TPLF mootummaa federaalarraa of ittisuuf humnoota garaa garaa wajjin tokkummaa tolfadhe jedhe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee eegala sodaan jedhu yeroo dabalaa dhufetti, TPLF humnoota garaa garaa wajjin tokkummaa tolfachuu beeksise.

Tigraayitti bulchiinsa yeroo MM Abiy Ahmadiin muudame diiguun aangoo kan qabate TPLF, yaaddoo waraanaa mootummaan federaalaa itti aggaamamuu ibsuun kana qolachuuf jecha humnoota alaa dabalatee humnoota garaa garaa wajjin tokkummaa tolfachuu ibse.

Dhaabi TPLF kana kan beeksise karaa gaggeessaa dhaabichaa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el yoo ta'u, qaamoleen inni tokkummaa waliin tolfate kan biyya alaa hammachuufi dhiisuu waanti ibse hin jiru.

Dabratsiyoon qaamolee kaayyoo wal-fakkaataa qabaniifi diina [mootummaa Itoophiyaa] lolaa jiru jedhan waliin wal-ta'iinsa tolfachuu taasisuudha kan beeksisan.

Walgahii magaalaa Maqaleetti gaafa Adoolessa 19, 2026 gaggeeffamerratti Dabrsatsiyoon mootummaan federaalaa kana booda [humnoota] Tigraay qofaa osoo hin taane, humnoota TPLF wajjin wal ta'anillee akka isa eeggatu dubbatan.

"[Mootummaan Itoophiyaa] kana booda Tigraay qofaa lola miti, Paartii Badhadhinaa akka yaaddotti kan ilaalan qaamolee heddutu jiru," jechuun dubbatan.

TPLF qaamolee mootummaa akka yaaddotti ilaalu jedheefi wajjin wal-ta'iinsa tolfate kanneen eenyu fa'aa akka ta'an hin ibsine.

Dabaluunis, "Qaamolee mootummicha akka diinatti ilaalan waliin wal-ta'iinsa tolfanneera, rakkooleen kunneen jiraatanis irra aanuuf ofitti amanamummaa guddaa qabna" jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoolee jiran karaa mariin furuuf fedhii akka hin qabne kan ibsan Dabrsatsiyoon, nagaan waaraan marii qofaan akka hin dhufneefi of-ittisuuf TPLF qophiitti akka jiru beeksise.

"Rakkoo nu mudatee jiru karaa nagaan furuu yoo hin dandeenye, humnaan furuu qabna. Kanaaf ammoo humna waraanaa keenya jabeessuun dandeettii keenya ijaaruu qabnam," jechuun dubbatan.

TPLF irra deddeebiin mootummaan federaalaa Waliigaltee Piritooriyaa cabseera jechuun himataa ture; hawaasa idiladdunyaas akka gidduu seenu jechaa turuunsaa ni yaadatama.

Mootummaan federaalaa ammoo, TPLF Ertiraa dabalatee humnoota "farra nageenyaa" biyyaa ta'an waliin tokkummaa godhatee na waraana banuuf qophii gochaa jira jechuun himataa ture.

TPLF gamasaan, mootummaan federaalaa akka bara 2020-2022tti Tigraay tajaajila irraa kutuun marfama keessa galchuu barbaada jechuun kan himatu yoo ta'u, haalli jiru akkanaan itti fufnaan TPLF callisee akka hin ilaalle ibsee ture.

Gaggeessaan paartichaa haasaa Maqaleetti taasiseen, Tigraay akka kana duraa osoo hin taane michoota ishee gargaaran akka qabdus dubbate.

"Marfama Tigraay keessa jirtuuf wal-ta'iinsi [qaamolee garaa garaa waliin godhame] furmaata. Kanaan dura [yeroo waraana bara 2020-2022] kallattii hundaan marfamnee turre. Amma wal-ta'iinsa tolfannerraa kan ka'e akka yeroo sanaa hin ta'u," jedhe.