Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Erga waraanni Iraan eegalee miseensonni loltoota US 600 caalan miidhamaniiru

Ragaan dhiheenya Pentaagon Adoolessa 25 baase erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Guraandhala darbe Iraan irratti waraana labsee yoo xiqqaate loltoonni Ameerikaa 624 miidhamuu mul'ise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Galaana Diimaarratti haleellaan Huutii hammaannaan sochiin dooniiwwan daldalaa hir'achuu eegale

    Hidhattoonni Huutii Yaman dooniiwwan boba'aa Sa'uudii Arabiyaarratti haleellaa raawwachuu booda Ulaa Baab el-Mandab irratti sochiin dooniiwwan boba'aa hir'ataa jiraachuu Rooyitarsi gabaase.

    Rooyitarsi madda Kpler jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti dooniiwwan boba'aa Dilbata karaa Baab el-Mandab darban 11 hin caalan.

    Ji'oota afran darban waliin birqabaan yoo ilaalamu baayyee xiqqaadha.

    Dooniiwwan kara ulaa kanaa darban jedhaman 11 keessaa torba boba'aa kan fe'an yoo ta'u, kanneen keessaa sadi Galaana Diimaa seenuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Alergiin Sa'uudii Arabiyaa akka gufatu kan barbaadan gareen Huutii, torban darbe keessa uggura galaanarraa labsanii turan.

    Itti fufuunis dooniiwwan Sa'uudii uggura kana darbaniiru jedhan lama rukutaniiru.

    Haleellaan Huutii kun sochii Galaana Diimaa akkaan gufachiisuu eegaleera.

    Sababa waraana US fi Iraan wayita Ulaan Hormuuz cufamu, karaa Baha Giddugaleessaa itti seenanii fi bahan Galaana Diimaa qofa ture.

    Amma ulaan kunis cufamnaan Baha Giddugaleessaan ulaan hundi cufamuusaati.

  2. Erga waraanni Iraan Guraandhala eegalee loltoonni US 600 caalan miidhamaniiru

    Ragaan dhiheenya Pentaagon Adoolessa 25 baase erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Guraandhala darbe Iraan irratti waraana labsee yoo xiqqaate loltoonni Ameerikaa 624 miidhamuu mul'ise.

    Ameerikaa fi Iraan erga waraanatti seenanii booda Ebla dhukaasa dhaabuurratti waliigalan, Waxabajjii ammoo waraana dhaabuuf waliigaltee walhubannoo mallatteessan.

    Garuu walhaleeluu dhiisanii hin beekan.

    Pirezidant Tiraamp Adoolessa 21 miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti akka barreessetti waraana Iraan irratti loltoonni US 18 ta'an ajjeefamaniiru.

    Biyyoonni lameen haleellaa halkan 13f walitti aansuun walirratti raawwataa turanirraa amma boqonnaa fudhataniiru.

    Pirezidant Tiraamp dabalatee qondaalli US olaanoon marii nagaaf carraa uumuuf Ameerikaan haleellaa dhaabde jedhu.

    Akkasumas Iraan marii nagaatti deebi'uuf kadhachuu dubbatan.

    Iraan gamasheen Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtuu fi US waliin mariitti deebi'uuf gaaffii dhiheessite tokkollee akka hin qabne ibsite.

  3. Iraan dooniiwwan ja'a Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa turan of duuba deebisuu ibsite

    Miidiyaaleen Iraan hedduun ''maddeen keessoo'' jedhan wabeeffachuun akka gabaasanitti Wiixata har'aa ganama Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa ''eeyyamashee malee'' qaxxaamuraa turan ja'a of duuba deebisteetti.

    Dooniiwwan kunneen keessaa tokko balaan mudachuu maddeen miidiyaaleetti himaniiru.

    Miidiyaan mootummaa Iraan maddeen wabeeffachuun mootummaan Iraan akkas jechuu gabaase.

    ''Akka duraanuu ibsame daandiin tiraafikaa sirriin kan Iraaniin adda bahedha, kaan faalamaa waan ta'eef darbuun hin danda'amu.''

    Tiraamp erga Iraan daandii inni Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwaniif eeyyame irratti haleellaa raawwachuun dooniiwwan miitee booda Iraan irratti haleellaa labseera.

    Tiraamp dooniiwwan karaa daangaa Omaanitti siquun akka Ulaa Hormuuz keessa darban haala mijeessee ture.

