Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jawwee hanga Waraabeessaa bineensota hamoo madaksee kan waliin jiraatu- Lij Yaared
Hojii komeediifi meeshaalee gatamanirraa aartii tolchuun kan beekamu Lij Yaared tibbana ammoo Jawwee harkatti baatee yoo namoota daawwachiisu mul'achuun miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'eera.
Lij yaared komeedii dhiyeessuu muuziqaa fi fakkii addaa addaa hojjachuun kan beekamu yoo ta'u, amma hariroon inni bineensota hamoo ta'an akka Jawwee, Bofaa fi Waraabeessa waliin qabun miidiyaa irratti qoodamaa jira.
Jaalala kunuunsa naannoo fi bineensota bosonaaf qabuun dahoo kunuunsa bineensotaa hundeessee gosa bineensotaa garagaraa madaqsaa jira.
Bineensota akkanaa kana akkamiin madaksuu danda'e, akkasumas dawoo kunuunsa bineensota kana ijaaruu fi kunuunsu maaf hojii isaa godhate? Turtiin isa waliin taasifne kunooti
BBC: Yareed Jawwee fi bineensota kaan yeroo namoota dawwachiisan mul'ata sagantaan sun maali?
Lij yaareed:- Sagantaa sana warra bulchiinsa magaalaa Shaggartu qopheessee. Animmoo waggoota gara 7 ta'uuf dawoo kunuunsa bineensota kana tolchaan ture. Bulchiinsi magaalichaa hojii misoomaa hojjataman wayita namoota miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uuman daawwachisu achumaan hojii koo kanallee itti mul'ise.
Akkuma carraa ta'eeti malee hojiin isaallee xumuramee argrsiisaf hin geenye ture. Ganaa waa heddu irratti hojjadhee, guddisee agarsiisaf qopheessu barbaada.
BBC:Yaada dawoo bineensotaa hundeessuufi bineensota hamoo ta'an kana kunuunsuu akkamin horatte?
Lij Yaared: Abjuu koo ture. Kunuunsa fi eegumsa naannoo irratti hojjachuun jaaladha. Kanaan beekamtii fi badhaasallee hanga biyya alaatti ittin argadheera. Amma muuxannoo koos waan cimsadheef waan kana Oromiyaa keessatti hojjachuu barbaade.
BBC: Bineensota dawoo kanatti galchitu eessaa fidda?
Lij Yaared: Ani deemee bosona keessaa adamsee qabee miti kanan fidu. Kan dhukkubsatanii deemuu dadhaban faa yoon argun fayyisee dawoo kanatti fida. Yookan ammoo yeroo namni ajjeesuuf jedhufaa yoon argu gara kanatti fida. Naannoo kun ammoo durumaanuu bakka jireenyaa waraabessafaa ture. Amma dawoo ta'ee namni waan isaan hin xuqneef ofuma isaanitii dhufuu jalqaban.
Magaalaa keessatti gamoo qofa utuu hin taane waan akkanaa kanallee agarsiisuu qabna jedheen yaada. Finfinneen ykn Shaggar bineensa maal qabdi simbirroota akkamiifaa qabdi biqiloota akkamiifaatu jira isa jedhu namni ilaaluu barbaada.
Animmoo waan akkana irratti hojjachuun fedhii fi jaalala koo waan ta'eef kanarratti seena guddaan kaayuu barbaada. Dhalootni naannoo fi uumaama kunuunsuu akka qabuu barsiisa. Dabalataanis dawwannaaf gargaara.
Jawwee madaksuun salphaadhaa?
Bineensotni dawoo lij Yaared kana keessa jiran kanneen akka Bofaa, Waraabeessaa fi Jawwee dabalatee namootni hedduun sodaataniidha. Ammoo kanneen iidhaa namarraa ga'aniidhas. Yareed garuu bineensota kanneen madaksuun dawoo kana keessatti qofa qofatti mana ijaarefi achi keessa galu. Nyaata isaanis akka dhiyeessuuf hima.
BBC: Jawwee fi Bofa akkasumas bineensota naamni baay'een arguufu sodaatu madaksuun hin cimuu?
Lij yaareed: Baayyee cima. Gara jalqabaa muuxannoo hin qabu ture. Garuu fedhii akkasiin qaba ture. Yeroon adda addaa warra Jamaayikaa waliinis Faranjoota waliinis dabarseera. Isaanis waan aartii kana waan jaalataniif xiqqoo xiqqoo isanirraa waa bareen jira. Dur abbankoos manatti bineensota akka Qamalee fi Jaldeessaafaa ni fida ture. Sanumaa irraan amaleeffadhe natti fakkata.
BBC:-Bineensotni kunneen miidhaa sirraan geessisanii beekuu?
Lij yaareed: Eyyee jalqabarratti waan hin beekneef miidhaa narraan gahaa turan. Yeroo akkamii akka itti siqxu muuxannoo waanan hin qabneef na miidhanii beeku. Hundumti isaanii amala adda addaa qabu, yeroo namni itti siquu fi itti siquu hin qabnetu jira. Fakkeenyaaf yeroo nyaata nyaatan ykn wal qunnamtii taasisan akka itti dhiyaattu siif hin eeyyaman. Sana sana amma barutti miidhaa narraan gahaa turan garuu miidhaa cimaa balaaf na saaxilu miti.
