiriid fi Laa Ligaallee dhiifama gaafataniiru.

    Dhimmicha itti dhiisuuf qaamolee sadan irraa dhiifama akka eegu miidiyaan Chaayinaa dubbatee ture.

    Miidiyaan Chaayinaa dhiifama Imbaappee akka fudhatu dubbateera.

    Ta'us, tapha Imbaappeen keessa jiru hanga yoomitti dabarsuu akka didu hin beekamu ykn dhaabbatichi hin dubbanne.

  3. Itoophiyaan eeyyama hojii gaazexaa Rippoortar yeroo hin murtoofneef dhorkite

    Gaazexaa Rippoortar
    Ibsa waa'ee suuraa, Rippoortar gaazexaan Afaan Amaaraafi Ingiliffaan, onlaayinii akkasumas Afaan Ingiliziin barruudhaan qabiyyee dhiheessa

    Itoophiyaan gaazexaa umrii dheeraa biyyattii keessaa tokko dhorkite.

    Aangawoonni Itoophiyaa dhaabbata gaazexaa biyyattii umrii dheeraa qabuufi walaba ta'uun beekamu, Rippoortar, yeroof haquu beeksisan.

    Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa ibsa baasen maxxansawwan Rippoortar nageenya biyyaalessaa biyyattii ni faallessa jechuun himateera.

    Akkasumas seeraafi naamusa ogummaa gaazexeessummaa ni faallessa jechuun himate.

    Dhaabbileen mirgaaf falman mootummaan miidiyaalee walabaa biyyattii keessa jiran irratti xiyyeeffachuun qeequ.

    Waggaa darbe aangawoonni eeyyama hojii barruu Addis Standard haqanii turan.

  4. Sudaan Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himatte

    MM Abiy Ahimadiifi Alburahaan

    Sudaan dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Gamtaa Afrikaa AU) irratti Itoophiyaa himatte.

    Itoophiyaan humni addaa RSF daangaasheerraa diroonii akka darbatu eeyyamteetti jette Sudaan.

    Lola waraana biyyattiifi RSF gidduu adeemaa jiruun dirooniin meeshaa waraanaa filatamaa taheera. Kunis namoota nagaa irratti gaaga'ama geessisaa jira.

    Waraanni Sudaan waggaa kana qofa haleellaa 70 galmeessuu himuun, dirooniin 180 tahu ammoo daangaa Itoophiyaa irraa dhufe jedhe.

    Qondaaloti odeeffannoo balalii, suuraa saatalaayitiifi diroonii lafa kufeerraa ragaa sassaabbachuu himan.

    Dirooniiwwan kunneen ollaa namoota nagaa fi bu'uuraalee misoomaa- humna ibsaa fa'a torbee darbe haleeluu himate.

    Sudaan kanaan duras irra deddeebiin Itoophiyaan RSF'dhaaf haala mijeessiti jechuun himataa turte. Itoophiyaan himannaa kanaan dura irratti ka'aa ture haaltus kan miilanaaa irratti garuu homaa hin jenne.

  5. US haal-dureewwan Iraanirraa kaasnaan Ulaan Hormuuz guyyoota lama keessatti banama - Abbaas Arraagchii

    Minsitira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii Ameerikaan haal-dureewwan Teehraan keessa fudhannaan Ulaan Hormuuz faayidaa tarsiimawaa qabu guyyoota lama keessatti irra deebiin banamuu akka danda'u dubbate.

    Abbaas Arraagchi akka ibsetti, jaarsummaa Qaataar waliin mariiwwan taasifaman yeroo karoorri kun itti raawwatamu guyyaa shanirraa gara guyyaa lamaatti gabaaseera.

    Ministirichi itti dabaluun, Teehraan waliigaltee Isilaamaabaad booda qoqqobbiiwwan kaa'aman akka ka'an, humnoonni waraanaa qaxanaa sna keessa jiran akka hir'ifaman, daangeffamni gurgurtaa boba'aaf kaa'aman akka irra deebiin ilaalaman, akkasumas Qaataaritti kan argaman dabalatee qabeenyaawwan Iraan dhorkaman akka gadhiifamaniif gaafatteetti.

    Iraan toorawwan imala doonii irratti Omaan waliin marIiyatterratti beekamtiin idil-addunyaa akka kennamuuf barbaaddi.

