"Humni galaanaa Iraan bidiruu fi qawweetti gadi deebi'e' - Tiraamp
'Iraan caraa takkallee hin qabdu. Duris hin qabdu ture, kanas ni beeku' jedhe Donaald Tiraamp ibsa Waajjira Masaraa Waayit Haawus irraa kenneen.
Kana immoo yoo na waliin dubbatan ni amanu, Televizhinii gubbaatti immoo bakka gaarii jirra jedhanii lallabu."
Ammas irra deebiin, US waraana Iraan, humna galaanaa isaanii, humna qilleensaa, fi hogganoota isaanii barbadeessuu dubbate.
"Iraan nukilarii akka hidhattu hin heyyamnu" jedhe.
Osoo Ameerikaan waraana banuu baattee Iraan yoona nukilarii hidhatte jedhe Tiraamp.
"Hundi keenyaa yoona asi jirru"
Pirezdantichi Ameerikaan Iraan "akka maleetti injifachuu", ibse. "Humni galaanaa Iraan bidiruu fi qawweetti gadi deebi'e" jedhe.