Amma nu gahe, Hundeesssaan CNN umrii isaa 87tti boqote
Hundeesssaan CNN Teed Tarnar, umrii isaa 87tti du'uu isaa networkichi beeksiseera.
Tarnar bara 1980tti, Cable News Network (CNN) akka madda oduu walitti fufiinsaan darbuu kan jalqabaatti bane; kunis yeroo gabaabaa keessatti aadaa miidiyaalee addunyaa ta'e.
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, "nama seena-qabeessa hangafaa miidiyaa biroodkaastii fi michuu koo" jechuun gadda itti dhagahame ibse.
Hogganaa fi dura-taa'aan CNN ammaa Maark Toomson, Tarnar "goota nuun utubee dhaabedha, har'a hundi keenya yeroo muraasa fudhannee dhiibbaa inni jireenya keenyaafi addunyaa irratti uume ni yaadanna" jechuun ibseera.
Toomson: "Teed hogganaa hojii keessatti hirmaatu, itti gaafatamummaa kan fudhatu, goota soda kan hin beekneefi yeroo hunda tilmaama ofii irratti hundaa'ee ejjennoo isaa kan amanu ture. Inni yeroo hunda utubaa CNN dhaabe dha," jedheen.
Pirezidaant Tiraamp CNN isa ammaa irratti qeeqa cimaa qabaatus, waa'ee Tarner yoo dubbatu: "Yeroon isa barbaadu hunda inni naaf argama ture, dhimma gaariif qabsaawufis yeroo hunda qophii turedha!" jedheera Tiraamp.