Waraanni Iraan dadhabsiisa jedhame eegalame maal jijjiire?

Madda suuraa, re
Rakkoon Waraana Iraan itti fufee jiruu fi bababal'achuu deemuu isaan walqabatee, xiinxaltoonni hedduun gaaffii Baha Giddu Galeessaa keessatti maaltu jijjiirame? jedhu kaasaa jiru.
Akkasumas qaamoleen wal waraanaa jiran karaa ittiin waraana kana xumuran qabuu? kan jedhu gaaffii guddaadha.
Miidiyaaleen akka 'the Atlantic ''madaalliin humnaa jijjiiramaa jiru gara Iraan fayyadutti geeddaramuu kaasaa jiru.
''The New York Times' immoo dhiibbaa waraanni kun industirii ittisaa Ameerikaa fi michoota ishee irratti qabu eera.
'The Wall Street Journal' ammoo ijjaannoo haaraa hoggantoonni olaanoon Iraanii waraana xumuruuf qabaachuu danda'an irratti xiyyeeffateera.
Gama biraatiin, The American Conservative' gahee Paakistaanii irratti kan xiyyeeffatee yoo ta'u Islamabad rakkoo kanaaf furuuf jaarsummaan deebi'ee gidduu seenuu akka danda'u ibseera.
Robert Kagan, qorataa olaanaa Instituushinii Birooks fi xiinxalaa beekamaa siyaasaa Ameerikaa, barruu The Atlantic keessatti, bu'aan waraana Iraanii wanta Waashingitan fi Israa'el eegaa turan faallaa ta'uu isaa falma.
Akka Kagan jedhutti, Iraan waggoota lamaan darban keessatti qoqqobbiiwwaan cimaa, haleellaa bu'uuraalee niwukilaraashee, ajjeechaa hoggantoota olaanoo fi torbanoota hedduuf boombiin haleelamuun ishee mudateera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haa ta'u malee, mootummaa ishee kufaatii irraa ooluu qofa osoo hin taane, madaallii aangoo naannoo keessattis jijjiirama fiduu dandeesseetti jedhu.
Qabxiin jijjiiramni kun kan dhufe Iraan bu'uuraalee boba'aa fi gaazii barbaachisoo biyyoota Galoo Galaana Pershiyaa irratti xiyyeeffachuun haleellaadhaaf deebii kennuu akka dandeessu yeroo agarsiifte ttiyoo ta'u, kunis baasii waraanashee itti fufsiisuu fi dinagdee addunyaa akka raastu ishee taasise.
Barreessaan barruu the Atlaantiik erga Iraan dinagdee addunyaa raasu eegaltee Waashingitan Tehran caalaa waraana kana hammeessuu akka sodaattu ifa ta'eera jedhe.
Daangeffamni kuusaa misaa'elaa fi sirna qolachuu Ameerikaa, fi yaaddoon miidhaa dabalataa dhaabbilee anniisaa naannichaa irra ga'us harka bulchiinsa Traamp micciirera.
Garuu qabxiin Kagan irratti xiyyeeffatu inni guddaan ulaa Hurmuz dha. To'annoon Iraan daandii bishaanii kana meeshaa niwukilaraa caalaa Teehiraaniif gatii guddaa qabaachuu akka danda'u fishee taasisaa jedha.
Sababiin isaas Iraan mala ofirraa ittisuu qofa osoo hin taane biyyoota biroo irratti dhiibbaa uumuu, galii maddisiisuu fi sirna qoqqobbii Ameerikaa xiqqeessuuf humna qabaachuu ishee mul'ifteetti.
Dhiibbaan waraanaa kanaa Galoo Galaana Pershiyaa qofatti kan daangeffamu miti.
Biyyoonni Arabaa naannoo sanaa wabii nageenyaa isaaniif Ameerikaa irratti qofa hirkachuu hir'isuun, Teheraana waliin waliigaltee fi hariiroo haaraa barbaaduu danda'u.
Michoonni Ameerikaa Awurooppaa fi Eeshiyaa keessaas, Ameerikaan waraana guddaa biraa geggeessuu irratti dandeettii fi fedhii akkamii akka qabdu irratti shakkii qabaachuu malu.
Keegan kana booda yaaddoon addunyaa Iraan meeshaa niwukilaraa yoo qabaatte maal akka gootu qofa ta'uu akka hin qabne barreessuudhaan xumura.
Akkasumas Iraan Ameerikaa dura dhaabbachuu dandeessi, baasii waldhabdee hammeessuudhaaf bahu ol kaasuu fi Waashingitan akka duubatti deebitu dirqisiisuu akka dandeessu hubaxhuun barbaachisaa dha jedha.
Qoqqobbii dinagdee-karoorri haaran hojjataa?

Madda suuraa, Reuters
Gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri Ameerikaa kan turan Gordon Sondland dhiibbaan dinagdee marsaa haaraa Iraan irra kaa'amaa jiru irratti ilaalcha adda ta'e qabu.
Barbaachisummaan bulchiinsi Tiraamp "duula dinagdee" maqaa namootaa fi dhaabbilee Iraan tarree qoqqobbii keessatti dabaluu qofa miti. Kaayyoon guddaan biyyoota, baankota, warshaalee boba'aa calalan dhaabbilee doonii geejjibaa galaanaa fi gidduu-galeessota daldala Iraan waliin itti fufsiisan irratti dhiibbaa gochuu irratti xiyyeefata.
Sondland akka jedhuutti, biyyoonni michuu Ameerikaa, keessumaa Awurooppaan, waggoota dheeraaf hariiroo diinagdee Ameerikaa irraa fayyadamuun, yeroo wal fakkaatutti daldala isaanii Iraan waliin itti fufsiisuu danda'aniiru.
