Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jen. Tsaadqaan fa'i dhimma Tigraay irratti Finfinneetti hiriira bahuufi
Hiriirri nagaa ''dirqiin waraanatti naquuf'' sochii taasifamu kan mormu akkasumas mootummaan federaalaa dhimma naannichaa irratti ''dirqama mootummaa akka bahu'' gaafatu Sanbata xiqqaa dhufu Magaalaa Finfinneetti akka taasifamu qopheessitoonni dubbatan.
Hiriira nagaa magaalaa Finfinneetti taasifamu kan qopheesse ''mana maree nagaafi jijjiirama Tigraay'' baatii Caamsaa keessa hundaa'e akka ta'e qindeessaan miidiyaafi hariiroo sabqunnamtii garichaa Obbo Kabbada Asaffaa BBC'tti dubbataniiru.
Ji'a lama dura magaalaa Finfinneetti kan mari'ate manni maree kuni Naannoo Tigraayitti jijjiirama fiduuf akka hojjetamuufi adeemsota ce'umsaa mijeessuuf akka sosso'u ibsa.
Manni marichaa namoota siyaasaa TPLF irraa adda bahaniifi paartilee Tigraay of keessatti qabateera.
Hoggantoota Tigraay adda baafaman irraa kan hundaaye paartiin biraa Waladoo Tigraay, Arennaa Tigraay Ladimookraasii fi lu'aalaawinnat (Arennaa) akkasumas Tinsaa'ee Sabaa Andartaa ni eeramu.
Dura taa'aan Tinsaa'ee Sabaa Andartaa fi qindeessaan sabqunnamtii uummataa mana marichaa Obbo Kabbadaan akka himutti hiriirri Sanbata xiqqaa Adoolessa 18, 2026 karoorfame kaayyoo lama qaba.
Dhimmi ijoon dursaa dhimma "dirqiin waraanatti naquu" waan ilaallatu jedha.
Komishiniin mirga namoomaa fi HRW dirqiin waraanaa naannciha keessaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessanii turan.
Kabbadaan "humni Tigraay keessa jiru shaabiyaa fi humnoota kaan waliin qindaawuun guyyuu dhalattoota Tigraay guuraa, ukkaamsaa, godaansaaf saaxilaa jira" jechuun himata. Dabalataanis "uummata Tigraaay cunqursuuf labsiin bahe jira" jedhe.
Qindeessaan sabqunnamtii uummataa akka eeretti, "jiruu fi nageenya uummmata Tigraay mirkaneessuuf labsiin bahe" TPLF kan bakkatti deebisee fi mana maree waraanaan dura tureen kan raggaasifamedha.
Labsiin Tigraayitti bahe "shokoksuullee kan nama dhorkudha" kan jedhu Kabbadaan, labsii kanaan uummmanni dararamaa jira, ni ukkaamfama, ni ajjeefama, dirqamaan duula waraanaaf guurama" jedhu.
Komishiniin mirga namoomaa fi HRW ibsa isaaniin labsii kana balaaleffatan.
Mootummaan naannichaa garuu seera kanarratti "duulli maqaa xureessuu baname" jechuun waakkate.
Mootummaa TPLF hogganu jalatti pirezdantii itti aanaa kan ta'an Amaanu'eel Asaffaa "uummata balaa jala jila jirrudha, jiraachuu fi dhabamuu jidduu taanee qabsoo goonu" ta'uu baramuu qaba jedhu.
Hiriira Sanbata xiqqaa irratti dhimmoota kanneen "balaaleffachuu fi hawaasa addunyaa hubachiisuuf" karoorfamuu qindeessaan mana maree nagaa fi jijjiiramaa Tigraay ibsan.
Dhimma kana callisaan kan ilaalaa jiru mootummaa federaalaafis waamicha gochuuf ta'uu dubbatan.
"Kana argaatii callisuun mootummaa sirrii akka hin taane, gaafatamummaa isaa akka bahu waamicha gochuuf hiriira galma godhatee dha" jedhan.
Hiriira kanarratti mootummaarraa maaltu eegama kan jedhu BBC'n qindeessaa sabqunnamtii uummataa kana gaafate.
Mootummaan yoo danda'ame humni kun karaa nagaatiin hidhannoo hiikkatee qabsoo siyaasaa karaa nagaa akka taasisuu gochuun irraa eegama.
Yoo kun hin taane garuu, wanta barbaachisu hundumaa gochuun uummata kana humna kana jalaa bilisa baasee, nageenya isaa eeguuf dirqama heera mootummaa qaba jedhan.
Manni marichaa gaaffii "maaliif hiriira kana magaalaa Finfinneetti gaggeessuu filattan" jedhuuf; "Qaamonni nuti waamicha taasisnuuf mootummaas ta'ee dhaabbileen idil-addunyaa as waan jiraniifi" jedhe.
Finfinneen "teessoo mootummaa Itiyoophiyaa waamichi taasifamuufii" ta'uu ishee fi "Tigraayitti aansee [lakkoofsaan] dhalattoonni Tigraay baay'een" magaalaa kanatti waan argamaniifi jedhe.