    Iraan ammoo dooniiwwan karaa daangaa ishee qofaan akka darbituu fi kunis beekamtii isheen qofa akka ta'u irra deddeebiin ibsiti.

    Sababa walqoccolloo kanatti dhukaasi US fi Iraan gidduutti torbee lamaaf ture lubbuu namoota hedduu galaafateera, misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka riqichaa, humna ibsaa fi wiirtuuwwan bishaan qulqulleessan haleelamaniiru.

    Iraan haleellaa wiirtuuwwan waraanaa US biyyoota Arabaa keessa jiran irratti raawwatteen loltoota US afur yoo ajjeestu Ameerikaan misoomaawwan bu'uuraa fi iddoowwan jireenyaa siivilii mancaasteetti.

    Kana malees Iraan karaa hidhattoota Huutii Yamaniin dhiibbaa uumuu eegalteetti.

    Huutiin torbee darbe Galaana Diimaa irratti dooniiwwan Sa'uudii Arabiyaa ugguruu fi haleeluun dhiibbaa uumuu eegaleera.

    Daandii guddichi daldala boba'aa kun ugguramuun ammoo gatii boba'aa duraanuu sababa cufamuu Ulaa Hormuuz olka'ee ture daran hammeesseera.

  4. Qondaalli US Iraan mariitti deebi'uuf kadhataa jirti jechuu booda, Iraan ''kadhaan sanyii keenya keessa hin jiru'' jette

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US Maayik Waaltiz, Pirezidant Tiraamp mariif karaa saaquuf haleellaa dhaabe jedhe.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo fi qondaalonni US kaan ammoo Iraan ''mariitti deebi'uuf kadhataa jirti,'' jedhan.

    Haata'u malee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Bagaayi biyyisaa dhukaasa dhaabuu US waliin marii nagaatti deebi'uuf gaaffiin dhiheessite akka hin jirre ibse.

    Kanneen jaarsummaan biyyoota lameen gidduu jiran ammallee ergaa deddeebisaa jiru.

    Iraan garuu guutummaatti marii dippiloomaasiitti nagaa hin dhaamne jedha qondaalli biyyattii kun.

    Garuu ''Iraan Ameerikaa waliin mariitti deebi'uuf gaafataa jirti kan jedhu oduu fakkeeffamee odeeffamaa jiruudha,'' jechuun waakkate.

    ''Kadhaan akkasii qaccee sanyii (DNA) keenya keessa hin jiru,'' jedhe Ismaa'el Bagaayi.

    Iraan ammallee Ulaa Hormuuz, daandii murteessaa daldala boba'aa addunyaa, to'attee akka jirtu himti.

  5. Neetaaniyaahuun michuusaa Tiraamp waliin waa'ee Iraan mari'achuufi

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Wiixata har'aa gara gara Waashingitan qajeeleera.

    Daawwannaa kanaan michuusaa Pirezidant Doonaald Tiraampiin akka walargu kan ibse qondaalli Israa'el kun, qabxiin marii ijoon dhimma Iraan akka ta'u ibse.

    Aanga'oonni lameen erga qindoomina uumuun Iraan irratti waraana labsanii yeroo jalqabaaf qaamaan walarguuf jedhu.

    Neetaaniyaahuun erga Tiraamp aangootti deebi'ee yeroo saddeettaffaaf US daawwachuu isaati, erga waraanni eegalee ammoo yeroo jalqabaaf qaamaan Tiraampiin arguufi.

    Neetaaniyaahuun wayita imala eegalu ibsa gadhiise keessatti ''yeroo walxaxaa kana keessatti lameen keenya kutannoo fi ogummaa addaan hojiitti seenna. Dhimmoota jajjaboo hunda kaasnee ni mari'anna, dhimmi Iraan isa ijoodha. Galmi keenya nageenya keenya tiksuu fi dhiheenya keenyatti nageenya buusuudha,'' jedhe.

    Haleellaa US torban lamaaf walitti aansuun Iraan irratti gaggeessite keessatti Israa'el kallattiin hin hirmaanne.

    Haleellaan US kun akka Iraan wiirtuuwwan waraanaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu haleeltu dirqamsiiseera.

    Amma Tiraamp haleellaa dhaabuu ibseera, Iraanis yoo haleellaan US dhaabbate waan haleellaa raawwattuuf akka hin qabne ibsiteetti.

    Israa'el dhihoo kana yoo haleellaan Iraan irraa ishee mudate tarkaanfiin fudhattu kan duraa caalaa laalessaa ta'a jechuun akeekkachiistee turte.

