KALLATTIIN, Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'aa jiraachuu eeruun, oppireeshinii Ulaa Hormuuz irratti eegale dhaabuu ibse

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii turan baasisuuf oppireeshinii eegale ''Project Freedom'' jedhamu dhaabuu hime. Kunis Iraan waliin waliigalteerra jirra waan ta'eef jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hararitti dubartiin tokko al-takkaatti daa'imman 5 deesse

    Dubartiin umrii waggaa 35 kun daa'imman 5 nagaan deesse

    Madda suuraa, Harari Government communication affairs Office

    Haati umrii waggaa 35 kun daa'imman 5 erga deessee booda yeroo ammaa isheenis, daa'immanis fayyummaansaanii haala gaariirra jiraachuu Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii Facebook isaarratti ibseera.

    Hospitaala dubartiin kun keessatti deesse, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Hiwot Faanaa, keessa kan hojjetu Dr. Obsaa Hasan dubartiin kun Kibxata kaleessaa (Caamsaa 5, 2026) halkan keessaa sa'atii 3:30 irratti deesse jedhe.

    Dr. Obsaan dubartiin kun nagaadhaan hiikamuu ibse.

    Daa'imman shanan keessaa afur dhiira tokko durba.

    Dubartiin kun yeroo ulfa turtetti hospitaala kanatti deddeebitee ilaalamaa akka turte kan ibse Dr. Obsaan, dhumarrattis achumatti nagaan dahuu dubbate.

    Dubartiin Badiriyaa Adam jedhamtu kun jiraattuu Aanaa Soofii ganda Qiillee ta'uu Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii ibseera.

  2. Waayit Haawus waraana dhaabuuf Iraan faana waliigalteetti akka dhihaate amana

    Waayit Haawus

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan Iraan waliin waraana xumuruuf waliigaltee wal hubannoorra ga'uutti dhihaachuu Waayit Haawus akka amanu miidiyaan US Axios jedhamu gabaase.

    Miidiyaan kun aanga'oota US lamaa fi maddeen biroo lama wabeeffachuun akka gabaasetti waliigalteen wal hubannoo kun dhimma nukilara Iraanis ni ilaallata.

    Sanadi waliigaltee fuula tokko ta'u kun gabbisi yuraaniyemii Iraan akka adda citu, qoqqobbiin akka Iraan irraa ka'uu fi imalli doonii Ulaa Hormuuz iddoosaa duriitti akka deebi'u of keessaa qaba akka gabaasa miidiyaa kanaatti.

    Marii US fi Iraan hanga yoonaa taasisaa jiran keessatti dhimmi yuraaniyemii Iraan dhaabuu fi Ulaa Hormuuz banuu ijoo ture.

    Miidiyaan kun maddeen wabeeffachuun akka gabaasetti qabxiiwwan sanada waliigaltee haaraa kana keessatti eeraman hojiirra oolmaansaanii waliigaltee dhumarratti tolfamurratti hundaa'a.

    US deebii kanaa sa'atii 48 keessatti Iraan irraa eegdi. Miidiyaan kun hanga yoonaa waliigalteen raawwatame akka hin jirre gabaase.

  3. Iraan ''waliigaltee haqa qabeessaa fi hunda hammate'' US waliin tolfachuu akka feetu ibsite

    Iraan mariin US waliin taasistu ''waliigaltee haqa qabeessaa fi hunda hammate'' yoo ta'e malee akka hin fudhanne ministeerri dhimma alaa biyyattii ibse.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin gaggeeffamu ''fooyya'iinsa agarsiisaa jiraachuu'' Kibxata kaleessaa dubbateera.

    Chaayinaa kan jiran ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii ''marii kanaan mirga seeraan qabnuu fi dantaalee keenya mirkaneeffachuuf waan dandeenyu hunda ni goona,'' jedhe.

    Miidiyaan Iraan akka gabaasetti qondaalli Iraan kun biyyisaanii waliigalteen marii kanaan dhufu ''yoo haqa qabeessaa fi guutuu ta'e malee'' akka hin fudhanne ibseera.

    Abbaas Araagchii waa'ee oppireeshinii Ulaa Hormuuz dhaabuu US irratti yaada hin kennine.

    Ulaan Hormuuz erga Guraandhala keessa cufamee hanga yoonaa dooniiwwan karaa sana darbuu hin dandeenye, kanneen ba'anii ugguramanis hedduu.

    Ulaan boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'u keessa darbu kun cufamuun gatii boba'aa akkaan dabaleera.

  4. Oppireeshinii itti fufuu ykn dhaabanii Iraan waliin mari'achuu- burjaajii Tiraamp keessa jiru

    Doonii galaanarra jiru

    Madda suuraa, Reuters

    US oppireeshinii Ulaa Hormuuz irratti eegalte ''Project Freedom'' jedhamu adda kutuuf kan jettuuf sababa Iraan waliin waliigalteerra ga'uutti dhihaatteefi jedha xiinxalaan tokko.

    Jaarmiyaa International Crisis Group, damee Iraanitti daarektara kan ta'e Alii Va'eez, Tiraamp ammallee oppireeshinii itti fufuu fi oppireeshinicha dhaabee marii dippiloomaasiitti deebi'uu gidduutti daddaaqamaa jira jedhe.

