Bulchiinsi Itoophiyaa Sirna Paarlaamaa irraa gara Sirna Pirezidaantummaatti jijjiiramuuf jiraa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroo adda addatti sirna bulchiinsa Itoophiyaa kan amma jiru, sirna paarlaamaa fi federaalizimii, gara sirna pirezidaantummaatti jijjiiramuufi yaadotni jedhan bal'inaan ka'u.

Waanti Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhiheenya kana yeroo hojii hogganaa biyyaa daangessuu fi akkasumas tibbana jalqabbii marii biyyalessaa marsaa xumuraa irratti fooyya'iinsi heeraa akka taasifamu eeran falmii duraan ture deebisee kaasera.

Yaanni kun, hogganaan biyyattii yoo baay'ate si'a lama qofa akka filatamu kan murteessudha. Sirna paarlaamaa keessatti daangaan bara hojii MM ministeeraa waan hin jirreef, tarkaanfiin kun mallattoo sirna pirezidantiitti cehuu kan mul'isuu jedhu hayyoonni seeraa fi xiinxaltoonni siyaasaa. Agarsiiftuwwan biroos jiru.

Garuu Heera mootummaa fooyyeessuun fedhii eenyuuti?

Ajandaa Marii Biyyaalessaa gara xumuraa ga'e keessaa tokko heera mootummaa foyyeessuu kan jedhe dhimma ijoo ta'uu Komishiiniin marichaa ibsaa tureera.

Komishiiniin marii biyyaalessaa ammoo yaada lammilee fi hayyootaa irraa walitti qabee dhiyeesse ta'uu ibsa.

Ofii sirni bulchiinsi Itoophiyaa gara Sirna Pirezidaantummaatti yoo jijjirame bu'aa fi rakkoon fiduu danda'u maali?

Heerri mootummaa Federaalaa Itoophiyaa bara 1995 tumame, Itoophiyaa akka mootummaa federaalaa fi sirna paarlaamaatiin bultu ifatti kaa'a. Haa ta'uu malee, jijjiiramnii fi foyya'iinsi kana irratti taasifamu mootummaa federaalaa fi mootummaa naannolee hirmaachisuun ta'uu akka qabu eera.

Qeeqni adda addaa irratti ka'us, waggoota arfan darban keessa mariin bulchiinsa mootummaa fooyyessu fi heera mootummaa irratti fooyya'iinsa gochuu ilaalchisee mariin taasifamaa ture. Murtee tokkorra ga'amas jedhamee eegama.

Sirna Pirezidaantummaa jechuun maali?

Sirna pirezidaantummaa keessatti pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa hoogganu walumaagalatti aangoo raawwachiisummaa olaana kan qabuudha.

Al kalattiin utuu hin taane ummataan kallattiin filatama.

Paarlaamaan immoo qaama seera baasu ta'ee hojii mootummaa to'ata.

Biyyoonni akka Ameerikaa dabalatee biyyootni Afrikaa fi kaanis irra caalaa sirna bulchiinsa akkasii hordofu.

UK Yunivarsiitii Kuwiinsi Beelfaast keessatti Barsiisaa Siyaasa kan ta'an Dr. Buzunaa Yimeenuu Itoophiyaan sirna bulchiinsa paarlamaa amma hojii irra jiru dhiistee, gara sirna pirezidantiitti cehuun akka filannoo tokkotti dhiyaachaa jiraachuu himu.

''Tarkaanfiin gara Pirezdaantummaatti ce'uu waan mirkaana'e miti garuu akka filannoo tokkotti ajandaa marii keessa jira'' jedhu.

Gama mootummaatin ifatti wixineen seeraa qophaa'ee dhiyaachuu baatus marii siyaasaa, yaada hayyootaa fi tilmaama mootummaa fuulduraa irratti hundaa'uun murteen akkasii akka eegamu Barsiisaan Siyaasaa kun kan ibsan.

Akka isaan jedhanitti sirna Pireezidaantummaan buluun Itoophiyaa faayidaas miidhaas qaba.

