KALLATTIIN, Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin nagaa godhames, karoorfames hin jiru - WBO

Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti mariin gaggeeffamuufi kan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamuu hordofee WBOn deebii kenne.

Guduunfaa

  • Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO
  • US guutummaa addunyaarratti viizaa kennuu yeroof dhaabde
  • Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii waliin irra ga'ame mana mareef dhiheesse
  • Neppaalitti balaa lolaa mudateen hanga amaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan
  • Lammiileen alaa balaa kanaan dhabaman 800 ta'u
  • Balaan kun kan uumame lolaa hamaan laga Himaaliyaatti yaa'uun erga lagicha garmalee guutee dambali'eeti
  • Lagichi yaa'a isaa keessaa bakkee ba'uun magaalotaa fi gaarreen liqimseera, laaqiin lagichi uume balaa guddaa qaqqabsiise
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO

    Suura Kumsaa [Marroo] Dirribaa

    Madda suuraa, Social Media

    Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti mariin gaggeeffamuufi kan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamuu hordofee WBOn deebii kenne.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo fuula X irratti ibsa gabaabaa kaa'en, mariin mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeeffames ta'ee gaggeeffamuuf beellamni qabame akka hin jirre beeksise.

    "Mariin WBO fi Abiy Ahmed [mootummaa Itoophiyaa] gidduutti gaggeeffamaa jirus, karoorfames hin jiru," jechuun odeeffannoo sobaa deeggartoonni mootummaa facaasaa jiran ta'uu ibse.

    Waa'ee mariin qaamolee lamaan gidduutti taasifamuufi jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru ilaalchisee BBCn addatti mootummaa Itoophiyaas ta'ee Waraana Bilisummaa Oromoo irraa hin mirkaneeffanne.

    Mootummaan Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo marsaa lamaaf Tanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessaniis waliigalteerra osoo hin gahin hafuurraa kan ka'e waraanni humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti itti fufee jira.

    Oduu biroo kana waliin deeman:

  2. Gargaarsa hubannoon namtolcheen(AI)'n baqaqsanii yaaluun sammuu jalqabaa taasifame

    Nama wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameef

    Madda suuraa, UCH

    Dhukkubsataan addunyaa jalqabaa deeggarsa AI'dhaan wal'aansa baqaqsanii yaaluu sammuu taasifate.

    Riyaas Hibeert abbaa ijoollee lamaa lammii UK otoo wal'aansa kana hin taasifanne taheetii qaroosaa dhaba ture jedhe hakiimni Hospitaala Yunivarsiiti Kooleejii Landan.

    Meeshaan AI viidiyoo isaaf kenname xiinxaluun hakiimonni baqaqsanii yaaluu kanarratti hirmaatan akka isaan ujummoo dhiigaa dhokataa sammuu keessa jiru akka itti hin buune itti agarsiisaa gorsaa ture.

    Dhiitoo sammuu keessa ture hidda dhiigaa biraatti otoo hin bu'in akka baasan gargaareera.

    ''Gama dhukkubsataaf gargaarsa kennuun baayyee bu'aa qabeessa. Sababiin ammoo sammuu keessa mallattoon karaa sitti agarsiisu hin jiru,'' jedhe Hiibeert.

    Sammuun nama kanaa qoratamuun booda dhiitoo kaansarii hin qabne keessatti argameera.

    Akkuma ChatGPT meeshaan AI kuni viidiyoon sammuu nama dhukkubsataa itti kenname jennaan tokko, tokkoon adda baasee iddoo rakkoon jiru mallattoo kaa'uun hakiimota gargaare.

  3. Ameerikaan Baha Gidduugalaatti doonii waraanaa dabalataa bobbaasuufi

    Doonii galaanarra jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan waliin muddama keessa kan jirtu Ameerikaan, doonii guddaa miseensota waraanaa 5,000fi xayyaara baachuu danda'u USA Tiwoodor Roozveelt gara Baha Gidduugalaatti bobbaasuufi.

    Akka qondaaloti Ameerikaa beeksisanitti dooniin guddaa kuni torbee dhufu keessa gara naannichaatti kan deemu yoo tahu yoo xiqqaate ji'a torbaaf achi tura.

    Humni qilleensaa Ameerikaa dhiibbaa waraana Iraaniifi miseensota qarqara galaanaa Faarsi irratti bobba'anii turani irraan kan ka'e qeeqni irratti dhiyaachaa ture

    Baha Giduugalaatti yeroo isaaf kaa'ame guyyaa 250 ol kan turan miseensoti doonii waraanaa USA Abirahaam Liinkan qondaalota Ameerikaan qeeqamaa jiru.

    Yeroon turtii miseensota waraanaa kuni dheereffamuun fayyaa isaanii irratti rakkoo uumuu akkasumas rakkoon dhiyeessi mudateeni akka ture ibsameera. Sababa kanaan yaaliin lubbuu ofii baasuu fa'a akka ture gabaafameera.

  4. Tiraamp hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii du'eera jedhamuu akka hin amanne dubbate

    Mojtaabaa fi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Du'a abbaasaanii hordofeee hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii iddoon jiran waan hin beekamneef du'aniiru jedhamuun dubbii hafarfamu akka hin amanne Tiraamp dubbate.

    Haasaa bilbilaan taasisaniin Mojtaabaan ''du'eera jedhee hin yaadu,'' garuu miidhaan hamaan irra gahuu akka danda'u akeekeera.