    Haata'u malee dhiheenya kana Neetaaniyaahuun michuusaa Tiraamp waliin garaagarummaan gidduusaaniitti uumamuu amaneera.

    Sana dura Tiraamp bulchaa Israa'el kanaan ''nama sammuun hin hojjenne'' jedhee ture.

  6. Tiraamp haleellaa dhaabuu ibsus Iraan marii barbaadaa akka hin jirre, Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtu ibsite

    Iraan Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtuu fi Ameerikaa waliin mari'achuuf gaafataa akka hin jirre ibsite.

    Kunis erga Doonaald Tiraamp haleellaa irraa dhaabuu ibseeti.

    Tiraamp erga US halkan 13f walitti aansuun Iraan irratti haleellaa raawwattee booda haleellaa dhaabuu ibse.

    Tarkaanfiin US kun akka Iraan wiirtuuwwan US Baha Giddugaleessaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun haaloo baatu waan dirqamsiiseef biyyoonni lameen yeroo torban lama ta'uuf waraanatti deebi'anii turan.

    Garuu hanga US haleellaa hin raawwannes Iraanis haaloo ba'uu irraa akka of qusattu ibsiteetti.

    Haleellaan US kun gatiin boba'aa baarmeeliin tokko erga Caamsaa darbeetii yeroo jalqabaaf doolaara 100 akka darbu taasiseera.

    Erguma Ameerikaan dhukaasa dhaabuu ibsitee as ammoo Jordaan dirooniiwwan Iraan lama rukuttee buusuu ibsite.

    Aanga'oonni nageenyaa Iraaq ammoo buufati humnoota Kurdoota Iraan kan kaaba Iraaqitti argamu dirooniidhaan haleelamuu ibsan.

    Tiraamp erga gorsaan humna waraanaa isaa, haleellaan dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz irratti qabdu cabsuuf eegalame waan milkeessuuf hedate dursuun hanqinaaf saaxilamuu ibsee booda haleellaa dhaabuu labse.

    Qondaalli US ajajoonni waraanaa qiyyaafannoosaanii dhabaa jiraachuu pirezidanticha himuu Rooyitarsi himeera.

    Qondaalli waraanaa US Jeneraal Daan Keen humni ittisaa biyyattii haphataa jiraachuutti yaaddoo akka qaban ibseera.

  7. Neetaaniyaahuun kantiibaa Niwu Yoork ''jibbiinsa kakaasuun'' himate

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu kantiibaan Niwu Yoork akka to'annoo jala oolchu dhaadatullee, inni garuu kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa akka hin hafne ibseera.

    Kantiibaan magaalaa Niwu Yoork Zoohiraan Mamdaanii ajaja hidhaa Manni Murtii Yakkamtootaa Idiladdunyaa Neetaaniyaahuu irratti baase akka raawwatan ibsanii turan.

    Boodarra garuu deeggarsa seeraa akka hin qabne ibsaniiru.

    Neetaaniyaahuun yaada Mamdaaniin kenneen sodaa tokkollee akka hin qabne ibsuun, kantiibichi ''jibbiinsa kakaasu'' jechuun himate.

    ''Kantiibaa hundaa- kan Yihuudotaa, Kiristaanotaa, Muslimootaa, ta'uu qabdu. Amma garuu garee tokko isa kaanirratti kakaasaa jirtu,'' jechuun Mamdaanii himate.

    Neetaaniyaahuun haasaa isaa keessatti haleellaa Kamisa darbe Niwu Yoork keessatti yeroo lama raawwatame kaaseera.

    Haleellaawwan kunneen keessatti shakkamaan tokko nama Yihuudaa tokkoo fi Eeshiyaa tokko waraaneera.

    Sababa haleellaa kanaan Yihuudonni Niwu Yoork jiraatan sodaa hamaa keessa jiru jedhe Neetaaniyaahuun.

  8. Iraan haleellaa Yukireen galaana irratti raawwatteef deebii kennuuf dhaadatte

    Yukireen doonii daldalaa Iraan Galaana Kaaspiyaan irra yabalaa turte dirooniidhaan haleeluu booda qondaalli gameessi Iraan seera baastota biyyattii keessaa tokko ta'an haaloo ba'uuf dhaadatan.

    Haleellaa fi aggaammiin haleellaa Iraan irratti raawwatamu kamiyyuu osoo deebii hin argatin hafee hin beeku kan jedhan qondaalli Iraan kun, kanammoo US fi Israa'el bareechanii beeku jedhan.

