Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan yoo US haleellaatti deebite 'tarkaanfii laalessaa' fudhachuun akka haaloo baatu akeekkachiiste

Iraan yoo Ameerikaan bifa haaraan haleellaa eegalte akkasumas Ulaa Hormuuz cufuurraa of hin qusanne ''tarkaanfii laalessaa fi yeroo dheeraaf turu'' fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hoggantuun duraanii Miyaanmaar Aung San Suu Kyi mana hidhaatii baafamuun mana keessatti hidhamte

    Hoggantuun duraanii Miyaanmaar Aung San Suu Kyi mana hidhaarraa bahuun, mana keessatti akka hidhamtu itti murtaawuu waraanni biyyattii hime.

    Badhaafamtuun badhaasa Noobeelii Nagaa, dubartiin ganna 80, Aung San Suu Kyi magaalaa guddoo biyyattii Naay Pii Taawu keessatti, kaampii waraanaa keessatti hidhamtee turuu akka hin oolle himama.

    Bulchituun duraanii tun fonqolcha mootummaa waraanni biyyattii irratti raawwateen bara 2021 aangorraa kaafamte.

    Hogganaan waraanaa biyyattii Min Aung Hlaing, namni fonqolcha san hoggane ergaa dabarseen, "bara hidhaa ishee hafe mana ofiishee keessatti akka xumurtu murtaaye" jedhe.

    Aung San Suu Kyi kan aango Miyaanamaar bulchuutti dhufte bara 2015 yoo ta'u riifoormiiwwan dimookraasii hojiirra oolchuuf waadaa galtee turte.

    Aangotti dhufuunn dura, mootummaa bulchiinsa waraanaa jalatti biyyattii keessatti qabsoo diimookraasii gaggeessaa turte. Achiinis waggoota 15'iif mana keessatti hidhamtee dabarsite.

    Gabaasa kanaan miidiyaan mootummaa biyyattii suura loltoonni biyyattii lama yunifoormii uffatanii ishee dura taa'an mul'ise.

  2. 'Dhimma Ulaa Hormuuz irratti Iraan hin amanamtu'- UAE

    Aangawaa olaanaan Yunaayitid Arab Emireetsi Jimaata yaada kenneen, Tehraan dhimma Ulaa Hormuuz irratti tarkaanfiin gam-tokkee isheen fudhattu kamuu hin amanamu, biyyoonni kaan waan ishee hin amanneef carraaqqiin waraana dhaabuu danqameera jedhan.

    Waraanni kun erga eegalee ji'a lama, ulaan galaanaa murteessaan addunyaa ammallee Iraaniin cufameera.

    Humni galaanaa US immoo Iraan qabeenya jikitaa boba'aa ishee akka hin gurguranne ulaa kana itti cufeera.

    Uggurri kun ulaa boba'aan addunyaa 20% keessa darbu ukkaamsee qabeera. Gatii boba'aa addunyaas qaalesseera, kufaatii diinagdees hordofsiisuu akka danda'u yaaddoo uume.

    Ebla 08 kaasee dhukaasi dhaabbatee jira. Garuu Kamisa karoora haleellaa haaraa irratti Pirezdantii US Donaald Tiraampiif ibsi kennamuu gabaasaaleen ni agarsiisu.

    Karoorri haleellaa haaraan kun Iraan akka mariif tole jettu dhiibbaa irratti gochuu dha jedhama.

    Gatiin boba'aa addunyaa waggaa afurii as akka miilanaatti qaalayee hin beeku.

    Iraan humna ittisaa qilleensaa ishee qophii gooteerti, haleellaan biraa irratti raawwannaan haaloo bahuuf karoora bal'aa qopheeffachuu himte.

    Ameerikaan haleellaa hamaa, kan yeroo gabaabaa fi Israa'el boodarra itti hirmaattu raawwachuuf oduu jedhu dhagahuun, qorannoo gaggeessanii booda qophii kanatti jiraachuu qondaalonni Iraan lama kan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan Rooytarsiif yaada kennaniiru.

  3. US mana barumsaa Waashingitanitti argamutti haleellaa meeshaa qara qabuun raawwatameen barattoonni miidhaman

    Wayita haleellaan raawwatu hookkara ture keessa barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa shanii fi qaamni nageenyaa tokko miidhamuun hospitaala geeffamaniiru.

    Poolisiin shakkamaa to'achuu ibseera. Shakkamaan kunis barataama mana barumsaa sadarkaa lammaffaati.

    Innis taatee kana keessatti miidhameera.

    Waajjirri ittisa balaa abiddaa magaalaa Takomaa battala taateen kun mudatetti hojjettoonnisaa bakkas qaqqabuun warra miidhameef yaala fayyaa sadarkaa jalqabaa erga taasisanii booda, wal'aansa dabalataaf hospitaala geessuu hime.

