FIFA'n lola gareen Arjentiinaa tapha booda eegale qorachuu eegale

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa booda wal aansoofi lola dirree keessa mudateerratti qorannoo eegaluu FIFA'n mirkaneesse.

Koreen naamusaa Fifa waan mudate qorachuuf abbaa alangee naamusaa muudeera.

Taphataafi leenjisaan lola sana keessatti qooda fudhate ni adabama, Waldaan Kubbaa Miilaa Arjantiinaas adabamuu mala.

Erga tapha xumuraa Waancaa Addunyaa irratti Ispeeniin mo'amanii waancaa dhaban booda miseensonniifi taphattoonni garee Arjantiinaa taphattoota Ispeen waliin wal'aansoo walqabataniiru.

Ispeen taphicha 1-0 mo'achuu hordofee miseensonni garee taphattoota Arjeentiinaa fi miseensonni garichaa kaan taphattoota Ispeen waliin walitti bu'aniiru.

Taphattoonni Ispeen akka Mooliinaa, Paaredesh, Tiyaagoo Almaadaa fi gargaaraan leenjisaa Roberto Ayalaa wal dhabdicha keessatti hirmaataniiru.

Fifan jalqaba akka gabaasetti Paaredesh taphataa Ispeen Erik Gaarshiyaa mormarra qabee waan darbateef kaardii diimaan kennameeraafi.

Garuu osoo hin turiin kaardii diimaan Paaredesh haqameera. FIFA'n BBC Ispoortiif akka mirkaneessetti, tarkaanfiin naamusaa homaayyuu taphaticha irratti hin fudhatamne.

Arjeentiinaa jalaa Eenzoo Fernaandez kaardii diimaan waan baheef taphattoota 10niin taphicha xumuran.

Dabalataan taphattoonni Arjeentiinaa erga Ingilaandiin 2-1 mo'atanii baanerii waa'ee odola Fooklaand ibsu waan dirree keessatti agarsiisaniif qorannoo irratti gaggeessaa jira.

Tapha booda maaltu tahe?

Akkuma taphni xumurameen Liyoonel Meesii daalatee taphattoonni Arjeenyiinaa muraasni lafatti kufuun gaddaa turan.

Kaan ammoo bakkuma jiranitti dhaabbatanii hafan. Taphattoonni Ispeen gammachuudhaan dirree keessa guutan.

Roodiriin duraan jijjiiramee bahee ture garee isaatti makamuuf jecha fiigee dirree gale.

Akkuma inni dirree seenee taphataa Arjeentiinaa Moolinaa jedhamu bira darbeen, Mooliinaan irree isaafi garaa isaa keessa dhahe.

Kanumaan wal dhabdeen mudate. Roodiriin Mooliinaa waliin wal dhabe. Garuu Mooliinaatu aariidhaan isatti deebii kennaafii ture. Yeroo kana taphataan Ispeen Erik Gaarshiyaa Roodirii irra goruuf fiigee deeme.

Yeroo kana Paaredesh itti dabalamuun Gaarshiya morma irra qabuun darbate.

Gaaviin gidduugaluuf fiigee yoo deemu taphataan Arjeentiinaa Almaadaa jedhamu isas lafatti dabale.

Gargaaraan leenjisaa Arjeentiinaa Ayalaan morma Gaarshiyaa yeroo qabu mul'ata. Itti aansee Daanii Oolmoo wlaiin wal dhabe.

''Paareedesh buunyaa sadii gara fuula nama tokkootti gadhiise. Isaanumaaf deeme'' jedhe Alan Shiirer.

Leenjisaan Arjeentiinaa Liyoonel Iskaaloonii haalicha tasgabbeessuuf yaalaa ture.

Tarkaanfii akkamii fudhatamuu mala?

Fifa'n xumura tapha Ispeenii fi Arjentiinaa irratti wal dhabdee mudate qorachaa jiraachuu ibse.

Koree Naamusaa fi abbaa alangaa ramaduun qorachaa kan jiru FIFA'n wal dhabdicha caalaa arrabsoo fi miidhaa dhaqabsiisuuf sochii taasifame akka qoratu hime.

Taphataas tahe garichi balleessaa hojjechuun yoo irratti mirkanaa'e adabbii cimaatu isaan eeggata.

Seerri FIFA keewata 13 waa'ee naamusaa fi adabbii amala gadhee agarsiisuu fi qajeeltoo taphaa mudatu irratti ibsa kenna.

Gochaan taphattootaa fi garee leenjistootaa seerota amala gaarii cabsuu'' kan jedhu keessatti ilaalama.

Kun amalli isaanii taphicha gara jeequmsaa fi hookkaraatti akka jijjiiramu gochuu kan jedhuun ilaalama.

Abbaan Alangaa Naamusaa Fifa, ''haalota dubbii hammeessanii fi qabanneessan'' kan jedhuun qorata.

Dhorkaa guddaa akka addunyaatti dabarsuus danda'a. FIFA'n kana dura yeroo gareen dubartootaa Ispeen Waancaa Addunyaa mo'atan leenjisaan isaanii Ruubiyaales dursituu taphattootaa Hermoosoo dhungate jennaan keewwata kanaan himatee adabbii irratti dabarseera.

Ruubiyaales waggoota sadiif sochii ispoortii kamirraayyuu dhorkameera.

Luwis Suwaarez bara 2014 taphataa Xaaliyaanii Jiyoorjiyoo Keeliinii waan ciniineef ji'oota afuriif ispoortii kamiyyuu keessatti akka hin hirmaanne adabe.

Haa tahu malee Almaadaa, Ayalaa, Mooliinaa fi Paareedesh adabbii hagas gahuun waan dabaman hin fakkaatu.