Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Saawudiin US waliin milishaa Iraaniin deeggaramu haleeluu jalqabde

Saawudii Arabiyaan US waliin tahuun milishaa Iraaniin deeggaramuun Iraaq keessatti socho'u haleelutti galte. Kunis, lola Baha Gidduugalaa hammeessa jedhameera.

Guduunfaa

Iraanifi US guyyoota muraasaaf wal-haleeluu erga dhaabanii walitti dhukaasuu eegalan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Afrikaan Kibbaa erga godaantota biyyaa ariitee booda hanqinni hojjettootaa mudate

    Afrikaan Kibbaatti sababa mormii farra-godaantotaa keessumaa lammiilee Afrikaa irratti taasifteen lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen kuma 160 ol ta'an biyyattii keessaa baqachuu hordofee hanqina humna hojjataa cimaan mudachuun gabaafame.

    Namoonni baay'een biyyattii kan gadhiisan haleellaa mormitootan irratti raawwatamaa ture, mormii godaantota irratti xiyyeeffatee fi tarkaanfii cimaa humnoonni nageenyaa namoota hayyama jireenyaa hin qabne irratti fudhatan irraa kan ka'edha.

    Hanqinni humna hojii kun amma dameewwan qonnaa, ijaarsaa, hojii mana keessaa fi indaastirii oomishaa irratti dhiibbaa geessisaa jira. Dhaabbileen adda addaa hojjettoota biyyattii gadhiisan bakka bu'an argachuun rakkisaa ta'uu ibsaniiru.

    Qonnaan bultoonni fi abbootiin warshaalee akka jedhanitti, hojjettoonni alaa ogummaa qaban baay'inaan biyyattii keessaa ba'uun oomisha isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.

    Gama biraatiin, waldaaleen hojjettootaa dhaabbileen hojii tokko tokko lammiilee Afrikaa Kibbaa caalaa hojjettoota alaa filachuu isaanii qeeqaniiru.

    Akka isaan jedhanitti, sababni isaan hojjettoonni biyyoota alaa mindaa gadi aanaadhaan hojjechuuf fedhii waan qabaniifi jedhu.

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa dameewwan dinagdee hojjettoota alaa irratti hirkatan humna hojii biyya keessaa waliin akka walsimuuf furmaata barbaadaa akka jiru himeera.

  2. US loltoota isheerraa bilbila harkaa guuruufi

    Ajajaa gameessi US kan Baha Jiddugaleessaa viidiyoowwan loltoonni US bilbilaan karaa oonlaayinii walii qoodan buufataaleen Ameerikaa akka haleellaa Iraaniif saaxilaman waan gargaaruuf gariin loltoota US bilbilli harkaa akka guuramu dubbachuu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Tarkaanfiin moobaayila harkaa loltootarraa funaanuu kun waraaanichatti bifa biraa horuu danda'a, loltoonni US kumaatamaan lakkaawaman maatii isaanii qunnamuuf bilbila harkaasaanii dhimma bahu.

    Admiiral Biraad Kuuppar, xalayaa baasaniin Iraan milkii fi kufaatii haleellaa US ilaalchisee oduu fi odeessa waytaawaa karaa oonlaayiniin waan gaazexeessitootni maxxansan "yaadota, suurotaa fi viidiyoowwan bilbiloota loltoota keenyaa irraa argattuun ni fayyadamti" jedhan.

    "Balaan kallattii, hafuu hin dandeenye gama kanaan dhufu gatii lubbuu loltoota fi lammiilee US biyyoota Galoogalaanaa jiraataniitti kan shallagamu dha," jedhan Ajajaan Ajaja Giddugaleessaa US Kuuppar xalayaa Adoolessa 28 baasaniin.

    Loltoonni "xiyyeeffannoo dachaa nageenya oppireeshinii isaaniif akka kennan" waamicha godhan qondaalli waraanaa kun ergaa yaadannoo keessoo dabarsan kanaan.

    Akeekkachiisni kun muddama dabalaa jiru mul'isa; kunis gabaasa waytaawaa waraanichaa kan yeroo suuraa saatalaayitii fi odeeffannoo ijaan arganiin deeggaramuu fi fedhii waraanni US odeeffannoo kamiyyuu loltoota US Iraan gargaaruu danda'a jettu daangessuu danda'a.

    Jordaan keessatti loltoonni US qiyyaafannoo Iraaniif saaxilaman gariin guyyoota dhufan bilbilli akka harkaa fuudhamu itti himameera.