    Ogeessi kun akka jedhutti oopireeshiniin kun ''bu'aa eegama argamsiisaa waan hin jirrreef'' Ameerikaa abdii kutachiiseera.

    Iraan dooniiwwanii fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dabalatee haleellaa raawwachuun deebii kennuunshee akka bulchiinsi Tiraamp of duuba deebi'u sababa ta'e jedha Alii Va'eez.

    Tarkaanfiin Iraan pirojektii Tiraamp labse ''Project Freedom'' dura dhaabbachuun fudhatte ''oppireeshiniin kun akka rakkoo hin furre'' Tiraampiin amansiiseera jedhe.

    Akkasumas tarkaanfiin Tiraamp kun akka Ameerikaa deebisee waraanatti galchu mul'iseera.

    Ammoo Ameerikaan oppireeshinii kana eegaltee guyyaa muraasa keessatti of duuba deebi'uun ''bulchiinsi Tiraamp imaammataa fi adeemsi sirrii akkasumas ifa ta'e dhabuu mul'isa,'' jedhe ogeessi kun.

    ''Pirezidantichi adeemsa dippiloomaasii sirrii eegee osoo hin taane miiraa fi dhiibbaadhaan tarkaanfii fudhata. Kanaafuu adeemsi jiru yeroo hunda wal hin fakkaatu, itti fufiinsas hin qabu.''

  5. Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Tiraamp dursuun aanga'oota Chaayinaa waliin mari'ate

    Qondaalota Chaayinaa fi Iraan yeroo mari'atan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii gara Chaayinaa, Beejiing imaluun gitasaa kan Chaayinaa Wang Yi waliin mari'ate.

    Miidiyaan Chaayinaa Xinhua jedhamu aanga'oonni lameen walarguun mari'achuu malee dhimma irratti mari'atan bal'inaan hin ibsine.

    Miidiyaan Iraan Fars jedhamu ammoo Abbaas Araagchii ''dhimmoota dantaa waloo ta'anii fi dhimma naannawa akkasumas addunyaa'' irratti aanga'aa Chaayinaa waliin mari'achuu gabaasee ture.

    Daawwannaan Araagchii karoora Pirezidant Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing walarguuf qabatanii jiran dursuun dhagahame.

    Tiraamp torbee dhufu keessa gara Chaayinaa imaluun Pirezidant Shii Jiinpiing waliin mari'achuuf jedha.

    Daawwannaan Tiraamp gara Chaayinaatti taasisu kun sababa bulchiinsi isaa Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti waraana baneef barfate malee kanaan dura ture.

  6. Tiraamp oppireeshinii Ulaa Hormuuz akka adda kutuuf jiru ibse

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti danqaman baasuuf oppireeshinii eegale yeroof adda kutuuf akka jiru ibse.

    Kanaaf ammoo Iraan waliin abdiin waliigalteerra ga'uu akka jiru akka sababaatti eere.

    Tiraamp oppireeshinii ''Project Freedom'' jedhamu labsuun dooniiwwan ugguraman Ulaa Hormuuz keessa dabarsuuf adeemsa kan eegale Wiixata ture.

    Oppireeshinii kanas humna waraanaan raawwachiisuuf yaaleera. Garuu Iraan tarkaanfii fudhachuutti wayita seentu Ameerikaan duula kana akkaataa yaaddeen goolabuu hin dandeenye.

    Aanga'oonni US amma humna fayyadamuurra marii nagaa waan filatan fakkaatu.

  7. Tiraampi Oppireeshinii 'Project Freedom' dhaabuu Iraan akka injifannootti lakkaa'atte

    Dooniiwwan Hulaa Hormuuz keessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniiwwan Hulaa Hormuuz keessaa

    Doonaald Tiraampi oppireeshinii 'Project Freedom' jechuun Hulaa Hoormuz keessaa dooniiwan danqaman baasuuf jalqabe yeroof ''dhaabuu'' isaa namoota baay'ee raajeffachiiseera.

    Oppireeshinii kun isa kana duraa irraa adda yoo tahu Tiraamp walabummaa daldalaa fi sochii Hulaa Hormuuz nan mirkaneessa jechuun kan jalqabedha.

    Kun ammoo Iraaniin dhiibbaa dinagdee keessa galchuuf karoorfameeti.

    'Project Freedom' Tiraamp jalqabe boba'aan bilisaan karaa Hulaa Hormuuz kana akka addunyaaf daddarbu gochuuf ture.

    Dooniiwwanii fi inshuraansonni isaan waliin hojjetan yeroo Tiraamp oppireeshinicha dhaabetti kan Iraaniin danqaman yoo tahe, isa Tiraamp kaayyoo keenya galmaan geenyeerra jedhe balaarra buusa.

    Itti aanee maaltu akka tahu hin baramne.

    Isa Tiraamp gaaffii Paakistaanii fi biyyoota kaanii irraa ka'uun ''yeroof dhaabneerra'' jedhe Iraan akka injifannootti lakkaa'aa jirti.

    Miidiyaaleen biyyattii oppireeshinii Tiraamp jedhe kana irratti biyyi isaanii injifannoo argachuu gabaasaa jiru.