Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorichoota 6 kan qunxurroon akka hin dhaabbanne godhan, garuu bal'inaan faayidaarra oolan
Qorannoon garaagaraa qorichoota bal'inaan faayidaarra oolaa jiraniifi qunxurroon akka hin dhaabbanne dhiibbaa godhan adda baasan.
Dawaawwan dhiironni fedhii saalaa isaanii akka hin miineef fayyadamuu dhiisuu qaban armatti tarreessineerra.
Fedhiin saal-qunnamtii fedha ilma namaa isa murteessaa dha, garuu altokko tokko qormaata ni qabaata.
Sababoonni garaagaraa qormaata kanaaf gumaachuu danda'u, sababoonni gariin immoo gosoota dawaa jahan gabaasa addaa ANI News Agency keessatti eeramani.
Qoricha dhukkubbii wayyeessu (Painkiller)
Namoonni baay'ee dhukkubbii xiqqoofis taatu qoricha dhukkubbii wayyeessu fudhachuuf jarjaru.
Garuu, qorichoonni akkasii dhiirummaa kee fi tapha sireerraa ni laaffisu.
Qorichi dhukkubbii wayyeessuuf fudhataman seelotni wal hormaata fayyaa akka hin tolfamnee fi hormonoonni yeroo saal-qunnamtii barbaachisoo ta'an akka jeeqaman godhu.
Qorichoota dhiphinaa (anti-anxiety)
Namoonni baay'een dhibee sammuu fi dhiphina qaban dhiphuu isaanii kana salphisuuf qoricha fayyadamuu fedhu.
Garuu, qorichoonni akkasii fedhii saalqunnamtii raawwachuu ni hir'isa.
Qorichoonni kunneen namni fedha saalqunnamtii akka dhabu godhu.
Yeroo tokko tokko inumaa dhiironni guutumatti akka of wallaalanis ni godhu.
Qorichoota kantaruu dhiigaa
Qorichoonni kolestiroolii waldhaanuuf faayidaarra oolan, jechuunis kantaruu dhiigaa hir'isuuf kan dhimma bahaman qunxurroon dhiiraa akka hin dhaabbanne gochuu keesssatti gahee guddaa taphatu.
Ogeeyyiin fayyaa qorichoonni kunneen seelonni wal hormaata fayyaa akka hin dalagne jeequ jedhu.
Qorannoon akka mul'isutti dawaan kantaruu (itituu) dhiigaa hir'isuuf dhimma itti bahamu dhiironni haadha warraa isaanii akka hin gammachiifne daangessu.
Qorichoota mukuu (Sannointing)
Dawaawwan kunneen, "benzodiazepines," jedhamaniis ni waamamu. Mukuu ykn sodaa hin jirre sodaachuu fi kophummaa dagachuuf kan faayidaarran oolani.
Dhibeewwan hirriba dhabuu fi dhukkubbii maashaa nama mudauufis ni fayyadamu.
Haa ta'uu malee, dawaan kunneen seelonni wal hormaata dhiiraa fi miirri isaa a akka hin hojjenne godhu.
Qoricha dhiibbaa dhiigaa (Antihypertensive)
Dhukkubsattoonni dawaawwan dhiibbaa dhiigaa fayyadaman qormaata biraaf saaxilamuu danda'u, humna isaanii ni hir'isa.
Dawaawwan kunneen kallattiin ujummoo dhiigaa wal argatu, sirna narviitii keessattis hojjetu.
Ogeeyyiin tokko tokko dawaan kunneen qaama wal hormaatan wal qabatee dubartootarrattis dhiibbaa ni qabaata jedhu.
Qoricha dhibee daranyoo sombaa (TB)
Dawaawwan ajaja hakiimaa malee fudhataman kan akka ukkaamamuu funyaanii banuuf oolanii fi waliigala ukkaamamuu qaama hargansuu banuuf oolan dhiibbaa qabu.
Dawaawwan kunneen dhiironnis dubartoonnis saalqunnamtiirratti rakkoon akka isaan qunnamu ni godhu.
Hakiima kee dubbis
Dawaawwan kunneen yoo dandeettii saal-qunnamtii keerratti dhiibbaa qabu jettee yaadde hakiima kee dubbisiu. Dawaa tokkollee gorsa hakiimaa malee hin fudhatin.