Carraaqqii haaraa Qataar mariin nagaa Ameerikaa fi Iraan akka deebi'uuf taasisaa jirtu

Ministira Muummee Qataar, Sheek Mahaammad bin Abdulrahmaan Al Thaani

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Qataar, Sheek Mahaammad bin Abdulrahmaan Al Thaani
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qataar biyyoota Ameerikaa fi Iraan wal dhabdee isaanii karaa marii fi nagaatin xumuraniif irraa deddebiin jaarsummaan gidduu seenaa jirtu ishee ijoodha.

Ammas carraaqqi kana adda hin kunne. Ministirri muummee Qataar, Sheek Mahaammad bin Abdulrahmaan Al Thaani, Kamisa kana gara Iraan Teheraan imalu.

Imalli isaanii kunis Ameerikaa fi Iraan gidduutti muddamni diinagdee fi siyaasaa dabalaa waan jiruuf marii dipilomaasii deebi'ee akka eegalamu tattaaffii haaraa taasifamu ta'uun ibsame.

Qataar, ollaa Iraanii kan taateefi michuu Ameerikaa yeroo dheeraati. Biyyattiin kana duras Ameerikaa fi Iraan gidduutti mariin al kallatti gaggeefamaa ture keessatti gahee qabaachaa turte.

Akkasumas, waliigaltee waraana dhaabuu baatii Waxabajjii keessa taasifame keessatti gahee kallattii qabaachaa turte.

Carraaqqii haaran Qaatar kun waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduu jalqabee ji'a jahaatti dhihaachaa yeroo jirutti. Haleellaan baay'inaan dhaabbatus, furmaanni dipilomaasii waaraa amma illee hin argamne.

Dhimma ulaa Hormuz

Waliigaltee haaraa irratti gufuun guddaan ulaa Hormuz ta'eera. Ulaan Galaanaa kun Iraan fi Omaan gidduu kan argamu yoo ta'u, karaa geejjiba boba'aa addunyaa keessaa isa murteessaa dha.

Waraana dura, guyyaatti boba'aa naannoo barmeela miliyoona 20 ol ta'utuu karaa Ulaa Hormuz darbu ture.

Haa ta'u malee, akka odeeffannoo hordoffii doonii haaraa mul'isutti, amma guyyaa Wixataa darbe baay'inni boba'aa karaa sanaa darbu gara barmeela miliyoona 5tti gadi bu'eera.

Iraan ulaa Hormuz irratti ijjannoon qabatte kan doonii achiin darban to'achuu fi qaraxa gaafachuu irratti cichuu isheetin Ameerikaa waliin waliigalteerra gahuu hin dandeenye. Ameerikaan kana mormiti.

Iraan fi Omaan torbanoota darban keessa waa'ee bulchiinsa fi galii ulaa Hormuz irratti marii gaggeessaa turan. Haa ta'u malee, maddi mootummaa Iraanii tokko akka Reuters'tti himetti, waliigalteen sun ammallee hin xumuramne. Mariin bal'inaan itti fufee jira.

Hormuz

Madda suuraa, Reuters

Tarkaanfii Ameerikaa haaraa

Yeroo waraanni kallattiin taasifamu baay'inaan dhaabbatee jirutti, Ameerikaan dhiibbaa diinagdee Iraan irratti cimsuuf tarkaanfii haaraa labsaa jirti.

Washington michoota daldalaa Iraanii irratti qoqqobbi dabalataa kaa'uun Tehran irraa galii fi carraa daldalaa hir'isuuf yaalaa jirti.

Iraan garuu misaa'elaa fi diroonii gahaa qabdi. Humnoonni kun biyyoota Galoo Galaanaa keessatti buufata waraanaa Ameerikaan qabdu ykn dooniiwwan boba'aa ulaa Hormuz keessa socho'an irratti haleellaa raawwachuu danda'u.

Akka Dhaabbata Geejjibaa Galaanaa Idil-addunyaa (IMO) jedhutti, baatii Guraandhala 28, 2026 irraa eegalee ulaa Hormuz keessatti haleellaawwan 70 ol galmaa'aniiru. Kanaanis namoonni doonii oofan 19 du'aniiru.

Tiraamp

Madda suuraa, AP

Qataar maal gochuu barbaaddi?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan akka jedhetti, Ministirri Muummee Qataar daawwannaa isaa milaanaa keessatti tattaaffii araaraa Qataar itti fufsiisuu, haala naannichaa fi karaa ittiin muddamni hir'atu irratti mari'atu.

Ministeerri Dhimma Alaa Qataar immoo dhimma ulaa bishaanii Hormuz keessa bilisaan socho'uu, haala waraana dura turetti deebi'uu fi "dhiphina hir'isuun haala mariif mijataa uumuu" irratti xiyyeeffatama jedhe.

Qataar kanaan Ameerikaa fi Iraan gidduutti mariin haaraan akka jalqabu, akkasumas ulaan Hormuz irratti rakkoon jiru karaa dipilomaasii akka furamu gochuuf tattaaffachaa jirti.

Waliigalteen Waxabajjii maaliif diigame?

Ameerikaa fi Iraan Waxabajjii keessa waliigaltee yeroo muraasaaf lolaa dhaabuuf taasifame irratti walii galanii turan. Haa ta'u malee, waliigalteen sun booda diigame.

Iraan, waliigaltee sana deebisee hojiirra oolchuuf marsaa doonii fi buufataalee galaanaa Iraanii irratti uggura Ameerikaa dhaabuu, beenyaa kaffaluu fi qoqqobbiiwwan kaasuu dabalatee haal-duree kaa'atteetti.

Hanga haal-dureewwan kunneen irratti waliigalteen hin uumamnetti, Iraan ulaa Hormuz guutummaatti banaa taasisuuf fedhii agarsiifte hin jirtu.

Walumaagalatti, daawwannaan MM Qataar gara Teheran Ameerikaa fi Iraan gidduutti marii dipilomaasii deebisee jalqabuuf carraa haaraa uumuufi. Garuu dhimmi to'annoo iulaa Hormuz, qoqqobbiiwwan Ameerikaa fi haal-dureewwan Iraan dhimma ijoo furmaata barbaadanidha.