Waraabessiis na ciniine beeka. Jawwee fi Boftis na hiddaniiru. Garuu yeroon isaanitti dhiyaadhu miidhaa narraan gahuu akka danda'an waan tilmaamuuf itti qophaa'een qorichaas qabadheen jalqaba.
BBC: Amma nama daawwatuuf yaaddoo hin ta'anii ba'anii miidhaa hin qaqqabsiisanii?
Lij yaareed: Lakki miidhaa tokkoyyuu hin geessisan. Mana mana isaanii qabu achi keessatti itti cufame taa'u. Namootni hangam irraa fgaatanii daawwachuu akka qabanis waan hubadhuuf haala sanaan dalleesseera. Yaaddoo miti.
BBC:Bineensotni Dawoo kana keessatti argaman maal fa'i?
Lij yaareed: Jawwee, Bofa, Waraabessa, Jaldeessa, Qamalee, Qocaa fi Allattiwwaan adda aaddati jiru. Waraabessi qofti gara 36 ta'u. Kanaa olittis itti dabalee guddisee hojjachuudha karoorrikoo
'Waan hin baratamne hojjachuun barbaada'
BBC: Fakkiinis ta'ee bobboca waan gatamerraa hojjachuun, ammammoo bineensota akkasii madaksuun waan barame miti. Ati akkamitti waan akkasii irratti xiyyeeffatte?
Lij yaareed: Bakki dhaloota koo markaatodha. Markaatotti waanti gatamu hin jiru, waanti hundi hojiirra oola. Kun ka'uumsa naaf ta'eera natti fakkata. Kanaarra ka'ee waan bade deebisanii fayidaaf oolchuu nan jaaladha. hojii aartii kootinis baay'inaan kana irrattin xiyyeeffachuu kootiin hanga sadarkaa addunyaatti deemee agarsiisaa ture.
Ani waan tokko hojjachuuf maallaqa qofa utuu hin taane yaada fi kalaqa nama barbaachisa jedheen amana. Animmoo uumamam kootiin waan hin baratame utuu hin taane waan hin baratamne, waan haaraa ta'e hojjachuun barbaada. Kuni kennaa kooti.
BBC: Faayidaan akka dhuunfatti irra argattu jiraa?
Lij yaareed: Ani faayidaa dhuunfaa koof ykn kiisii kootif miti kanan hojjataa jiru . Dhalootaaf fakkeenya ta'uufan hojjadha. Hojii koo kanarraa namni nama waliin qofa utuu hin taane bineensa wajjinillee jiraachuun akka danda'amu barata. Kanaaf badaa faayidaakoo irratti xiyyeefadhee hin beeku.
Tarii erga dawoon kun daawwannaaf banaa ta'ee agarsiisa sanarraa waa argachuun danda'a ta'a. Dura garu biyyakoo fayyaduun barbaada. Waan ati nyaattu ykn konkolaataa gaarii qabattu utuu hin taane waan ati dhalootaf hojjattutu seenaa ta'a. Garuu kaayyoo koo kana namni baay'een nan hubatu, nan deeggarus
BBC: Maalin nyaachista bineensota kana?
Lij yaareed: Baayyee nama dadhabsa. Isuman yeroo adda addaa hojii aartii hojadhee argadhurraan ittiin kunuunsa. Galii adda hin qabu garuu suuraa ani kaasufaa faranjootni narraa bitu, hojii koos ajaa'ibsifatanii isa na deeggaraniin ala biyya keessatti badaa deeggarsa hin qabu.
BBC: Mootummaan amma hojii paarkii guutuu biyyaatti babal'isuu irratti hojjataa jira. Ati dhuunfan kaayyoo mootummaa kana cimsuu irratti yoo hojjattu deeggarsa hin qabduu?
Lij yaareed: Hojiin kun silaa hojii mootummati . An amma erga hojii kana eegalee gara waggaa 7f deema. Silaa deeggarsa qabaadhee baatii 7 keessatti dahoo kana miidhaksee akka daawwannaaf ta'utti miijessuu nan dand'an ture.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa daawoo kunuunsa kana irratti akkan hojjadhuuf haalli akka naaf miijatu gara hoggantoota naannawa malkaa noonnotti dabarsanii ture.
Garuu isaan narraa fuudhanii abbaa qabeenyaaf kennuuf yaalaa turan. Isan ani dafqa kootiin ijaare jijjigsuuf dhufani. Sababa kanaan hidhameera. Namoota hedduun walitti bu'eera. Sanaan dhiphadhee waa uumuu illee dadhabeen ture. Amma garuu wal hubannaa garirra jirra. Ammayyuu seera qabeess naaf hin taane garuu waadaa naaf galaniiru.
Amma biyyi keenyaa kora jijjiirma haala qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) COP32 bara 2027 akka qopheessituuf filatamteetti. Silaa deeggarsi guddaan jiraatee hojiin koo kun fakkenya gaarii ta'uu danda'a. Hojiin akka kunuunsa naannoo fi bineensotaa, waan bade kan silaa balfa uumee naannoo faalu deebisanii fayidaaf oolchuu addunyaa irratti muuxannoo gaaridha. Akkasumallee hojii koo muuziqaatinis dhimma eegumsa naanno irratti hojjachuuf yaadaa jira.
Ani waan naaf galetu jira. Waan hin baratamne hin baratamne waan haaraan hojjachuuf yaadaa jira.