    Paarlaamaa Iraanitti dursaa komishinii nageenya biyyaalessaa fi imaammata dhimma alaa kan ta'an Ibraahim Aziiz, US fi Israa'el ''haleellaan Iraan irratti raawwatu kamiyyuu yeroo kamiyyuu deebii dhabee akka hin beekne sirriitti beeku. Kun har'as ni hojjeta,'' jechuun X irratti barreessan.

    ''Yukireenis gochasheef Iraan osoo deebii hin kennine akka hin dabarre dhihootti ni baratti,'' jedhan qondaalli kun.

    Dilbata kaleessaa Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii, tarkaanfiin Yukireen doonii daldalaa Iraan irratti fudhatte chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan sarbe ta'uu ibsanii turan.

    Haleellaa kanaan hojjetaan doonii tokko ajjeefamuu kan himan Abbaas Araagchii ''kanaafis deebiin akka kennamu mirkana,'' jedhan.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii biyyisaanii Galaanaa Kaaspiyaan irratti misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifamaniin haleellaa raawwachuun daran milkaa'uu X irratti barreessaniiru.

    Haleellaan kan raawwatame ''dooniiwwan loltoota fe'an, kan Iraan keessatti hirmaatte, irratti ta'uus,'' ibsan.

  9. Iraan Ameerikaa waliin marii'achaa akka hin jirre himte

    Dubbii himaan ministara dhimma alaa Iraan Ameerikaa waliin ergaa walitti dhaamuu eeranii yeroo ammaa kana mariin idilee taasifamaa akka hin jirre ibsaniiru.

    Isamaa'el Baagaay, Teehraan yeroo ammaa dursa kan kennitu walabummaashee tiksuu, tokkummaa daangaa eegsisuufi mirga uummatasheef tahuu ibsuun mariitti jarjaranii akka hin galle himan.

    Dubbii himaan kuni Waashingitan tarkaanfii waraanatiin dippiloomaasii kuffifti jechuun haala mariitti deebi'uuf jiru balleessiteetti jedhan.

    Baagaayi miidiyaa Awustiraaliyaa waliin haasaa taasisaniin ''ergaa walitti dhaamaa jirra garuu amma dursa kan kenninu walabummaa, tokkummaa daangaafi mirga uummataa kabachiisuu dha,'' jedhaniiru.

    Paakistaaniifi Kataar kanaan dura ergaa biyyoota lameen gidduu adeemu si'eessuun shoora guddaa gumaachan.

    Dubbiihimaan ministara hajaa alaa Iraan Ameerikaan haleellaa torban lamaaf raawwataa turte dhaabuu ibsuun booda dhagahame.

    Haleellaan dhaabbachuun biyyooti lameen ammas gara marii dippiloomaasitti deebi'u abdii jedhu fideera.

    Lolli Ameerikaa fi Iraanitti ka'e dhiyeessii boba'aa Baha Gidduugalaatti danqeera. Ameerikaan haleellaa dhaabuu hordofee gatiin boba'aa hir'iseera.

  10. Miseensonni al-shabaab 16 oppireeshinii waraanaan ajjeefaman-Mootummaa Somaaliyaa

    Humnoonni nageenyaa Somaaliyaa loltoota al-Shabaab 16 bulchiinsa Hiraaniifi Shabalee jedhamutti ajjeesuu ejansiin tikaa biyyattii beeksise.

    Ejansiin Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa Somaaliyaa Sambata darbe garee hidhataa Islaamaa bulchiinsa lama keessatti socho'u irratti qiyyaafachuu haleellaa raawwate.

    Buufati raadiyoo al-Shabaab waliin hidhata qabu iddoon meeshaaleesaa keewwatu haleelameera jedhe ejansiin kuni.

    Hogganaan raadiyoo Anaaduulus, Abdiisamaad Mohaammad akkasumas hojjetaan biraa Alii Saalaad oppireeshiniin kanaan yoo ajjeefaman miseensoti sadii biroo ammoo madaa'aniiru. Meeshaaleen buufatichaas barbadaaa'aniiru.

    ''Oppireeshiniin kuni tattaaffi al-shabaabiifi miyootasaa shororkeessummaa dalaguuf fayyadamu dhabamsiisuuf taasifamu keessaati,'' jedhe ejensiin tikaa kuni.

    Humnoota mootummaa irraa namoonni miidhamuu isaaniiif dhaabbatichi waan jedhe hin qabu.

