Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US dooniiwwan Hormuuz keessatti danqaman humna waraanaan akka baastu ibsuu booda Iraan tarkaanfiin fudha jette

Iraan karoora nagaa dhiyeessiteef Ameerikaarraa deebii argachuu sabaa-himaaleen biyyaalessaa biyyattii gabaasan. Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Iraan deebiin Ameerikaan kennite karaa Paakistaaniin akka isaan qaqqabeefi ilaalaa jiraachuu dubbachuusaa maddi oduu Taasniim gabaaseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Ameerikaan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman “eegumsaan” baasuuf akka jirtu dubbate

    Tiraamp Dilbata biyyoota dooniiwwan isaanii Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii dhaabbatan akka gargaaru dubbate.

    “Nageenya Iraan, Baha Giddugaleessaa fi Yunaayitid Isteetiif jecha dooniiwwan isaanii gaggeessaa qama bishaanii uggurri irra kaa’ame keessaa akka baafnuuf itti himneerra. Kanaaf, bilisummaadhaan gara dhimma isaanii itti aanutti deemuu danda’u,” jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseera.

    Tiraamp Ulaa Hormuuz keessa dhaabbatanii kanneen jiraniifi Ameerikaan gargaarsa akka taasisuuf jirtu kan itti himte dooniiwwan biyyoota kami akka ta’an hin beeksifne.

    Adeemsi dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu Project Freedom [Pirojektii Bilisummaa] jechuun Tiraamp waame kun Wixata har’aa jalqabama.

    Tiraamp adeemsa dooniiwwan kanneen baasuu gufachiisuuf kan yaalu yoo jiraate “tarkaanfii humnaa” akka fudhatan akeekkachiiseera.

    Iraan Bitootessa jalqabaarraa kaastee sochii Ulaa Hormuuzirra taasifamu guutummaan guutuutti dhorkiteetti.

    Akkuma kana ammoo Yunaayitid Isteetis dooniiwwan Iraan akka hin seenneefi hin bane dhorkaa irra keesseetti.

    Ajajaa Eegduu Warraaqsa Iraan kan tureefi amma miseensa Paarlaamaa kan ta’e Ibiraahim Aziiz miidiyaa hawaasaa isaarratti “giddu seentummaan Ameerikaa kamiyyu dhukaasa dhaabuu cabsuu” akka ta’etti ilaalama jedheera.

    Tiraamp ammoo miidiyaa hawaasaa isaarratti ergaa maxxanseen bakka buutonni Ameerikaa Iraan waliin marii “baayyee qajeelaa ta’e” akka taasisan eeruun “hunda keenya gara waan qajeelaa ta’eetti nu geessa” jedheera.

    Duulli dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaa baasuu “tarkaanfii namoomaa” ta’ee himuun, maqaa Ameerikaa, Iraan fi biyyoota Baha Giddugaleessaatiin kan taasifamu ta’uu dubbateera.

    Tiraamp ergaa isaa kanaan tumsi Iraan waliin taasifamu bifa kamiin akka keessummeeffamu ilaalchisee waan jedhe hin qabu.

    Tiraamp “… sochiin doonii, namoota, kampaaniiwwan fi biyyoota balleessaa tokkollee hin raawwanne gadhiisisuudha” jedheera.

    Erga waraanni Galoo Galaanaa jalqabee kaasee namoonni galaanarra hojjetan 20,000 ta’an gara itti socho’an dhabanii dhaabbataniiru.

    Odeeffannoo biroof:

  2. Vaayirasiin doonii Garba Atileetikii irratti namoota ajjeese Hantavirus maali?

    Imaltoota doonii Garba Atilaantikiirra yabalaa turte keessa turan keessaa namoonni sadi dhibee weerara Hantavirus ta'a jedhamee shakkamuun du'uu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ibse.

    Kana malees namni tokko qabamuu fi namoonni shan shakkamuun ibsameera.

    Lammiin Biriteen umrii waggaa 69 tokko guddoo dhibamee Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti yaalarra jira jedhame.

    Hantavirus qabaachuun kan barame nama kana qofa. Kanarraa ka'uun weerarri vaayirasii kanaa doonii kana keessatti ka'uun shakkameera.

    Dooniin kun MV Hondius jedhamti, kan kubbaaniyyaa Oceanwide Expeditions jedhamuuti. Arjentiinaa irraa namoota 150 feetee kan kaate yoo ta'u, yeroo ammaa handaara galaanaa magaalaa Keep Verdee jiru dhaabbatteetti.

    Hantavirus hantuutaan kan baatamu yoo ta'u, wantoota gogaa ta'an qaama hantuutaa keessaa ba'anirraa foolii ka'uun qilleensarra faca'a.

    Vaayirasiin kun fincaan, bobbaa ykn gorora hantuutaa irraa ka'uun qilleensa keessa wayita tamsa'u nama qaba.

    Carraan isaa dhiphaa ta'us, wayita hantuuti nama ciniintu ykn nama madeessitu namatti darbuu danda'a.

    Vaayirasii kanaaf wal'aansa addatti barame hin jiru.

  3. Karoora nagaa Iraan dhiyeessiteef Ameerikaan deebii kennite

    Iraan karoora nagaa dhiyeessiteef Ameerikaarraa deebii argachuu sabaa-himaaleen biyyaalessaa biyyattii gabaasan.

    Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Iraan deebiin Ameerikaan kennite karaa Paakistaaniin akka isaan qaqqabeefi ilaalaa jiraachuu dubbachuusaa maddi oduu Taasniim gabaaseera.

    Ameerikaan garuu karoora nagaa Teehiraaniif deebii kennuushee hanga ammaa ifatti hin beeksifine.

    Haata’u malee, Pirezidant Tiraamp Dilbata Kaan Niiwus Israa’eliif karoorichi fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbateera.

    Sabaa-himaaleen Iraan karoorri nagaa Teehiraan abbaa qabxii 14 Waashigiten waraanashee naannoo daangaasheerraa akka fageessitu, uggura ulaawwan galaanaa Iraan irra keesse akka kaastu, akkasumas kan Israa'el Libaanosirratti gaggeessaa jirtu dabalatee walitti bu'iinsi kamiyyu akka dhaabbatuuf kan gaafatudha.

    Karoorri kun biyyoota lamaan gidduutti guyyoota 30 keessatti waiigalteerra akka ga'amu gaafata.

    Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan:

  4. ASHAMAA!

    Toora tamsaasa kallattiin odeeffannoo isin biraan geenyu jalqabneerra.

    • Iraan yoo US haleellaatti deebite cimsitee haaloo ba'uuf dhaadatte
    • Gamoowwan Abbaan Jifaar jaarraa tokkoon dura Jimma taa'anii Makkaatti ijaarsisan amma maalirra jiru?
    • Waraanni Kaaba Itoophiyaatti yoo ka'e wantoota ijoo shan mudachuu malan
    • Iraan karoora marii nagaa haaraa qopheessite Paakistaanitti ergite
    • Waa'ee du'a Boontuu Waaktolaa poolisii fi namoonni itti dhihaatan dubbatan
    • Tiraamp kaartaa Ulaa Hormuuz kan maqaa ''Ulaa Tiraamp'' jedhu qabu maxxanse
    • Arsiitti ga'eessa haadha warraatiin qaamni saalaa guutuutti irraa murame deebi'ee hodhameef
    • Odeessaalee keenyaa karaa marsariitii, Facebook, YouTube fi WhatsApp hordofaa!