Akka sirna bulchiinsa paarlamaa paartii injifatetu nama MM ta'u muuda utuu hin taane, lammiileetu kallattiin filata waan ta'eef fudhatamummaa qabaachuu danda'aa mala.

Haa ta'uu malee ''Pirezidaantiin erga aangoo fudhatee aangoo olaanaa biyya sanaa waan ta'eef, murtee adda addaa biyyatti keessatti jijjirama fiduu danda'u, tarii kan ummatas mufachiisu danda'u murteessuu danda'aa'' jedhu Dr. Buzunaan.

Kun ammoo yoo dhaabbileen mootummaa cimaa hin taane mootummaa abbaa irree uumuuf karaa banuu danda'a.

Federaalizimii sab-daneessaa irraa gara federaalizimii teessuma lafaatti..

Yaadota falmisiisoo ummata biraa ka'u keessa dhimmi biroo Federaalizimii sab-daneessaa irraa gara federaalizimii teessuma lafaatti jijjiiruu kan jedhuudha.

Itoophiyaan yeroo ammaa sirni mootummaa federaalizimii sab-daneessaa naanooleen biyyattii irra caalaan isaanii eenyummaa sabaa fi sab-lammummaa irratti hundaa'een bulaa jirti.

Yaadotni federaalizimii sabummaa hambisuun akkataa teessuma lafaatin qoqqooduu jedhuu yaadota falmisiisoo ijoo dubbii ta'aa jiruudha.

Kana jechuun bulchiinsi naannolee sabummaa irratti osoo hin taane, daangaa lafa, walitti hidhamiinsa dinagdee, qabeenya uumamaa, baay'ina uummataa fi akkataa bulchiinsaf gaarii ta'etti gurmeessuudha.

Kanneen yaada kana deeggaran halli akkasii, siyaasa sabummaa irratti hundaa'e hir'isaa jedhu.Paartileen siyaasaa tokko tokko ijjannoo kana qabataa turan.

Kanneen yaada kana morman ammoo haalli akkasii mirga sabootni ofiin bulchuu fi hiree ofii murteeffachuu qaban kan balaa jalaa galchuudha jechuun falmu.

Yunivarsiitii Kuwiinsitti Barsiisaa Siyaasa kan ta'an Dr. Buzunaa Yimeenuu, ''rakkoon biyya sab-daneessaa akka Itoophiyaa sabdaneessummaa bulchuudhaa malee bulchiinsaaf haala miijataa uumuu dadhabuu miti.'' jedhu.

Kanaaf rakkoo kana furuuf dhukkubni kan biraa ta'ee dawwaa kan biraa ta'uu hin qabu jedhu.

Mirgi hiree ofiin murteeffachuun dirqama lafatti hundaa jedhamuu baatuus, haala akkasii keessatti mirgi sabootaa haal guutuu ta'een deebii argachuun rakkisaa akka ta'u eeru.

Federaalizimii teessuma lafaa irratti hundaa'e keessatti, hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoqinatti kan jedhu rakkoo keessa galuu mala akka ibsa isaanitti.

Federaalismiin sabdaneessas amma jiru ''rakkoo hin qabu jechuu utuu hin taane akkamitti haa foyya'u inni jedhu xiyyeeffannaa guddaa'' akka barbaadu himan.

Dhimmi Finfinnee fi Dirre Dhawaa akkamiin ilaalama?

Fooyya'iinsa Heera Mootummaa Itoophiyaan walqabatu keessatti dhimmoota falmisiisoo ta'aa jiran keessaa haalli bulchiinsa magaalota akka Finfinnee fi Dirree Dhawwaafaa akkam ta'a kan jedhu dhimma ijoodha.

Marii Biyyaalessaa keessatti magaalonni kunneen akka naannoo tokkotti of danda'anii akka bulfaman yaadni dhiyaachaa jira.