    Jalqaba barattoonni afur haala yaaddessaa keessa jiru jedhamee ture.

    Booda garuu kan miidhaman hunduu fayyaansaanii sadarkaa gaariirra jiraachuun ibsame.

    Jeequmsa mudate kanaan Jimaata har'aa manni barumsaa cufameera.

    Bara 2007 manuma barumsaa kanatti barataan umrii waggaa 17 rasaasaan rukutamee du'eera.

    Namni haleellaa sana raawwate ol adeemaa umrii waggaa 18 yoo ta'u hidhaa waggaa 23n adabame.

  4. Miindaan Koobii Maayinuu 500% guddachuun kontiraata haaraa mallatteesse

    Taphataan Maanchister Yuunaayitid Koobii Maayinuu kontiraata haaraa waggaa shanii Yuunaayitid waliin mallatteesse.

    Maayinuun hanga bara 2031tti Maan Yuunaayitid keessa turuuf waliigaleera.

    Miindaan isaa duraan torbeetti paawondii 20,000 ture. Amma torbanitti miindaan isaa 150,000 gale. Maayik Kaarik ijoollummaa irraa jalqabuun Maayinuu leenjisaa ture.

    Ruuben Amoorim jalatti carraa taphaa kan dhabe taphataan ganna 21 kun Kaarik jalatti garuu taphataa murteessaa tahuu isaa mirkaneesse.

    Kaazemiiroo waliin gahumsa guddaa argamsiisaa jiru. Maayinuun bu'aa akkaadamii Yuunaayitid yoo tahu kilebicha gadhiisa jedhamee ji'a Amajji darbe eegamee ture.

  5. Isaa Suleeyimaan yaalii ajjeechaan himatame

    Isaa Suleeyimaan yaalii ajjeechaatiin himatamuu Poolisiin Metiraapoliitaan ibse. Kun ammo Yihudoonni lama Kaba Landan, Golders Green keessatti waraanamuu hordofeeti.

    Namni umuriin isaa wagga 45 ta’e kun Roobii darbe Shiloom Raand kan umuriin wagga 34 ta’ee fi Mooshee Shaayin kan umuriin wagga 76 irraan miidhaa geessisuun himatame.

    Raan miidhaa irra gaheen booda hospitaalatti wallaansa argatee bahu barsiisaan amantaa Yihudootaa dubbateera.

    Taatee kana hordofee sadarkaa yaaddoo shororkeessummaa “hamaa” jedhamu kan ji’oota ja’an itti aanan keessatti mudachuudhaaf “carraa bal’aatu” qabu jiraachuun ibsamaa jira.

    Ummanni “ dammaqee waan jiru hordofuu qaba” malee nahuu akka hin qabnu jechuun ergaa kan dhaame ministirri nageenyaa, sadarkaan yaaddoo shororkeessaa adbaluun “Sababa haleellaa ammaa kanaaf qofa” akka hin taane dubbateera.

  6. Yugaandaan namicha daa'imman afur ajjeese du'aan adabde

    Namni kun ji'a dura magaalaa guddoo Yugaandaa, Kampaalaa iddoo turtii daa'immanii keessatti daa'imman afur ajjeese.

    Manni murtii Yugaandaa ga'eessa umrii waggaa 38 Kiristoofar Okeelloo Oniyaam jedhamu kana irratti adabbii du'aa murteesseera.

    Yakkamaan kun iddoo oolmaa daa'immanii bakka Bagiibaa jedhamutti argamutti seenuun daa'imman umriinsaanii waggaa tokkoo fi lama gidduu ta'e afur ajjeese.

    Yugaandaa keessatti adabbiin du'aa guutummaatti haqamuu baatus, garuu ammoo darbee darbeeti kan kennamu.

    Yeroo xumuraaf biyyattii keessatti murtiin du'aa kan kenname bara 2005 ture.

    Ergasii kun kan jalqabaati.

    Lammummaa Yugaandaa fi US kan qabu Oniyaam ol iyyannoo dhiheeffachuuf guyyaa 14 qaba.

    Abbootiin alangaa akka jedhanitti namni kun himata irratti dhihaate hin haalle.

    Inumaa sooromuuf ykn maallaqa argachuuf ''aarsa kaffalame'' akka ta'e ibse jedhan.

    Garuu ammoo itti yaadee lubbuu daa'immanii balleessuuf akka hin raawwanne dubbachuun himannaa irratti dhihaate ofirraa falmeera.

    Wayita ajjeechaa kana raawwatetti sammuun akka isa dhukkubu eeruun, manni murtii rakkoo fayyaa sammuu isaa kana ilaalee akka ilaalcha godhuuf iyyateera.

    Abbaan seeraa Aliis Komuhangi Kahawukaa garuu namichi kun wayita ajjeechaa daa'immanirratti raawwatu ''sammuunsaa naga qabeessa ture,'' jedhan.