Garuu imaammanni haaraan kun carraa sana dhabamsiisuu kan barbaadu yoo ta'u, mootummootaa fi dhaabbileen filannoo cimaa Iraan waliin daldaluu moo gabaa Ameerikaa argachuu? kan jedhu keessa akka galan dhiibbaa taasisa.
Kanaafidha Sondland imaammata haaraa Tiraamp kana akka qoqqobbii marsaa biraatti qofa osoo hin taane, michoonni Ameerikaa qoqqobbii dinagdee Tehran keessatti kallattiin akka hirmaatan dirqisiisuuf yaalii taasifamuudha.
Indaastirii ittisaa
The New York Times ammoo bu'aa waraana kanaa keessaa tokko kan yeroo baay'ee hin mul'anne irratti xiyyeeffateera.
Ameerikaanii fi biyyoonni Galoo galaan Pershiyaa meeshaalee ittisaa gatii xiqqaa qaban, kanneen dirooniiwwan Iraanii ittisu danda'an, baay'inaan oomishuuf tattaaffii isaanii saffisiisaa jiru.
Fakkeenyaaf, dhaabbanni haaraan Ameerikaa Powerus, kan Filorida keessa hundaa'e, Emireetota Arabaa Gamtoomanii keessatti warshaa xiqqaa hojii jalqabsiisuu isaa gaazexaan kun gabaaseera. Warshaa kana keessatti hojjettoonni kutaa meeshaalee maxxansa 3D fayyadamuun walitti qabuun meeshaa ittisaa diroonii "Gachana" jedhamu oomishan.
Meeshaan kun tilmaamaan doolaara Ameerikaa 5,000 kan baasu yoo ta'u, dizaayinii Yukireen kkan dirooniiwwan Shaahidii Raashiyaa fayyadaman irratti bu'aa qabeessa ta'an irratti xiyyeefate.
Garuu meeshaalee ittisaa gatii guddaa qaban, kanneen akka Patriot/PAC-3, irraa adda ta'ee misaa'ela baalistikaa ittisuu hin danda'u.
Jalqaba biyyootni michuu Ameerikaa diroonii tokko kan gatii isaa kuma muraasaa ta'e rukutuuf meeshaa ittisaa gatiin miliyoonaan lakkaa'amu fayyadamu turan. Sirni akkasii yeroo dheeraaf itti fufuu akka hin dandeenye ogeeyyiin akeekkachiisaniiru.
Warshaaleen Powerus yeroo ammaa ji'atti meeshaalee ittisaa gara 3,000 oomishaa jiru, dhaabbatichi ammoo hanga walakkaa bara 2027tti oomisha isaa ji'atti 15,000 ga'uuf, warshaalee biyyoota adda addaa keessatti, Hindii dabalatee, hundeessuuf karoorfachaa jira.
Fedhii waraana xumuruu Iraan qabdu ?
Yeroo Ameerikaanii fi michoonni ishee waraana dheeraa ta'uu danda'uuf qophii godhanitti, The Wall Street Journal ammoo mallattoo Iraan keessatti hoggantoonni olaanoon tokko tokko baasii waraana itti fufsiisuu irratti yaaddoo qabaachuu agarsiisan irratti gabaasa baaseera.
Akka gaazexaan kun jedhutti, Pirezidaantiin Iraan Masoud Pezeshkian fi Af-yaa'ii Paarlaamaa Mohammad Bagher Ghalibaf, waraanni dafee xumuramuu fi xiyyeeffannoon mootummaa gara rakkoo diinagdee biyyaatti deebi'uu akka qabu ifatti dubbachaa jiru.
Pezeshkian akka jedhanitti, "waraanni yeroo xumuramuu qaba", Iraanis humna qabdu fayyadamtee waraana xumuruuf tarkaanfii fudhachuu wayya.''
Ghalibaf immoo humni waraanaa qofti, yoo diinagdeen fedhii uummataa guutuu hin dandeenye, nageenya dhugaa fiduu akka hin dandeenye akeekkachiiseera. Akka isaatti, namoonni waraana keessa darban gatii nagaa sirriitti beeku.
Gabaasa Wall Street Journal irratti, ji'oota jahaaf waraana, qoqqobbii fi daangeffama diinagdee keessa turuun diinagdee Iraan duraanuu rakkoo keessa ture irratti dhiibbaa dabalataa geessiseera.
Gatiin maallaqaa biyyattii gadi bu'eera; baasii jireenya guyyaa guyyaa kaffaluunis uummata hedduuf ulfaataa dhufeera.
The American Conservative ammoo xiyyeeffannoo isaa gara Paakistaanitti taasifate
Akka gabaasa kanaatti, Ajajaan Waraana Paakistaan Aasiim Muniir Tehranitti imaluun, hoggantoota Iraan waliin mari'achuuf karoorfachaa jira. Imalli kun, Paakistaan Ameerikaa fi Iraan gidduutti araara buusuuf gahee ba'uuf yaalaa jiraachuu agarsiisuu danda'a.
Maddi mootummaa Paakistaan tokko akka jedhetti, Muniir waa'ee doorsisa haaraa Donald Tiraamp kan dhiibbaa diinagdee Iraan irratti dabaluuf godhe, akkasumas waliigaltee duraan jaarsummaa Paakistaanin Tehran fi Waashingitan gidduutti uumame deebisanii jalqabuu fi dhimma Huutiiirratti mari'achuu danda'a.


