Dhimmi magaalootni kunneen Oromiyaa waliin qaban foyya'iinsa heera mootummaa gara fuula duraa keessatti akkamiin ilaalamuu qabu? Dr. Buzunaan akkas jedhu, ''Gaaffii ijoo kan ta'u magaalonni kunneen kan eenyuti, kan eenyuu ta'uu qabaadha?

Garuu sanarra "haala kamiin yoo bulfaman fedhii qaamolee hunda eegsisuu danda'a ?'' isa jedhu irratti xiyyeefatamuu qaba jedhu

Fedhii wal irraa adda ta'an walitti fiduun barbaachisaa ta'uu eeru.

Fakkeenyaaf dhimma Finfinnee irratti ''wirtuu seenaa, aadaa fi dinagdee Oromiyaa ta'uun walitti hidhamiinsa cimaa qabdi. Hidhanni kun jireenya hawaas-dinagdee guyyaa guyyaa keessatti mul'ata.

Gama biraan namoonni magaalattii keessa jiraatan mirgaa fi fedhii mataa isaanii qabu.

Fedhiin magaalaa guddoo mootummaa federaala fi kan naannoo Oromiyaa taasifatanii bulchiinsaf miijattu gochuus jira. Kana hunda haala giddu galeessa godhateefi furmaata waraa fiduu danda'uun ilaalamuu qaba'' jechuun ibsu.

Dr. Buzunaan muuxannoo biyyoonni hedduun (Beeljiyeem, Awustiraaliyaa, Ameerikaa fi kanneen biroo) rakkoo wal fakkaataa karaa addaa fi sirna adda addaa bocuun furuuf yaalan akka fakkeenyatti eeran.

Kana jechuun magaalaa tokko bulchuuf fakkeenyi tokkichi biyyoota hundaaf hojjeta jechuu utuu hin taane haala seenaa, hawaasummaa fi siyaasaa biyya sanaa irratti hundaa'uun sirni bulchiinsaa qophaa'uun barbaachisaa ta'uu isaa himu

Kanaafis dhimoota murtoon dura marii bal'aa, waliigaltee siyaasaa fi hirmaannaa uummataa irratti hundaa'u qabu ta'uu hubachiisu.

Akkamiin hojirra oola?

Mariin Biyyaalessaa yeroo walitti bu'iinsi mootummaa fi gareewwan hidhatan Oromiyaa fi Amaaraa, akkasumas atakaroon mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraay cimee jirutti adeemsifamuun bu'aa maali fidaa kan jedhu irratti gaaffin ni ka'a.

Hojiirraa oolmaa fi bu'aa qabatamaan inni fidus shakkii qabaachuutu himama.

Akka Dr. Buzunaan jedhanittis ''marii biyyaaleessaa yeroo biyyattiin walitti bu'iinsa adda adda keessa jirtu akkasiitti taasisuun rakkisaadha.''

Garuu gama biraatiin yoo waraanni dhaabbachuu baatee mari'achuun hin danda'amuu?, Hanga yoomitti eeguun danda'ama? Gaaffiin sunis deebii barbaada," jedhu.

''Rakkooleen gama siyaasaa fi heera mootummaatin jiran waraanni jiraatus jiraachuu baatus mariidhaan furmaata argachuu qaba'' ijjannoo jedhu qabu.

Xinxaltootni gariin ammoo Mariin biyaalessa kanneen lola keessa jiranii firakkoo biyyatti hammeessan yoo hin hirmaanne jijjirama barbaachisu hin fidu jechuun falmu.

''Mariin taasifamu bu'aa hin qabu jechuu miti, garummoo mariin qofti rakkoolee hunda furuu danda'a jechuun eeguun sirrii miti ''jedhu Dr. Buzunaan.

Hojirra oolmaan waligaltichaas hojii mootummaa, paartilee siyaasaa, gareewwan hidhatan fi hawaasa hirmaachisu irratti akka hundaa'u ibsu.

Bakka tumsi waloo hin jirretti bu'aan fidu baaayyee xiqqoo akka ta'u hubachiisan.