    Mootummaan Somaaliyaa garee hidhataa al-shabaab waggoota kurna darbaniif haleellaa raawwataa bahe irratti oppireeshinii waraanaa jabeesseera.

    Al-shabaab yeroo baayyee humnoota mootummaa, qondaalotaafi namoota nagaa irratti haleellaa raawwata.

  11. Pirezidaantiin Arjantiinaa pirezidaantii Biraaziil hattuu jechuun mufii cimaa kaase

    Pirezidaantiin Arjantiinaa Jaaviyeer Miileey pirezidaantii Biraaziil arrabsuu hordofee Biraaziil mufii cimaa akka qabdu ibsite.

    Jaaviyeer Miileey pirezidaantii Biraaziil Luulaa Daasiilvadhaan "hattuu" fi "yakkamaa" jedhee arrabsuu hordofee Biraaziil ambaasaaddara ishee Boonas Ayirasii gara biyyaatti waamte.

    Pirezidaantiin Arjantiinaa pirezidantii Biraaziil kan arrabse duula filannoo ilmi pireezidaantii duraanii Biraazill Bolsanaariyoo magaalaa Saa'o Poolotti gaggeeffamerratti argamuuni.

    Gaggeessaan Arjantiinaa kun pirezidaantii Biraaziliin "hattuu fi yakkamaa" jedhee kan arrabse duula filannoo paartiin mormituu Biraazil gaggeessu irratti argamuuni- Biraazilumatti argamee jechuudha.

    Pirezidaantiin Arjantiinaa ilma pirezidaantii duraanii Biraazill kan ta'e Filaaviyoo Bolsanaaroo deeggaruun Pirezidaant Luulaa Daa Siilvaa dubbii arrabsoon kan qoccole yoo ta'u, mootummaan Biraaziil dheekkamuun deebii kenneera.

    Pirezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaa "eenyullee dhimma Biraaziil keessa akka quba kaa'u hin hayyamnuuf" jechuun biyyattii gaggeessuu akka itti fufan ibsan.

    Dubbii pirezidaantii Arjantiinaan kan mufate mootummaan Biraaziil, ambasaaddara biyyattii Arjantiinaa irraa gara biyyaatti waamera.

    Biraazilitti filannoon ji'oota muraasa booda kan gaggeeffamu yoo ta'u, ilma Pirezidaantii duraanii Jaayir Baolsanaariyoo kan ta'e Filaaviyoo Bolsanaariyoo kaadhimamaa cimaa ta'ee dhiyaata jedhamee jira.

  12. USfi Iraan marii itti fufuu hordofee haleellaa walirratti gaggeessuu dhaaban

    US walitti fufiinsaan guyyaa 13f Iraan haleelaa erga turtee booda amma dhaabdee jirti. Iraanis haleellaa haaloo bahuu gaggeessitu dhaabuu beeksisfte.

    Biyyoonni lamaanuu haleellaa walirratti gaggeessuu kan dhaabaniif mariin gaggeeffamaa jiraachuu hordofee ta'uutu himama.

    UNtti ambasaaddara US kan ta'an Maayik Waaltiz turtii Fox News waliin taasisaniin, Tiraamp haleellaan Iraanirratti gaggeeffamu akka dhaabbatu kan godhe "dippilomaasiif dursa kennuufi" jedhan.

    US haleellaa gaggeessuu dhaabuu hordofee, Iraanis haleellaa buufataalee Ameerikaa naannicha jiran irratti taasistu dhaabuu beeksiste.

    Doonaald Tiraamp filannoo hunda harkaa qabaachuu kan himan dippilomaatiin US kun, "dippilomaasiif carraa kennuuf haleellan akka dhaabatu godhe" jedhan.

    Gama biraan ammoo haleellaan yeroo dheeraaf yoo itti fufe US hanqinni misaa'eloota sirna ittisaa ishee mudachuu mala sodaa jedhuun haleellan akka dhaabatu godhame jechuun Niwu Yoork Taayims gabaasee ture.

    Maayik Waaltiz garuu gabaasa kana dhara jechuun, "Waraanni US akka barbaadetti haleellaa kana itti fufsiisuuf dandeettiisaa qaba" jechuun haleellaan kan dhaabate hanqinni misaa'ela sirna ittisaa mudatee akka hin taane hima.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii keenya har'aa eegaleera!

    USfi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu dhaabaniiru. Tiraamp haleellaa kan dhaabeef dippilomaasiif dursa kennuuf akka ta'e himan qondaalli US.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala buunee isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!