Afrikaan Kibbaa erga godaantota biyyaa ariitee booda hanqinni hojjettootaa mudate
Afrikaan Kibbaatti sababa mormii farra-godaantotaa keessumaa lammiilee Afrikaa irratti taasifteen lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen kuma 160 ol ta'an biyyattii keessaa baqachuu hordofee hanqina humna hojjataa cimaan mudachuun gabaafame.
Namoonni baay'een biyyattii kan gadhiisan haleellaa mormitootan irratti raawwatamaa ture, mormii godaantota irratti xiyyeeffatee fi tarkaanfii cimaa humnoonni nageenyaa namoota hayyama jireenyaa hin qabne irratti fudhatan irraa kan ka'edha.
Hanqinni humna hojii kun amma dameewwan qonnaa, ijaarsaa, hojii mana keessaa fi indaastirii oomishaa irratti dhiibbaa geessisaa jira. Dhaabbileen adda addaa hojjettoota biyyattii gadhiisan bakka bu'an argachuun rakkisaa ta'uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni fi abbootiin warshaalee akka jedhanitti, hojjettoonni alaa ogummaa qaban baay'inaan biyyattii keessaa ba'uun oomisha isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.
Gama biraatiin, waldaaleen hojjettootaa dhaabbileen hojii tokko tokko lammiilee Afrikaa Kibbaa caalaa hojjettoota alaa filachuu isaanii qeeqaniiru.
Akka isaan jedhanitti, sababni isaan hojjettoonni biyyoota alaa mindaa gadi aanaadhaan hojjechuuf fedhii waan qabaniifi jedhu.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa dameewwan dinagdee hojjettoota alaa irratti hirkatan humna hojii biyya keessaa waliin akka walsimuuf furmaata barbaadaa akka jiru himeera.