Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gamoowwan Abbaan Jifaar jaarraa tokkoon dura Jimma taa'anii Makkaatti ijaarsisan amma maalirra jiru?
Mootiin Jimma waggoota 58'f bulchan Abbaa Jifaar Abbaa Gomol hoggansa dinagdee guddaa qabanii fi biyyoota alaa waliinuu qunnamtii daldalaa fi dippilomaasii qabaataa turan akka ta'antu himama.
Amantaa Islaamaa jabeessuurrattis qooda guddaa akka bahan kan himamuuf mootiin kuni, waggaa waggaadhaan namoota muraasa imala Hijiraatiif gara Makkaa ergaa turan.
Obbo Abdulkariim Abbaa Garoo maatii mootii Abbaa Jifaar yoo ta'an, dhaloota afraffaa sanyii Abbaa Jifaari.
BBC waliin turtii kan taasisan obbo Abdulkariim, Abbaan Jifaar waggoota hedduuf nama murtaa'e waggaa waggaan gara Makkaa ergaa turanii, boodarra jila Obboleessa isaaniitiin hogganamu gara Makkaa ergan.
Kunis hordoftoonni amantaa Islaamaa bara sana keessa imala Hajjii fi Umraa deemuuf haala rakkisaa keessa fulla'anii erga achi gahanii bakka boqonnaa akka hin qabne gareen kuni Mootii Abbaa Jifaariif deebii fide jedhan.
"Akka ammaa kana miti lafoo deemama. Ji'oota dursee imala kanaaf qophaa'a. Galaa imala kanaa qopheeffata. Buna asharee qoricha adda addaa qopheeffata. Ji'a lama sadii lafoo deemanii karaa Masawwaatiin dooniidhaan gara Makkaa ce'aa turani"
"Jilli obboleessa isaanii quxusu,Doonochoo Abbaa Waajii abbaa Gomoliin durfamee Makaa deemee dhufe kuni rakkoo warri Hajjii fi umraa deemu keessa darbu deebi'anii mootichatti himan. Kaabaa Fuldura yeroo ala Xu'aafii Hajjii deemanu aduun baayyee guba. Gaaf gaaf bokkaanillee rooba. Namni bakka itti aara galfatu hin qabu" jechuun Mootichatti himuu dubbatu.
Rakkoo imlatoonni Hajjii fi Umraa yeroo Makkaa deeman isaan mudatu kana furuuf Abbaan Jifaar Makkaatti Woqfii (Mana Rabbii) kan imaltoonni tolaan keessa qubatan ijaaruuf murteessan.
"Abbaan jifaar ogeessota mana kana ijaaru Shanan Gibee irraa qopheessanii birrii qulqulluu Maazerterezaa kuma 75 itti baasanii Woqfiin kuni akka ijaaramu godhan. Abbaan Jifaar yeroo sana warshaa mismaara omishus waan qabaniif mismaara dhedheeraa fi waan barbacahisu Jimmarraa erganii ijaarsisan" jedhu Obbo Abdulkariim.
Woqfiin yookan Mana Rabbii jedhamuun manneen ijaaraman kuni imaltootni Hajjii fi Umraa tolumaan keessa kan boqotan malee hin dhaalamu, hin gurguramu, galii addaa irraa sassaabamus akka hin jirre himu.
"Makkaatti Mootiin Abbaa Jifaar bara sana gamoowwan lama ijaarsisan. Tokko Kaabaa fuuldurumasaatti. Fuuldura Kaabaa sanatti mootiin kamuu ijaarratee hin turre" jedhan.
Mootiin Jimmaa , Abbaa Jifaar Abbaa Gomol Jimmaan taa'anii yeroo maallaqa guddaa kana baasanii Makkaatti mana imaltoonni Hajjii fi Umraa keessatti aara galfatan ijaarsisan kana Afrikaa dabalatee biyyi amma Sawudii Arabiyaa jedhamtu kunilleen kolonii jala turan.
Dhuma Jaarraa 19ffaa keessa muka gurraachaa fi waan ijaarsaaf barbacahisu hedduu Jimmaa erguun, ogeessotni isaanii waggoota shan turanii Makkaatti gamoo abbaa darbii lamaa ta'an lamaa fi Madiinaatti ammoo Gamoo tokko akka ijaarsisan himu miseensi maatii isaanii kun.
Woqfiiwwan Abbaan Jifaar ijaarsisan kunneen woqfiiwwan Makkaatti ijaaraman keessaa woqfii maatiin irratti aangoo qabu ta'uu himan.
Ijaarsiwwan Abbaan Jifaar jaarraa tokkoon dura Makkaatti ijaarsisan amma maalirra jiru?
Baroota dheeraaf gamoowwan abbaa darbii lama lamaa kanneen ta'an manneen sadii Abbaan Jifaar Makkaa fi Madiinaatti ijaarisanii ture kunneen waggaa waggaan imaltoota Hajjii fi Umraatiif bakka aara galfii ta'uun tajaajilaa turan.
