Masrii fi Ertiraan Galaana Diimaa 'seeraan ala to'achuuf' yaalii taasifamu balaaleffatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Masrii fi Ertiraan ''nageenyaa fi bulchiinsi'' Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanicha jiran qofaadha jedhan.

Biyyooti qaama qarqara Galaana Diimaa hin taane ''karaa seeraan ala to'achuuf tattaaffiin godhan seera idil-addunyaa sarba,'' jechuun ejjennooo isaanii ibsaniiru.

Gaazexaan Masrii Alharaam Sambata 19/2026 marasariitii isaa irratti ibsa baaseen, ministaroonni hajaa alaa biyyoota lamaanii marii taasisaniin ejjennoo waloo ifa baasuu gabaaseera.

Biyyooti qaama qarqara galaana kanaa hin taane ''shoora eegumsaa irratti'' dhiibbaa gochuuf yaalan akka balaaleffatan himaniiru.

Minisatarri Hajaa Alaa Eritiraa Osmaan Saalih fi gitnisaanii Masrii Baadir Abdiilaatii ''michooma tarsimawaa'' biyyoota lamaanii jabeessuu akkasumas dhimmoota ejjeennoo waloo qaban irratti ''waltumsuu'' irratti marii'achuun ibsameera.

Ministarri Hajaa Alaa Masrii biyysaanii Ertiraan ''walabummaashee, tokkummaa biyyaalessaa fi daangaashee eeguuf,'' sochii taasiftuuf ''deeggarsa guutuu'' akka kennitu mirkanessaniiru.

Pireezidant Isaayyaasa Afawarqii daawwannaan dhihoo Masriitti taasisan ''bu'aa qabeessa'' akka tureefi gara fulduraattis hariiroo biyyoota lameenii guddisuu irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu ibsuun isaanii eerameera.

Caamsaa darbe sochiin geejjibaa Galaana Diimaa irratti taasifamuufi hidhaminsa buufata doonii ilaalchisee waliigaltee kan mallatteessan Masriifi Ertiraan dhimmi Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qarqara galaanichaa jiran qofa tahuu ibsanii ture.

Biyyooti lameen Galaanni Diimaa biyyoota daangaasaarratti jiran waliin ''hidhata biyyaalessaa kallattii'' akka qabu eeruun dhimma ''Galaanni Diimaa qaamni daangaarra hin jirre gidduu seenuu hin qabu,'' jedhanii ture.

Pireezidantiin Eritiraa Isaayyaas Afawarqii bara kana qofa yeroo lama gara Masrii imalaniiru.

Ministarri Hajaa Alaafi Ministarri Geejibaa Leetanaant Jeneraal Kamaa Alwaaziir Caamsaa darbe Asmaraattii Pireezidanti Isaayyaas waliin marii'atanii ture.

Ministarrii Hajaa Alaa Masrii yeroo daawwannaasaanii waliigalteen tumsi geejiba galaanarraa hojiirra akka waamicha dhiyeessuu isaanii Ahiraam gabaaseera.

Ministarichi Masriin daldala waloo guddisuuf, invatstimatii jajjabeessuufi kaampaaniwwan dhuunfaa Kaayiroo hirmaannaa gabaa Ertiraa keessatti qaban dabaluuf fedhiin akka jiru ibsaniiru.

Dameeleen dursi kennamuufi albuuda baasuu, bu'uuraalee misoomaa diriirsuu, geejjiba galaanaafi qindoomina buufata doonii akkasumas oomisha qorichaafi horsisa qurxummii tahuun eerameera.

Hogganooti biyyoota lameenii kun Sudaaniifi Somaaliyaa dabalatee waa'ee Gaanfa Afrikaa marii'ataniiru.

Ministarri Hajaa Alaa Masrii Baadir Abdiilaat, Gaanfa Afrikaa ''nageenya biyyaalessaa Masrii kan ittiin dheereffamu'' jechuun Kaayiroon ''nageenyaafi tasgabbii'' naannichaa eeguuf murteessituu tahuu dubbachuun gabaafameera.

Kanamalees dhaabota mootummaa biyyaalessaa deeggaruu akkasumas tokkummaa biyyoota naannichaafi daangaafi walabummaa isaanii eeguun barbaachisaa akka tahe jala muruun himaniiru.

Masriin ''tarkaanfii qaama tokkoo walabummaa mootummaa sarbuufi tasgabbii naannichaa jeequ,'' akka mormitus ibsaniiru.

Waggoota dhihoon as Masrii fi Ertiraan dhimma Galaana Diimaafi siyaasa, diinagdeefi nageenya Gaanfa Afrikaa irratti qindoomina qaban cimsaniiru.

Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa ifa gochuun as Masriin ''haala to'annoo fakkaatuun'' socho'aa jirti jechuun Dubbihimaan Nabiyaat Geetaachaw dubbataniiru.

Caamsaa 21/2026 ibsa kennaniin Itoophiyaan gaaffii ulaagalaanaa erga kaastee as gama Masriin faarri ''muddamaafi qoccollaa'' mul'achaa akka jiru eeraniiru.