    Kanaafuu ga'eessi kun himannaa kana jalaa ba'uu hin danda'u jedhan.

  7. Haatikoo dur jaalala Mooticha Chaarlesiin qabamtee ture- Tiraamp

    Tibbana Mootii UK Chaarlesii fi Giiftii Kamilaa UStti kan simatan Doonaald Tiraamp, haati isaa lammii Iskootilaand turte Mooticha Chaarlesiin ''baay'ee bareeda'' jetti ture jedhe.

    Tiraamp haatikoo warra Mootii UK akka baay'ee jaallattu hime. Maqaan ishee Meerii Annee Maakliyood jedhamti.

    Waayit Haawusitti yeroo Mootichaa fi Giiftii Kamilaa simatee dubbii taasisu Tiraamp ''nan yaadadha, yeroo haatikoo ilaali. Yeroo dargaggummaa isaa Chaarles akka bareedu jetti ture'' jedhe.

    ''Amantaa! Haatikoo jaalala mootichaan qabamtee ture'' jedhee baacoo fakkeessee dubbate.

    Harka isaa ol gara samiitti qabee ''Yoona maal yaadaa jirti laata'' jechuun dubbate.

    Haati Tiraamp Meeriin Odola Lewis Iskootilaanditti argamu keessatti dhalattee maatii ishee waliin 1930 gara Niw Yoorkitti godaanuun achitti guddatte.

    "Bakki tokko tokko maatiinkoo waaman garuu dhuguma Iskootilaand keessadhaa? Heebraayidis Iskootiland keessaa? yaadannoo guddaa achii qabu'' jechuun bakka dhaloota harmee isaa hime.

    ''Haatikoo umurii ishee waggaa 19'n gara Ameerikaa dhufte. Asitti abbaakoo nama ajaa'ibaa tahe Fireed waliin wal barte. Baay'ee isa jaallanna. Kanumaan wal fuudhanii waggaa 63 waliin jiraatan,'' jedhe.

    Yeroo Tiraamp kana dubbatu Mootichi Chaarles kolfee xiqqoo akka qaana'uus taheera.

  8. Tiraamp namni pirezidantummaaf dorgomu qorumsa madaallii sammuu fudhachuun dirqama ta'uu qaba jedhe

    Akkaataa pirezidantonni isa dura turan itti yaadan qeequun kan beekamu Pirezidant Doonaald Tiraamp kanaan booda namni pirezidantii ta'u kamuu qorumsa madaallii sammuu fudhachuu qaba jedhe.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanseen ''pirezidantiis ta'e pirezidantii itti aanaa ta'uuf kan dorgomu kamuu dorgommiitti seenuu dura qormaata akkaataa sammuun itti yaadu madaalu fudhachuun dirqama ta'uu qaba,'' jedhe.

    Yoo akkas goone namoonni akka Baraak Huseen Obaamaa fi Joo Baayidan yoo mo'atan nu hin ajaayibu jedhe Tiraamp.

    Bulchaan US kun maqaa Baraak Obaamaa guutuu wayita barreessu ''Huseen'' kan jedhu mallattoo waraabbii keessa kaa'uun ibsuun akkasumas ammoo Joo Baayidaniin ''nama rafaa'' jechuun bifa kajasaanii gadi buuseen ibse.

    Haala kanaan biyyisaa, Ameerikaan, iddoo filatamtuu akka taatu katabe Tiraamp.

    Tiraamp ofiisaatii yeroo sadi qormaata kana fudhachuun akka darbe ibse.

    Akkanni jedhutti marsaa sadi pirezidantii ta'ee tajaajiletti qormaata madaalli sammuu fudhachuun hundayyuu darbeera.

    Tiraamp aangoo pirezidantummaa kan qabate marsaa lama ta'uu addunyaan kan beekuudha, inni garuu yeroo sadi jedhee ibse.

    Filannoo bara 2020 Joo Baayidan injifate Tiraamp akka ofii injifatetti ilaalaa ture.

    Inumaa sagaleen hatameera jechuun bu'aa filannoo erga didee booda biyyattii keessatti jeequmsaaf sababa ta'ee ture.

    Tarii isa itti dabalee marsaa sadi pirezidantii ta'uu isa himata ta'aa? Sirriitti hin ibsine.

    Tiraamp marroo sadanuu qormaata madaallii sammuu wayita darbu doktaroonni milkaa'inni akkanaa pirezidantota duraan turaniin galmaa'ee akka hin beekne itti himuu ibse.

  9. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra. US fi Iraan ammas haleellaa walirratti banuuf dhaadataa jiru.

    Iraan yoo US haleellaatti deebite tarkaanfii hamaa fudhachuun akka haaloo baatu dhaadatte.

    Dhimma kanarratti odeeffannoo haaraa jiruu fi odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!