Arsiitti abbaan ijoollee ja'aa haati warraa qaama saalaa irraa murte maal keessa jiru?

Madda suuraa, Seifu on EBS
Obbo Aabbee Miidhagsoo jedhamu; jiraataa godina Arsii yoo ta'u hojjetaa mootummaadha. Ji'a Caamsaa bara 2026 keessa lafa isaan ciisanitti haati warraasaanii qaama saalaa irraa murtee wallaansarra osoo jiranii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Yeroo sanatti qaamni isaanii kun guututti citee lafa bu'ee booda festaaalan maramee hospitaala dhaqqabuu oggeeyyiirraa dhageenyee turre.
Yeroo taateen kun isa mudatetti dhimmi mana murtii akka ga'eefi Ameerikaa dhaqanii wallaansa fayyaa fooyyee qabu akka argachuu qaban ogeeyyiin gorsanii turuu dubbatu.
Amma maalirra jira?
Ga'eessi waggaa 43 kun haalli fayyaa isaanii maalirra akka jiruufi dhimmi haadha warraa isaanii seerri qabate maalirra akka gahe BBCn gaafateera.
Obbo Aabbee Miidhagsoo akka jedhanitti, ammallee mana yaalaatti marmaaraa jiru.
Wallaansaaf jecha Arsiirraa Finfinneetti, Hospitaala Alertitti wallaansaaf deemanii wayita achi jiranittidha BBC kan dubbiseyyu.
Kanaan dura si'a lama wallaansi oppereeshinii taasifamuufii kan dubbatan ga'eessi kun, qaamni saalaa isaanii guutummaatti irraa citee bu'e deebiyee wal qabatuufillee ammallee sirriitti fayyuudhaaf wallaansa hanga biyya alaatti deemanii argachuu akka isaan barbaachisu himan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haata'u malee, deeggarsa dhabuu isaaniirraa kan ka'e akkuma ogeeyyiin gorsan ''Ameerikaa deemee wallaansa caalu argachuu hin dandeenye,'' jedhan.
Obbo Aabbeen BBC'tti akka himanitti, haati warraa isaanii badii kanaan shakkamtee turte wabiin gadhiifamteetti.
Erga wabiidhaan gadhiifamtee ammoo gara warrasheetti waan galteef miidhama isaanirra gaheef wallaansaaf deddeebiyuu cinaatti ijoollee ja'a qofaa isaanii guddisuuf dirqamuu dubbatan.
Taatee suukaneessaa fi kanaan dura hedduu dhaga'amee hin beekne, kan darbees namoonni dubbatuu sodaatan, miidhamaan kun miidiyaaf qooduu akka fedhan dubbachuu kanaan dura dhiheessinee turre.
Hariiroo haadha warraa waliin qabanii fi waa'ee egeree isaanii addatti BBC waliin turtii taasisaniin dubbatanii ture.
Kana dura ogeessa fayyaa isaan wal'aanan yeroo BBC'n dubbise miidhaa haati warraa irratti raawwatteen qaamni saalaa isaanii guutumatti irraa kutamee lafa bu'uu dubbatan.
Yaada gama himatamtuu, haadha warraa, jiru BBC'n ammatti hin odeeffanne. Miidhamaan kuni waan halkan sana mudate akkanaan himu.
''Eddoo hojii ooleen iddoo hojiitii gale. Galgala irbaata nyaanneetuma erga irbaata nyaannee booda inuma rafne. Lolas hin qabnu, walitti buutiis hinqabnu.
''Homaa wanti baay'ee walitti qaaqnes hin jiru. Halkan sa'aatii jaha yoo ta'u ka'ee ala bahe. Alaa yoon ol deebi'e jedhu isiinis hin dhageetti.
''Booda walumaan haasofnee walumaan rafne. Erga rafnee booda naannoo sa'aatii jaha walakkaa hanga torba tahutti ishiin maaltu akka itti ajajeefi maal akka yaadde hin beekne albeedhaan qaama saalaakoo muruu dandeessee jirti.
''Erga murtee boodammoo ka'eetuma ari'ee qabe,'' jechuun BBC'tti hime.
Halkan sanas ollaan birmatuufi haadha warraa isaanii ''hawaasa naannottin kenne'' jedhan.
''Hawaasichatti albuma waliin kenne. Yeroo sanatti miidhaa irraan gahuu danda'a, miidhaa irraan gahuu hin barbaanne.
''Erga albee waliin itti kennee booda [yeroon dallaatti deebi'u] albicha fuutee [haati warraa] gara mana biraatti darbite.
''Boodarra gaafa qaamni seeraa dhufu iddoo itti darbite fuutee akkasumatti qabamtee gara waajjira poolisii waliin kan deemte,'' ta'uu dubbate.
Obbo Aabbeen hariiroo isaan haadha ijoollee isaanii jaha waliin qaban gaafatee ture.
''Waldhabbii hin qabnu jechuu dandeenya guutummaan guututti. Haadha warraakoo wajjiin waggaa 20 jiraanneerra. Daa'imman jaha qabna.
''Homaa waldhabbii guddaa hin qabnu. Yeroo muraasa keessa shakkiifi inaaffaan tokko tokko waan jiruuf,'' jechuun waan shakkan hime.
Badii haati warraa abbaa warraa irratti raawwattu hammana hin dhagahamu.
Tarii, bakka isaan jiraatan waan akkanaa baratamaadhaa?
''Takka hin dhageenye. Anaa miti jaarsonni, akaakayyoonni, abaabayyoonni namoonni amma jaarsummaaf bahan hundi isaanii gosa takka waan akkanaa dhageenyee hin beeknu,'' jedhan jedhu.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)