  3. 'Galiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa 20%'n guddate' - Gabaasa

    • Qabeenya mootummaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa galiin isaan bara faranjootaa 2025/26 kan bara darbee yeroo wal fakkaataa irraa parsantii 20'n dabaluun dolaara biliyoona 9.1 argachuu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaase.
    • Daandii Qilleensaa guddicha Afrikaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara bajataa kanatti (hanga Adoolessaatti) baay'inni imaltoota isaa parsantii 10'niin guddachuun miliyoona 20.7 gahuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
    • Hangi fe'iinsa Kaargoo isaa immoo 16%'n guddachuun meetrik toonii 897,000 gaheera.
    • Xiyyaarota 150 caalan kan qabu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Ebla keessa ibsa baaseen xiyyaarota Booyingii 787-9 ​Diriimlaayinarii jaha bituuf akka jiru beeksisee ture.
    • Daandii qilleensaa kun balallii biyya keessaa babal'isuuf xiyyaarota dabalataa xixiqqoo 25 ajajuuf ji'oota sadi keessatti murtoorra akka gahu immoo Waxabajjii keessa beeksisee ture.
    • Daandiin qilleensaa kun waggaa tokkotti xiyyaarota sagal dabalachuu miidiyaan mootummaa gabaase.
    • Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleetiif hojiin babal'isuu raawwatameera.
    • Hangi daandiin qilleensaa kun buufate lakkoofsaan hin ibsamne, garuu Waraana Baha Jiddugaleessaatti dhalate hordofee balalliiwwan haqamuun dhiibbaa galiisaarratti uumuu beeksise. Akkanumas weerarri Iboolaa DRC keessatti mul'ate hojiisaarratti dhiibbaa uumeera.
  4. ChatGPT fincilaan ofiisaatin dhaabbata tokkoo ol 'haak' gochuu yaaleera- OpenAI

    Dhaabbanni hubannoo nam-tolchee OpenAI akka jedhetti ChatGPT'n fincilaa dhaabbata tokkoo ol irratti haleellaa saayibarii raawwachuu hime.

    Guyyoota muraasaan dura dhaabbata Hugging Face jedhamu qofti haleellaa kanaaf akka saaxilame beekama ture.

    Amma OpenAI sagantaan kompitaraa akka namaatti haasaa danda'u ChatGPT'n ''tajaajiloota uummataaf ifa jiran baayyee,'' haleellaa saayibarii irraan gaheera jedhe.

    Hubannoon nam-tolchee to'annoo ol tahe kuni tajaajiloota onlaayinii afur haak godhee seenuu danda'eera.

    Tajaajilli haak godhame Hugging Face hubannoon nam tolchee seenaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf ofiisaatiin haleellaa saayibarii raawwateera jedhe.

    Dhaabbatichi, AI kuni dandeettii namaan ol hojjechaa akka tureefi dogoggoraafi murtoo namni haak godhu kanaan dura godhee hin beekne fa'a gochaa ture jedhe.

    Hugging Face appii tajaajilooti AI keessatti kuufamanidha. AI'n fincilaan kuni yeroo haakii raawwatu mala kumaatamaan lakkaa'amu fayyadamaa ture jedhe.

    Dhaabbanni kuni namni AI humna addaa qabu fayyadamuun haak godhamaa akka turetti yaaduun poolisiif gabaasee ture.

    Torbee tokko booda OpenAI hubannoo namtolchee isaa ajaja namaan alatti miliqee tajaajila Hugging Face jedhamu irratti haleellaa saayibarii ofiin raawwate jedhe.

  5. Miseensoti nageenyaa Keeniyaa shan daangaa Somaaliyaatti Al-shabaabiin ajjefaman

    Daangaa Somaaliyaa naannoo Mandheeraa jedhamutti lola hidhattoota al-shabaab waliin taasifameen humnooti nageenyaa Keeniyaa ajjeefamuu poolisiin ibseera.

    Gareen hidhataa kuni mootummaa federaalaa Somaaliyaa kuffisuufi sirna Shari'aatiin hogganamu hundeessuuf falmaa tureera.

    Kibxata kaleessaa waaree booda ''gareen naannichatti sakatta'insa irra ture naannoo hidha Waanteey jedhamutti al-shabaab waliin walarguun booda haleellaan kuni raawwachuu poolisiin beeksiseera.''

    Humni poolisii dabalata argachuun booda hidhattoota hordofuu jalqabuufi fanjiin awwaalame konkolaataarraa miidhaa qaqqabsiisuu beeksiseera.

    Fanjiin dhuka'uun booda miidhaan qaqqabe akka hin jirres ibseera.

    Al-shabaab humnoota nageenyaafi namoota nagaa irratti irra deddeebiin haleellaa kan qaqqabsiisu yoo tahu ji'a jahaan dura naannoo Gaarrisaatti bulchaa naannichaafi barsiisaa tokko ajjeeseera.

