Dhimma qabeenyaafi maallaqaarratti gaa'ila duraa waliigaltee mallatteessuun maalif dabalaa dhufe?

Seeliinii fi Chaarles wal baranii waggaa osoo hin guutiin wal kaadhimmatan

Madda suuraa, Celine Tsoi and Charles Mock

Ibsa waa'ee suuraa, Seeliinii fi Chaarles wal baranii waggaa osoo hin guutiin wal kaadhimmatan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Seelin Tsoyi fi Chaarles Mook waggoota lama dura ture US, Kaalifoorniyaa keessatti kan walbaran.

Shamarreen ganna 23 fi dargaggeessi ganna 27 kunneen walbaranii turtii ji'oota saddeet booda wal kaadhimmatan.

Battalattis hiriyyoonnisaanii "waliigaltee gaa'ilaan duraa walii mallatteessituu?" jedhanii isaan gaafachuu eegalan.

"Gaa'ila keessatti wantoonni baay'een uumamuu danda'u. Kanaafuu (dhimma qabeenyaafi maallaqaarratti) yeroo hariiroon namoota wal fuudhan lamaan gidduu jiru hammaatettifi yeroo haaloo bahu barbaaduun dhufu osoo hintaanee dursitee yeroo wal jaalatutti irratti mari'achuu qabda" jetti Seelin.

Yeroo ammaa kana gaa'illi yoo diigame yookiin xumurame maallaqni/qabeenyi akkam ta'a kan jedhu dursanii murteessuun namoota dureeyyiifi beekamoo ta'an qofa osoo hintaanee namoota kaan birattis baramaa dhufeera.

Keessattuu dargaggeeyyiin reefu warrooman gidduusaaniitti garaagarummaan qabeenyaa hagas mara jiraachuu baatullee waliigaltee kana dursanii mallatteessuu filachaa jiru.

Chaarles ogummaa narsiin hojjechaa kan jiru yemmuu ta'u, galiin inni argatus PhD barachaa kan jirtu kan kaadhimaasaa Seelin ni caala. Haa ta'u malee wayita gaa'ila godhachuuf jedhanitti Chaarles caalaa Seelintu maallaqa caalmaa kuufatee ture.

Yeroo waa'ee waliigaltee gaa'ilaan duraa mallatteessuu mari'atanittis yoo kan gargar bahan ta'e Seelin mana isaanii akka fudhattu Chaarles yaada dhiyeesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaadni kunis Seelin biratti miira marartee cimaa kan uume yemmuu ta'u, "dhimma kanarratti haasa'uun mataasaatiin namni itti heerumuuf deemtu kan akkamii akka ta'e sitti agarsiisa" jechuun himte.

Dhaabbanni teessoosaa US keessa godhatefi qorannoolee gaggeessuun beekamu Harris Poll waliigaltee gaa'ila duraa ilaalchisee dhiyeenya kana Bloomberg News'if qorannoo taasiseera.

Haaluma kanaan lammiilee Ameerikaa umriinsaanii waggaa 45 gadi ta'efi gaa'ila godhatan yookiin kaadhimmatan keessaa walakkaa ol kan ta'an waliigaltee gaa'ila duraa mallatteessuusaanii himaniiru.

Akka waliigalaattis US keessatti abbaa warraafi haadha warraa shan keessaa tokko waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Yunaayitid Kingidam /UK/ keessattimmoo abbaa warraafi haadha warraa kudhan keessaa tokko waliigaltee kana mallatteessuusaanii qorannoon agarsiisa.

UK keessattis barmaatiin kun dargaggoota reefu warrooman biratti aadeffamaa jiraachuu qorannooleen kan agarsiisan yemmuu ta'u, abbaa warraafi haadha warraa umriinsaanii waggaa 35 gadi ta'e sadi keessaa tokko waliigaltee gaa'ila duraa mallatteessaniiru.

'Haqa qabeessa'

Ogeessi seeraa magaalaa Landan keessa hojjetan Maark Jilmaartin, ji'oota 18 darban keessa lakkoofsi namoota waliigaltee gaa'ila duraa mallatteessuu barbaadanii dabaluusaa akka taajjaban himu.

Ilaalchi waliigalteen kun yeroo 'dhiirri dureessi dubartii harka qalleettii' fuudhu mallatteeffama jedhu hafaa deemuusaafi namoota reefu hojii dhuunfaasaanii hojjechuu eegalanfi dhiibba uumtota miidiyaa hawaasaa biratti baratamaa akka dhufe himu.

Ogeessi kun, "Yaalii qabeenya yookiin maallaqa amma harkaa qaban qofa osoo hintaanee gara fulduraatti hortanillee eeggachuuf taasifamudha" jechuunis waliigaltee kana ibsu.

Dabalataan dhiibbaa uumtota miidiyaalee hawaasaan ala namoota idilee dhaalaan qabeenya argatan birattis waliigalteen gaa'ila duraa baratamaa akka jiru himaniiru.

Namoota kunneen keessaa tokkommoo Ingilaand keessatti kan dhalatte Beekaa Gibsan yemmuu taatu guyyoota muraasa booda kaadhimaashee Deev Howelsitti heerumuuf qophiirra jirti.

Ogeessa faayinaansii kan ta'e Deev hojii ija bareechuu kan hojjettu Beekaa caalaa mindaa dacha sadii ol argata.

Gaa'illishee duraanii "haala gaariin kan hin xummuramne" ga'eettiin ganna 33 Beekaan, "yaadni waliigaltee gaa'ila duraa mallatteessuu yemmuu ka'u haala gaariin simadhe" jetti.