    ''Qaamnisaa gara bitaa, harkisaa, millisaa miidhaan jabaa irra gaheera. Garuu du'eera jedhee hin yaadu,'' jedhaniiru.

    Bakka buutonni Iraan marii dhukaasa dhaabuu irratti hirmaachaa turan fudhatama kan hin qabne tahuu himuun Iraan keessa waanti fe'e mudachuu danda'a jedheera.

    Waraana Iraan waliin godhamuun mo'achuuf abdii qaba yoo taheef gaafatamee ''humni maallaqaa qabnu guddaa dha. Kuni gara injifannoo guddaatti nu qajeelcha,'' jedhe.

    Ministeerri maallaqaa Ameerikaa qoqqobbii Iraan irra jiru jabeessuuf duula haaraa eegaluu beeksiseera.

    Iraan irratti qoqqobbii diinagdee jabaa taasisuun mootummaa kuffisuuf tarkaanfii akka fudhatu himeera.

    Ameerikaan qoqqobbii diinagdee Iraan irra kaa'uutti deebiteetti, qoqqobbiin kuni michoota Iraan birallee gahuu danda'an.

  5. Biyyoonni lixaa adeemsa marii nagaa Kaaba Itoophiyaa akka tumsan ibsan

    Alaabaa TPLF adda babayii marsee jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.

    Biyootni kunneen naannoo Tigraayi kan gogiinsa hamaadhaan miidhametti lolli ka'uun uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaa' akka ta'u akeekkachiisan.

    Dipilomaatonni biyyoota kunneenii Itoophiyaatti argaman kana kan jedhan Roobii darbe ibsa waloo baasaniini.

    Biyyoota Awurooppaa ibsa kanarratti hirmaatan keessaa Faransaayi, Xaaliyaanii, Jarmanii, Beeljiyeemii fi Ispeen keessatti argamu.

    Biyyootni kunneen haala kaabaa Itoophiyaa 'yaaaddoo guddaadhaan' hordofaa akka jiran ibsan.

  6. Pirezidant Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Kongiresiif dhiheesse

    Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Arabiyaa waliin irra ga'anii turan Kongiresiif dhiheesseera.

    Waliigalteen kun Kongiresiitti dhihaachuunsaa dhimmi kun Seera Anniisaa Atoomawaa Ameerikaan akka gamaaggamni irratti eegalamu taasisa.

    Biyyoonni lameen wayita waliigaltee kana mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

    Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

    Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.

    Kanaafuu qaamni dhimma kana harkaa qabu- Dippaartimantiin Anniisaa US, waliigaltee kanatti sagaleen akka kennamuuf Kongiresiitti dhiheessa.

    Akkaataa seera Anniisaa Atoomawaa 1946 tumameen waliigalteen akkanaa erga Kongiresiitti dabarfamee booda ji'a sadi keessatti ragga'uu qaba.

    Kongiresiin waliigaltee kana kuffisuus raggaasisuus danda'a.

    Dhimmi waliigaltee nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa bara bulchiinsa Tiraamp kana kan eegale osoo hin taane, bara bulchiinsa Pirezidantota duraaniis tureera.

    Waa'ee waliigaltee kanaa guutummaatti hubachuuf:

  7. Balaa lolaa Neppaal irratti odeeffannoo hanga ammaa jiru

    Balaa lolaa

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaatti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamni dhabamaniiru.

    Lagi Himaaliyaa bakkee keessa dambali'uun balaa mudate kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu bal'inaan hojjetamaa jira.

    Balaan kun Neppaal fi Tibet keessatti sigiga lafaa uumeera. Laaqiin ykn dhoqqeen mudates uummata balaaf saaxileera.

    Balaa kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 165 du'uu Dhaabbati To'annoo fi Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Neppaal ibseera.

    Tuuristoota 800 dabalatee namoonni 1,500 ta'an dhabamuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Humni waraanaa Neppaal loltoota 2,000 hojii lubbuu baraaruuf bobbaaseera.

  8. Balaa lolaa Neppaaliin hanga ammaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan

    Balaa lolaa Neppaal

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaa keessatti mudateen hanga namoonni 1,500 ta'an dhabamuu fi kanneen keessaa 800 kan ta'an lammiilee alaa ta'uu aanga'oonni ibsaniiru.

    Balaan kun lolaa hamaa mudateen lagi Himaaliyaa guutee dambali'uun kan mudate yoo ta'u, maagalonni fi gaarreen laaqiidhaan liqimfamaniiru.

    Ogeeyyiin balfii fi caccabaan gamoowwanii fi manneenii naannawa laga kanaatti kuufamee jiru ammas balaa biraa uumuu danda'a jechuun akeekkachiisan.

    Ameerikaa, Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi Indiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

    Lubbuu baraartonni fi loltoonni Neppaal ujummoo fi bo'oowwan keessaa reenfa namootaa akkasumas namoota lubbuun oolan baasaa jiru.

  9. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Balaan lolaa Neppaal fi Chaayinaa mudate balaa guddaa qaqqabsiiseera.

    Lubbuun namoota hedduus darbeera. Hanga ammaa namoonni 1,500 ta'an dhabamaniiru.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota biroo addunyaa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Odeessaalee qixeessine tamsaasa kallattii armaan duraa irraa argachuuf kana fayyadamaa!