  6. Saawudi Arabiyaan US waliin milishaa Iraaniin deeggaramu haleeluu jalqabde

    Saawudii Arabiyaan US waliin tahuun milishaa Iraaniin deeggaramuun Iraaq keessatti socho'u haleelutti galte.

    Kunis, lola Baha Gidduugalaa hammeessa jedhameera.

    Ajaji Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa (Centcom) ''garee shororkeessaa Iraan deeggartu'' kan bu'uuraalee misoomaa aannisaa US fi Saawudii irratti qiyyaafatu haleeluu beeksiseera.

    Ibsi dhaabbatichi baase maqaa garee milishaa kanaa adda hin baasne. Tahus, gareen Popular Mobilisation Forces miseensonni isaa 10 ajjeefamuu himeera.

    Iraan humnoota Ameerikaa Baha Gidduugalaa keessa jiran irratti haleellaa misaayela baalaastikii raawwachuun booda haleellaan US fi Saawudii kuni dhagahame.

    Haleellaan kuni biyyooti lameen dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa booda dhagahame.

    Haleellaan gaafa Kibxataa buufata waraanaa Ameerikaa Joordaanitti raawwate ''milkaa'inaan qollifamuu'' Ameerikaan himte.

    Mootummaan Rippaabliika Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz irratti taankaroota boba'aa sadii haleeluu Ejansiin Oduu Taasniim gabaaseera.

    Ajaji Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa jeettiiwwan loltuu Saawudii waliin ''Iraaq keessatti bu'uuraalee shororkeessaafi iddoowwan meeshaaleen waraanaa kuufaman baha Iraaqitti sa'atii 72 keessatti haleelamaniiru.''

  7. Balaa kirkira lafaa Jappaan mudateen hanga ammaatti namoonni 13 du'uun mirkanaa'e

    Ministirri Muummee Jappaan Sanayi Takaayichii balaa kirkira lafaa kibba lixa biyyattiitti mudateen hanga ammaatti namoonni 13 du'uu himan.

    Lubbu-baraartonni hedduun bakka balaan mudatetti bobbaafamuun hojii saffisaan hojjetaa jiraachuus ibsan.

    Giddugala gabaa guddicha Kimamoto jedhamu keessatti namoonni hedduun gamoo jijjige jalatti ugguramanii kan jiran yoo ta'u, lubbu baraartonni namoota kunneen baraaruuf yeroo wajjin fiigaa jiru.

    Duraan qondaalli Jappaan tokko iddoowwan balaan mudatetti namoota du'anii fi miidhaman lakkoofsa sirrii himuun rakkisaa ta'uu BBCtti himanii turan.

    Namoonni hedduun achi buuteensaanii dhabamuus himan.

    Balaan kirkira lafaa odoola Kiyuusuu jedhamu keessatti mudate kun magniitiyuudii 6.8 ta'uu jaarmiyaan US Geological Survey jedhamu ibseera.

    Balaan akkanaa waggaa 75 keessatti yeroo jalqabaaf arguu jiraattonni himan.

  8. USfi Iraan wal-haleelutti deebi'an

    Iraan "misaa'ela baalistikii" heddu buufataalee US Baha Giddugalaa jiranitti dhukaasuu Ajaji Giddu Galaa Ameerikaa ibse.

    Iraan haleellaa tasaa raawwachuuf misaa'ela heddu dhukaasuu kan ibse waraani Ameerikaa, misaa'elota Iraan hunda qolachuu beeksise.

    Gama biraan ammoo waraanni US fi kan Saawudii Arabiyaa hidhattoota Iraaq keessa socha'aniifi Iraaniin deeggaramuun haleellaa diroonii buufataalee anniisaa Saawudii irratti gaggeessan haleeluu Ajaji Giddugalaa Ameerikaa ibse.

    "USfi Saawudiin bakkeewwan qiyyaafannoofi meeshaalee waraanaa shororkeessitootaa" baha Iraaq keessatti argaman haleeluu ibse ajaji US kun.

    Iraanifi US deebisanii walitti dhukaasuunsaanii sagalee dhukaasaa guyyootaaf dhaabateefi abdii marii bifa haaraan deebi'ee eegalee dhaamsuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.

    Iraanifi hidhattoonni isheen deeggartu Iraaq keessa socho'an haleellaa gaggeessan hin dhaaban taanaan, tarkaanfiin waraanaa US fudhattu "laalessaa ta'a" jechuun Ajaji Giddugalaa Ameerikaa akeekkachiise.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasa kalattii keenya har'aa eeggallee jirra.

    Iraanifi US guyyoota muraasa booda wal-haleelutti deebi'aniiru.

    Gama biroon ammoo Saawudiifi US wal-ta'uun hidhattoota Iraaniin deeggaraman Iraaq keessa socho'an haleelan.

    Odeessawwan biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya!

    Dhiyaadhaa!