Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanaan du'a namicha'dheeeraafi arjaaf' gaddaa jirti
Namichi dheeraa Gaanaa Suleemaan Abduul Samed kaaba biyyattii iddoo dheerinasaaf beekamaa tahetti lubbuun dabarraan uummati gadda guddaatti jira.
Namni ganna 33 hospitaala magaalaa kaaba biyyattiitti argamtu Taamaalee Wiixata darbe du'e. Abduul madaan miilasaarraa infeekshinii godhannaan hospitaala gale.
''Akkatti inni arjaa fi gaarii ture namni hundi ni beeka. Gaafa du'ee hamma har'aa namoonni maaltu akka tahe hubachuuf mana dhufaa jiru,'' jedhe firrisaa Suleemaan Abduul Kuuduus.
Umriisaa ganna 22tti rakkoo dheerina gara malee (gigantism ) akka qabu barame. Bara 2022 yeroo dheerinnisaa safaramu meetira 2 fi seentimeetira 23 ture.
Du'asaan duras hojjaansaa akka dabalaa ture himama.
Maqaa masoo afaan Haawusaa Awuche(Haa deemnu) jedhuun baay'inaan kan beekamu yoo tahu dhibee Maarfaan Siindiram - haala irreefi miilli akka-malee akka guddatu godhuun yeroo dheeraaf rakkachaa ture.
Wal'aansa fayyaa isaafillee waan kaffalu dhabee rakkata turus boodarraa obboleessi Pireezidantii Gaanaa isa gargaaraa ture.
Ganda inni jiraatu Gaambaagaa deemuunis isa argateera.
Abbaan qabeenyaa Ibraahiim Maahimmaa baasii wal'aansaa akka kaffalu himuun dhimma yaalii isaaf kennamurrattillee haala jiru ibsaa ture.
Akka Kuuduus jedhutti madaan miila Acheerra ture kallattiin kan Maarfaan Siindiramiirraa dhufe tahuu baatus garuu isaan kan hammaate fakkaata.
Hakiimonni qoricha kennamuuf haala gaariin deebii kennaa jira jedhanillee Wiixata ganama hospitaalichatti du'e.
''Namni hundi gaddarra jira,'' jiraattonni Gaambaagaa du'asaa akka tasaan rifataniiru jedhe Kuuduus.
Awucheen nama gandisaa beekamtuu akka taatu godhe dha.
''Lafa deemu hundatti yeroo eessaa akka dhufe isa gaafatan Gaambaagaarraa akka tahe dubbata. Namoonnis namichi inni dheeraa eessaa akka tahe baru. Hawaasa kanaaf eenyummaa kenneef, innis baayyee beekame ture,'' jedhe Kuuduus.
Awucheen yeroo dhalatee qabee hojjaansaa dheeraa hin turre- yeroo inni waggaa 22 guute dha hiriyyootasaa ol saffisaan kan guddachuu jalqabe.
Magaalaa guddoo Gaanaa Akiraatti mana foonii keessaa yeroo hojjetaa ture guddataa akka jiru hubachuu BBCtti himee ture.
''Arrabnikoo hamman ani hafuura baafachuu rakkadhutti afaan koo keessatti bal'achaa ture,'' jedhe.
Guyyoota muraasaan booda kutaan qaamasaa marti dabalaa akka deeme hima. Dhumarratti Awucheen Maarfaan Siindiram akka qabuufi tishuu qaamasaa mara irratti dhiibbaa akka godhu barame.
Waggaa sagal dura hojjaansaa abjuu inni shufeera tahuuf qabu karaatti jalaa hambisanaan bakka dhalootasaa Gaambaagaatti deebi'e.
Rakkoon kuni jireenya hawaasummaasaas akka miidhe dubbata Awucheen ''akkuma dargaggoota kaanii kubbaa nan taphadha ture, akka atileetiin ture, amma garuu dheerina gabaabaayyuu deemuu hin danda'u.
Yeroo BBC'n af-gaaffii taasiseef Awucheen jireenyaaf ilaalcha gaariifi beekamtiisaa kabajataa jiraachaa jira.
Ganda jireenyasaa Gaambaagaa keessatti namoonni gaddaaf deeman akkaan waan baay'ataniif Awucheen magaalaa Taamaalee keessatti awwaalchisaa raawwata.