Beekaan gaa'ilashee duraaniin daa'imman sadi kan horatte yemmuu ta'u, kaadhimaanshee Deev immoo gaa'ilasaa duraaniin daa'ima tokko godhateera.

Kanaafis jarri lamaan waliigaltee gaa'ila duraa osoo walii hin mallatteessin gargar bahanii gara mana murtii deemanii sababa isheen ijoollee caalmaa qabduuf murtee fooyyee argachuu akka dandeessu Beekaan ni beekti.

Haa ta'u malee waliigalteen gaa'ila duraa jara lachuu bifa haqa qabeessa ta'een kan ilaalu ta'uusaatiin "waan ana caalmaatti nafayyadu osoo hintaanee haqa qabeessa dha" jechuun waliigaticha filachuushee himti.

Gama biraatiin maatiisheerraa mana gatii guddaa baasu bifa dhaalaan argachuuf eegaa kan jirtu Beekaan, qabeenya maatiisheerraa dhaaltu kana tiksuu akka barbaaddus himti.

Yoo abbaa warraasheen gargar baatellee lamaan isaaniituu qabeenya duraan qaban fudhatanii gargar akka bahan akka barbaaddu himti.

"Yoo waa uumamellee gara haala jireenyaakoo duraan turetti akkan deebi'u beekuun waan gaariidha" jetti.

Ga'eessa ganna 45 kan ta'e Deev gama isaatiin waliigaltee gaa'ila duraa walii mallatteessuun gochaa miira jaalalaa hinqabne akka ta'e hima.

Haa ta'u malee lakkoofsi gaa'ilawwan diigamanii dabalaa jiraachuusaanii ragaaleen akka agarsiisan himuun, waliigalticha mallatteessuun tarkaanfii dursanii qophaa'uu sirrii akka ta'e dubbata.

'Wal harkaa fuudhinsa qabeenyaa guddaa'

Namoonni mudannoo gaa'ila isaanii duraaniirraa kan ka'e yookiin diigama gaa'ila maatiisaanii gaarii hintaane ilaaluun fedhii waliigaltee gaa'ila duraa mallatteessuu akka horatan ogeeyyiin seeraa himu.

Kana malees waliigalteen kun gama intarneetaan saffisaanfi baasii xiqqaan raawwatamuunsaas sababa biraati.

Haaluma kanaan jalqabarratti dhaabbata dhimmoota seeraa raawwachiisuf naannoo paawundii 5,000 kaffaluun waliigaltee gaa'ilaan duraa mallatteessuuf eegalee kan ture Deev booda keessa yaadasaa jijjiireera.

Tajaajila gama intarneetaa Wenup jedhamutti fayyadamuun kaffaltii paawundii 1,600'n dhimmasaa fixateera.

Gama biraatiin immoo dhaloonni haaraan tokko tokko bifa 'Wal harkaa fuudhinsa qabeenyaa guddaa' jedhamuun qabeenya guddaa maatiisaanirraa dhaalu.

Maatiinis tarii gaa'illi ijoolleensaanii yoo diigamelle qabeenyichi akka hin badneef yookiin harka nama biraa akka hinseenneef jecha ijoolleensaanii waliigaltee gaa'ila duraa akka mallatteessan dhiibbaa yeroo taasisan mul'ata.

Gama biraatiin dur waliigalteen gaa'ila duraa mirga dubartootaa kan daangessudha jedhamuun qeeqamaa tureera.

Haa ta'u malee waliigalteen kun yeroo keessa fooyya'aa akka deemefi dubartoonni mirgasaanii jalqabumarraa eegalee ifa akka godhan carraa kan kennu akka ta'e US keessatti hundeessituu dhaabbata waliigaltee gaa'ila duraa mallatteesisu 'HelloPrenup' kan ta'an Juuliyaa Roojarsh imu.

"Waa'ee galmoota jireenyaa, maallaqaa, gahee hojii fi itti gaafatamummaa mana keessaa mariin sirriifi ifa ta'e akka taasifamu barbaanna. Sababnisaas gaa'ila dheeraa gammachuun guutame akka qabaannufi" jedhu.

Gama biraatiin hiriyoonnishee baay'een yaadni waliigaltee gaa'ila duraa malatteessuu jedhu gaarii ta'uusaatti akka amanan Seelin himti.

Waliigaltee kana mallatteessuuf maallaqa doolaara dhibbaan lakka'amu akka baafte kan himtu Seelin, barbaachisummaasaatiin yeroo madaalamu garuu kana caalaa osoo itti baasteyyuu kan hingaabbine ta'uu himti.

Waliigaltichi gaa'ilashee keessatti "investimantii" gati qabeessa akka ta'efi barbaachisummaansaas cidhaa ol akka ta'es dubbati.

Hundaa ol garuu waliigalticha mallatteessuunsaanii isheefi abbaan warraashee haasaa dhimma maallaqaa dursanii akka ofirraa fixatan taasisuu kan himtu Seelin, "Dhimma maallaqaarratti giddu keenya dhibdeen tokkoyyuu uumamee hinbeeku" jetteerti.

Jeef Bezoos fi Looren Saanchez gaa'ila isaanii dura waa'ee qabeenyaa dursanii walii mallatteessan.

Madda suuraa, Instagram/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Bezoos fi Looren Saanchez gaa'ila isaanii dura waa'ee qabeenyaa dursanii wlaii mallatteessan