Bara sana keessa Saawudiin Warra Ingiliziin, Madiinaan ammoo Joordaaniin bulaa turani.
Erga mootummaan Saawudii gurmaa'ee booda qaama biraatti dabarfamanii gurguramanii turuu himu Obbo Abdulkariim.
Yeroo dheeraan booda Ilmi Abbaa Jifaar inni hangafni Doonochoo Abbaa Duulaa Abbaa Jifaar kan jedhaman bara 1937 Masgiida Jimmaa isa amma jiru kana ijaarsisanii ka'anii maazarterezaa hedduu qabatanii mootii yeros Sawudii bulchaa ture, Abdulaziz bira deeman. Mootichi gammadanii maal siifgodhu jedhanii gaafatan"
"Isaanis 'Mana Abbaakootii kan asitti ijaarametu jira. Manneen kuni seera qabeessummaa akka qabaatan' jechuun gaafatan. Mootii Abdulaziizis manneen kuni mana woqfiiti( Mana Rabbiiti) jedhanii mallatteessanii kennani" jedhan.
Bara 1984 mootummaan Sawudii naannoo Ka'abaa sana diizaayinii haaraan bareechuuf murteessuun ammoo gamoowwan Abbaan Jifaar ijaarsisan sanaattis rakkoo fide.
"Yeroo sana Mootummaan Sawudii labsii baase. Yookan mana bareedaa gamoo ijaaraa yookan ammoo kaasaa jedhe. Mana kana maatiin waliigalee manni kuni akka gurguramuu qabu maatiinis murteesse" jedhan.
Manni mootiin Abbaa Jifaar jaarraa tokkoon dura ijaarsisanii ture dureessa tokkotti bara 1984 Riyaala miliyoona 18tti gurgurame
Maallaqa gamoon kuni itti gurgurame kanaanis naanuma makkaatii gamoowwan lama ittiin bitamanii tajaajiluma Woqfii yookan bakka imaltoonni Hajjii fi Umraa itti boqotan ta'ee tajaajilaa ture.
"Bara 1996 A.L.A Jar wal bakka jedhamuu gamoo abbaa darbii sagalii fi Aziiziyadhaa ammoo abbaa darbii sadiitu ittiin bitame. Gamoowwan kunis tajaajiluma Woqfiitiif oolan"
"Gamoowan kuni akka Hoteelaatti kan ijaaramani Hajjiidhaaf Itoophiyaa irraa garas kan deeman hamma nama 800 kan ta'u bilisaan achi keessa boqotee Hajjii isaa fixate gala" jedhan.
Gamoon tokko tajaajila erga dhaabee waggaa sadi ta'e
Bu'uura Mootiin Jimmaa, Abbaa Jifaar Abbaa Gomol jalqabaniin manni bakka aara galfii imaltoota Hajjiitiif ijaaramanii fi gamoowwan lama naannawa Makkaatti argaman kunneen keessaa inni tokko amma tajaajila kennuu dhaabeera.
"Manneen imaltoonni Hajjii fi Umraa keessa buufataniin walqabatee mootummaan Saawudii seera haaraa base. Manneen akkanaa kutaan hundi bakka dhiqannaa mataasaa akka qabaatu, karaa yeroo balaa tasaa bahamufaa kan jedhu."
"Gamoowwan kunneen ammoo ulaagaa kana waan hin guunneef tajaajila dhaabaniiru," jedhan obbo Abdulkariim.
Gamoowwan kunneen akkaataa ulaagaa gaafatameen sirreessun ammoo bajata guddaa kan gafatu waan ta'eef maatiin mootii Abbaa Jifaar kana gochuu hin dandeenye.
Gama kaaniin ammoo mootummaan Sawudii naannoo gamoo kanaatti misooma kooridarii hojjechuu waan jalqabeefi manneen hedduun diigamaa waan jiraniif carraan diigamuus itti aggaamamee akka jiru eeru miseensi maatii Abbaa Jifaar kuni.
Manni Hajaajota Itoophiyaa tajaajilaa turee fi jiru kuni qabeenya Itoophiyaa waan ta'eef akkamiin baraaruun danda'ama kan jedhurratti Imbaasiin Itoophiyaa Saawudii Arabiyaa jiru waa'ee manneen kanaa qorannoo taasisuun maatii mootichaa fi qooda fudhattoota waliin irratti mari'atee hojiin jalqabamuus himan.
Hambaa seenaa jaarraa lakkoofsise kana itti fufsiisuuf tattaaffii mootummaan Itophiyaa gama Imbaasii isaa Saawudii Arabiyaa jiruutin eegale galateeffataniiru Maatiin Abbaa Jifaar Abbaa Gomol.