    Abbaas Arraagchii haal-dureewwan kunneen guutamnaan Waashingiten fi Teehraan gidduutti dhimmoonni hanga ammaa fala hin argatiin irratti marii haaraa jalqabuudhaaf karaa bana jedheera.

    Yaadni kun kan dhiyaate imala galaanaa fi gabaa boba'aa irrattti muddama dhiibbaa uume kana hir'isuudhaaf carraaqqiiwwan wayita itti fufanii jiranittidha.

    Daldalli boba'aa addunyaa harka shan keessaa tokko kan ta'u kan keessa darbu Ulaan Hormuuz ammallee dhiyeessii annisaa idil-addunyaatiif ulaa murteessaa ta'ee tajaajilaa jira.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamu, "haala gaariin deemaa" jiraachuu dubbachuun isaa ni yaadatama.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo haasaa dhiyeenya kana taasiseen, Tiraamp Iraan irratti haleellaa gaggeessuuf ammallee hin murteessiin akka jiru eereera.

    Aanga'oonni Iraan gama isaaniitiin, Ameerikaan haleellaa raawwannaan deebiin haaloo bahuu hamaa akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.

    Isaan kunneen dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataati:

  6. Wanbadoonni Somaaliyaa doonii Iraan qurxummii qabdu to'atan

    Doonii

    Wanbadoonni galaanarraa Somaaliyaa doonii qurxummii qabdu namoota 23 fe'attee turte to'achuun isaanii dhaga'ame.

    Wiirtuun Nageenya Galaana Indiyaa wanbadoonni galaanarraa kunneen dooniiwwan daldalaa birootti siquun haleellaa dabalataa raawachuu danda'u jechuun akeekkachiiseera.

    Dooniin qurxummii qabdu Aziinii jedhamtu kan butamte gaafa Kamisaa ta'uun beekameera.

    Dooniin kun kaaba baha Somaaliyaa magaalota Baandaar Baayilaa fi Hafuun gidduu jabalaa turuu poolisiin galaanarraa Puntilaand Dlbata kan beeksise.

    Miseensi poolisii AFP'tti akka dubbatetti, wanbadoonni galaanarraa 12 doonii Iraanota 21 fi hojjetoota nageenyaa Somaaliyaa lama fe'attee turte butaniiru.

    Sabaa himaaleef ibsa kennuuf itti gaafatamummaan akka isaaf hin kennamne ibsuun namni maqaan isaa akka hin dha'amne barbaadu kun, haalli nageenyaa namoota dooniirra turanii kanaa maalirra akka jiru hin beekamu jedheera.

    Wiirtuun Nageenyaa Galaanaa akeekkachiisa dabalataa baaseen wanbadoonni kunneen doonii butan kana fayyadamanii dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa dabalataa gaggeessuu danda'u jedheera.

    Duulli galaanaa Gamtaa Awurooppaa dhimma kana qorachaa akka jiru ibsuun, dooniiwwan naannicha keessa jiran of eeggannoo cimaa akka taasisanii fi sochiiwwan shakkisiisoo ta'an akka beeksisaniif waamicha dhiyeesseera.

    Dooniin butamuu kun kan mudate wanbadoonni Somalaiyaa naannoo Galoo Galaanaa Adeen fi Garba Indiyaatti irra deebiin erga cimaniidha.

  7. Raashiyaa fi Yukireen haleellaa saayibariin rukkutaman

    Biyyoonni wal waraanuutti jiran lamaan haleellaa saayibariin rukkutaman

    Raashiyaa fi Yukireen appilikeeshiniin balaa tasaa mudatu akeekkachiisuuf itti gargaraaman haleellaa saayibariin rukkatamee akaakkachiisni sobaa guutummaa biyyoota lamaanii keessatti fayyadamtootatti ergamaa jira.

    Rakkoon kun akka ishee mudate jalqaba kan gabaaste Yukireen yoo taatu, magaalaan guddoo biyyattii Kiiv doorsisa raadiyeeshinii [carallaa]f saaxilamtee turte jedhe Humni Qilleensaa Yukireen.

    Sa’aatii muraasaan booda ammoo aanga’oonni Raashiyaa appilikeeshiniin isaanii jalaa haak godhamuu kan himan yoo ta’u, gareen basaasaa Yukireen haleellaan nukilaraa Raashiyaa keessatti gaggeeffamuuf jira akeekkachiisa jedhu erguutu gabaafame.