Hoggantuun duraanii Miyaanmaar Aung San Suu Kyi mana hidhaatii baafamuun mana keessatti hidhamte
Hoggantuun duraanii Miyaanmaar Aung San Suu Kyi mana hidhaarraa bahuun, mana keessatti akka hidhamtu itti murtaawuu waraanni biyyattii hime.
Badhaafamtuun badhaasa Noobeelii Nagaa, dubartiin ganna 80, Aung San Suu Kyi magaalaa guddoo biyyattii Naay Pii Taawu keessatti, kaampii waraanaa keessatti hidhamtee turuu akka hin oolle himama.
Bulchituun duraanii tun fonqolcha mootummaa waraanni biyyattii irratti raawwateen bara 2021 aangorraa kaafamte.
Hogganaan waraanaa biyyattii Min Aung Hlaing, namni fonqolcha san hoggane ergaa dabarseen, "bara hidhaa ishee hafe mana ofiishee keessatti akka xumurtu murtaaye" jedhe.
Aung San Suu Kyi kan aango Miyaanamaar bulchuutti dhufte bara 2015 yoo ta'u riifoormiiwwan dimookraasii hojiirra oolchuuf waadaa galtee turte.
Aangotti dhufuunn dura, mootummaa bulchiinsa waraanaa jalatti biyyattii keessatti qabsoo diimookraasii gaggeessaa turte. Achiinis waggoota 15'iif mana keessatti hidhamtee dabarsite.
Gabaasa kanaan miidiyaan mootummaa biyyattii suura loltoonni biyyattii lama yunifoormii uffatanii ishee dura taa'an mul'ise.